Obaamaan hooggantoota jibba babal'isan akka hin fudhanne lammiilee Ameerikaa gaafatan

Madda suuraa, Getty Images
Pirezedantiin duraanii Ameerikaa Baaraak Obaamaan lammiileen Ameerikaa jecha hoggantoota jibba deeggaru ykn qoqqooddaa sanyummaa tumsanii fudhatama akka dhabsiisan waamicha dhiyeessan.
Obaamaan maqaa hoogganaa kamiyyuu hin dhoofne, garuu qeeqni dhiyeeessan ergaa jibbaa Pirezedant Doonaald Tiraamp dubbatan jedhame jeequmsa kaasuu haalanii booda ture.
Wiixata kaleessa Mr.Tiraamp leellistoota olaantummaa qomoo adii fi haasaa jibba isaani keessaa balaaleffatan.
Haasaan Tiraamp kunis ajjeechaa jimlaatti lubbuu namoota 31 Ohayootti galaafate booda ture kan dhaga'ame.
Mr.Obaamaa wayita aangoo Pireezedantummaarraa turan, falmiin qawwee qabachuu daangeessuurratti godhan hin milkoofne.
Bara 2015, seera ofeggannoo qawwee qabannaa daangeessuu otoo hin raggaasisiin hafuun bara pirezedantummaasaanitti waan isaan mufachiisuu ta'u dubbachuusaaniitu yaadatama.
Godaantota ilaalchisee haasaa walfamisisaa Pirezedant Tiraamp dubbatan qeequurraa of qusataniis garuu,haasaa wixataa darbe Tiraamp dubbatan irratti xiyyeeffatan.
''Dubbii afaan hoogganaa kamiyyuu bahee sodaa fi jibba ykn cunqursaa sanyummaaf sababa ta'u kamiyyuu fudhatama dhabsiisu qabna; hoggantoonni kana mul'isanis kanneen nun jaalanne ykn godaantonni jireenya keenyaaf yaaddoodha jedhan, kanneen namoota biroo akka kaani gadiitti akeekan ykn Ameerikaan kan gosa namoota tokkoo ta'uu akeekan dha'' jedhan.
''Kuni siyaasa fi jiruu hawaasummaa keenya keessaattis fudhatama hin qabu. Fedhiin lammilee Ameerikaa harka caaluu eegamuu qaba, qomoofi paartiin siyaasaa kamiyyuu kanaan olitti waan jedhan qabaachuu qabu ''jedhan.
Wayita duula filannoo Mr.Tiraamp godaantonni Meeksikoo warra nama ajjeessanii fi gudeedanii jechuusaaniitu yaadatama.
Dhiyeenyattis dubartoota miseentota kongiransii biyyatti 4 irratti qeeqni dhiyeessan dallansuu cimaa erga kaaseen booda Mr. Tiraamp qeeqni dhiyeessan jibba sanyummaan akka wal hin qabannee dubbatan.
Tiraam maal fa'aa jedhan?
Wixata masaraa Waayit Haawus irraa hordoffii fayyummaa sammuurratti cimsuun, namoota jumlaan namoota ajjeessan du'an adabuunii fi seera qawwee to'achuurratti walta'iinsi paartilee gurduddoo lamaanii akka barbaachisu dubbatan .
'' Dhukkuba sammuu fi jibbatu dhimmicha hammeessa'' jedhan Tiraamp. Haaa ta'u malee, tarkaanfii kongiransiin biyyatti to'annoo qawweerratti dhiyeesse hin deeggariin hafan.
Ameerikaan sanyummaa, qoodinsaa fi oolaantummaa qomoo adii akka balaaleeffattu dubbataniiru. Ilaalchi hamaan akkasii injifatamuu qaba, Ameerikaan jibbaaf iddoo hin qabdu jedhan.
Pirezedantichi imaammata gargaarsaa eeraniiru. Keessattuu, dhaaabileen mootummaaa, kaampanonni miidiyaaleen hawaasaa, seerri fayyummaa sammuu haaroomfamu akka qabu kaasan.
Qawwee gargaaramuun sodaa nageenya seera raawwachiiftotaarratti namootni uuman ykn namoota biroorratti uuman qawween isaanii harkaa akka dhaalamu seera alaabaa diimaa 'red flag law' akka hojiirra oolus waamicha dhiyeessan.
Biiroon haqaa biyyattis seera namni yakka jibbaan walqabatu raaawwate ykn ajjeechaa jimlaatti hirmaate du'aan akka adabu akka dhiyeessan qajeelchuus dubbatan.
Kana malees intarneetii fi tapha viidiyoo hawaasa keessatti jeequmsa jajjabeessan balaleeffataniiru.
Tiraamp godaantota seeraan alaarratti qeeqa dhiyeessan sanyiisaani jibburraa madduu isa mormtoonni himatanirratti yaada hin kenniin hafan.
Haleellaa Ohaayoo Deeytanitti lubbuun namoota 9 darbee eeruurratti dogoggoorri uumanis qeeqa Mr.Tiramp irratti qeeqa kaaseera.
Kun otoo kanaan jiru Tiraamp boru iddoo namoonni itti ajjeefaman Elpasoo akka daawwatanitu eegama.












