Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Waraana Tigraay: To'annaa humnoota TPLF jala kan jirtu Tigraay keessatti jireenyi maal fakkaata?
Naannoo Tigraay keessatti tajaajilli akka ibsaa, bilbila, interneetii, baankiifi geejjibaa erga adda citee baatii lama ta'eera.
Humnoonni Tigraay Waxabajjii darbe keessa magaalaa guddoo naannichaa Maqalee to'atan oduun jedhan wayita himamaa turetti tajaajilli ibsaa bade.
Guyyaadhuma sana mootummaan Federaalaa dhukaasa dhaabuu gam-tokkee labsuun magaalattii keessaa dabalatee Tigraay bakkawwan gara garaa keessaa akka ba'e yeroo ibsamutti tajaajilawwan miidiyaalee hawaasaa hundumtuu adda citan.
Isaan booda haala jiruufi jireenya naannicha keessa jiru baruudhaaf odeeffannoo dandeessisu argachuun rakkisaa ta'eera.
Namoonni tokko tokko garuu gara neetiwoorkii bilbilaa argachuu danda'an naannawaa Affaaritti siquudhaan, akkasumas namoota waajiraalee dhaabbileen gargaarsa namoomaa keessaa interneetii argatanitti ergaa ergachuun akka qaqqabsiisaniif gaafachuun odeeffannoo muraasa nu geessisaniiru.
Mootummaa Federaalaafi naannoo Tigraay kan bulchaa ture TPLF gidduutti waldhabdeen hammaachuun gara waraanaatti osoo hin galamiin dura, hawaasni baadiyyaafi magaalaa naannoo Tigraay garri caalu tajaajilawwan bilbilaa, ibsaafi bishaan argachaa ture.
Jireenyi hawaasa naannichaa garri caalus tajaajilawwan kanneen irratti hirkataa ta'ees tureera.
A L I Onkoloolessa 23, 2013 sababa waraana naannichatti jalqabeen tajaajilawwan kunneen naannichatti addaan waan citeef namoonni hedduun rakkinaaf saaxilamaniiru.
Naannicha keessa bakkawwan gara garaa warri jiraatan firootasaanii naannichaan ala jiraatan waliin wal-arguufis ta'e hojii isaanii hojjetachuudhaaf rakkachaa akka jiran namoonni BBCn dubbise ni dubbatu.
"Namni manni itti cufamee nyaata dhabuun du'e yoo jedhamu akkan hin dhageenye sodaan qaba."
Hojiifi miindaan, akkasumas dhiyeessi boba'aa gahaan waan hin jirreef jireenyi ulfaateera. Shaqaxawwan tokko tokko irratti gatiin dachaa lamaa ol dabaluun jiruufi jireenyi baayyisee rakkisaa ta'uu isaa ibsu.
Namoonni amma nyaata bilcheeffachuudhaaf qoraaniifi cilee akka filannootti gargaaramaa jiraachuu kan himan jiraattonni naannichaa, qoraan akka malee qaala'eera jedhan.
Gatiin zayitiifi mi'a biroo akka malee kan dabale yommuu ta'u, manneen nyaataa yeroo ammaa nyaata dhiyeessanirratti gatii dabalaniiru.
Jiraattuun akka maqaan ishee hin dha'amne barbaaddu tokko yaada BBCf kenniteen, zayitin liitiriin tokko birrii 500tti akka gurguramu, xaafiin kuntaalli tokko kanaan dura birrii 5,000-6,000tti gurguramaa ture amma birrii 7,000 olitti gurguramaa jiraachuu eerti. Boba'aan liitiriin tokko ammoo birrii 200tti gurguramaa jira jetti.
Hir'inni boba'a cimaan waan jiruuf taaksiiwwan tajaajila geejjibaa kennan hin dhiisisan; ibsaan waan hin jirreefis suuqiiwwan yeroodhaan waan cufamaniif magaalattiin yeroodhumaan qabbanoofti jetti jiraattuun kun.
Daballii gatii guddaa nyaatarratti mul'ateef, akkasumas sababa hir'ina maallaqaatiif namoonni walii walii isaanii wal gargaaruun jiraachaa akka jiran ibsuun, "warri wanta dhamdhaman hin qabnellee ni jiru," jetti.
"Ollaa ittoo dhabanii biddeena gogduu nyaatan qaba. Warra kan isaan sooru hin qabne garuu namni maallaqa ergeefii jiraachaa turan maallaqa argachuu waan hin dandeenyeef balaaf saaxilamaniiru.
Lubbuu gar-tokkee biddeenaatiin bultu qabannee jireenya wallaansoo qabaa jirra. Namni manni isaa itti cufame nyaata dhabuu isaatiin du'e osoo jedhamuu akkan hin dhageenyen sodaadha," jechuun jireenya hamaa keessa jiran ibsiti.
Milaazaat, bakka jiraattonni Maqalee bilbila itti bilbilatan
Miseensota maatii isaanii ykn hiriyyoota isaanii naannoo Tigraayiin ala ta'an kallattiin argachuun waan hin danda'amneef bakkawwan magaalattii keessaa ba'ee godina Kibbaa keessatti argamaniifi bakkawwan naannoo Affaar waliin wal daangessan deemuun bilbila bilbilu.
Gama biraan ammoo, namoota dhaabbileen alaa keessa hojjetan akka ergaa qaqqabsiisaniif ergaa gabaabaa barreessanii ykn sagaleesaanii waraabanii itti kennuun ergisiifatu.
Namni hojjetaa Yunvarsiitii Maqalee akka maqaan isaa hin eeramne gaafate tokko kana gochuudhaan namoota ollaa isaaniifi hirriyoota isaanii gargaaran keessaa tokkodha.
"Namoonni baatiiwwaniif maatii isaanii waliin wal hin argiin jiru. Darbee darbee yeroon gara interneeta itti argadhu yeroo deemu 'Nuti nagaa keenya, isin nagaadhaa?' ergaa jedhu hedduu namootan beekuuf qabadhee deemuun irra deemuunan waliin gaha.
Deebiyee ammoo ergaa guyyaa biraa qaqqabun fudhadha. Maal goonaree?" jechuun haalli keessa jiran rakkisaa akka ta'e eera.
Milaazaat, bakka jiraattonni Maqalee yeroo ammaa magaalattii keessaa ba'anii bilbila itti bilbilatanidha. Bakkattii kana neetiwoorkiin 'dadhabaadha' jedhu kan qabudha jechuun ibsa.
Bakkattiin kun magaalaa Maqaleerraa gama bahaan kiiloomeetira 30 faggaattee kan argamtu yoo ta'u, neetiwoorkii karaa naannoo Affaarirraan dhufutu achi akka qaqqabu dubbatu namoonni.
Daawwit Girmaay bakka kana deemuun obboleessa isaa quxisuu biyya alaa jiraatuuf bilbiluuf guyyaa lama deemee akka milkaa'e dubbata.
"Bakka bal'aa eddoo sana jiru namni taa'ees dhaabatees yeroo bilbila yaalu argama. Warri konkolaataa qaban konkolaataa isaanii jala taa'anii tuttuqu. Namoonni baayyee bilbila tokko bilbiluudhaaf guyyaa walakkaa eega. Waan namni heddummaatuuf natti fakkaata neetiwoorkiin isaa dadhabaadha. Ani sa'aatii saddeet eegeen yeroo naaf hojjetu 'obboleessa koo, nuti nagaadha' jedheen deebiye," jedha.
Neetiwoorkii bilbilaa naannawa kanaa argachuuf sa'aatii dheeraa akka fudhatu, namoonni hedduun gara lafa ol jedhaatti ol ba'anii akka yaalan, deemaniillee osoo isaaniif hin milkaa'iin kan deebiyan akka jiran BBCf ibsa Daawwit.
"Aarsaa kana hunda kanan kaffaluuf kaayyoo tokkoofidha 'nuti nagaadhaa... hin dhiphatiinaa' jechuuf qofa malee oduu biraa odeessuun hin danda'amu.
Bilbilichis yoom akka hojjetu waan hin beekamneef sa'aatii deemtetti hojjechuu dhiisuu danda'a. Sagalee maatii keenyaa dhaga'uun waan nu gammachiisuuf malee salphaa ta'ee miti," jechuun haalli nageenyaas salphaa akka hin taane ibsa.
Amma bakka sana neetiwoorkiin bilbilaa jira jechuu namoonni dhaga'an gara sanatti deddeebiyaa jiru; warri deemuuf humna hin qabnellee 'nama koo biraan ergaa kana naaf gahi' jedhanii ergatu.
Kanaan alatti tajaajilli baankii cufaa waan ta'eef maallaqa fudhachuufi erguu hin danda'an; ibsaanis waan hin jirreef hojiin garri caalu waan dhaabbateef kaaffeewwan bunaa bira taa'uun akka dabarsan namoonni yaada isaanii nuuf qoodan ibsaniiru.
Namoonni magaalota Wuqiroofi Agulaah keessa jiraatanis haaluma walfakkaatuun gara bakkawwan ollaa naannoo Affaar waliin waldaangessutti siqanii bakka ol ka'aa ta'e barbaaduun bilbiluuf akka yaalii godhan dhageenyeerra.
Rakkoon tajaajila bilbilaa, interneetiifi baankii dhaabbileefi hojjetoota gargaarsa namoomaa naannicha keessa jiraniifillee rakkoo guddaa akka ta'e dubbatu.
Kanarraa ka'uunis dhaabbileefi hawaasni addunyaa tajaajilawwan bilbilaa, interneetii, ibsaafi baankii naannichatti addaan cite akka deebi'ee hojii jalqabuuf gaafachaa jiru.
TPLF gama isaatiin tajaajilawwan kanneen dabalatee mootummaan Federaalaa "karra Tigraay irratti cufe [blockade] hanga kaasutti'' waliigaltee dhukaasa dhaabuu akka hin taasifne ibseera.
Dhimma kana torban darbe kan kaasneef hoji-gaggeessituun olaantuu Itiyoo-Telekoom Firehiwoot Taammiruu, bu'uuraaleen misoomaa telekoomii sababa walitti bu'insichaatiin manca'e suphuudhaan maamiltoota isaanii tajaajiluuf haala mijataa eegaa akka jiran ibsaniiru.
"Yeroo ammaa bakka sana walitti bu'insatu jira; kanaan dura yeroo haalli mijataan uumametti dursinee seennee tajaajila kennuun keenya ni yaadatama. Amma garuu walitti bu'insichi naannichaa bahee rakkoon biroo uumameera.
Haala kanaan hojii hojjechuu hin dandeenyu. Kanaaf, maamiltoonni keenya tajaajila akka argataniif haalonni akka foyya'aniif eegaa jirra," deebii jedhu kennaniiru.
Mootumman Federaalaa gama isaatiin dhukaasa dhaabuu gam-tokkee taasisuun raayyaa naannicha keessaa baasullee TPLF haleellaa raawwachuu waan itti fufeef, rakkoo sana babal'isuun gara naannolee ollaa Affaariifi Amaaraatti akka seenu taasiseera jechuun himata.
Tibba kana BBC Hard Talk waliin turtii kan taasisan Abbaan Alangaa Waliigalaa Federaalaa Geediyoon Ximootiwoos (PhD) maaliif mootummaan Federaalaa tajaajilawwian hawaasummaa cufuutti bobba'e; maaliif cufaa keessan hin kaastan? Gaaffiin jedhu dhiyaateefii ture.
Abbaan Alangaa kun dhaabbileen tajaajilawwan kanneen deebisan hojjettoonni isaanii Tigraay keessa akka jiran ibsuun, garuu jalaa ajjeefamaniiru, halalleenis irratti raawwatameera jedhan.
"Osoo TPLF hojjetoota irratti haleellaan geessisu itti fufaa jirutti hojicha hojjechuun hin danda'amu. Osoo labsii dhukaasa dhaabuu dhiyeessine fudhateera ta'ee haalli amma jiru kun ni jijjiiramu ture," jedhan.
Mootummaan bulchaa Tigraay seera qabeessa ofiin jedhu gama isaatiin tajaajilawwan kunneen ta'e jedhamee mootummaa Federaalaatiin akka addaan citeefi kana ammoo bansiisuuf lolli akka itti fufu ibseera.
Ji'oota saglan darban hojii hiikeen jira
Filmoon Birhaanee hojii dhuunfaa interneeta irratti bu'uureffate hojjechuudhaan dargaggeessa of jiraachisudha.
Haata'u malee, sababa ji'oota saglan darban interneetiin addaan citeef "hanga har'aatti hojii hiikeen jira" jechuun akka hojiisaa dhaabe dubbata.
Bilbillis waan hin jirreef beellamanis wal argachuunis rakkisaa waan ta'eef, "guyyaa walakkaa walbarbaachuudhumaan oolla," jechuun namoonni akka duraaniitti saatii barbaadanitti wal-arguu akka hin dandeenye ibseera.
Sababa kanarraa kan ka'een, inniifi hiriyyoonni isaa fala tokko uuman, hojiifis ta'e saatii sha'eedhaaf wal arguuf yeroo barbaadan 'wiirtuu odeeffannoo' dursanii ergaa kaawwatan ta'uun kan tajaajilu kaaffee tokko filachuun mirkaneeffatan.
"Bakka sana ergaa keenya; namni dursee dhufe 'ergaa qabaa?' jedhee gaafata. Yeroo wal argannu ammoo 'guyyaa akkasii . . . saatii akkasii . . . bakka akkasiitti wal-argina' jechuun guyyaa wal-arginutti beellama qabanna," jechuun haala keessa jiran ibsa.
Haalli jireenya namaa yeroo ammaa tajaajilawwan ibsaa, bilbilaafi interneetii waan gaafatudha kan jettu Aadde Saalem, amma garuu hojiin garri caalu akka dhaabbatu ta'eera jetti.
"Filannoon waan hin jirreef amma namni ibsaan hin jiru jedhee gungumuyyuu hin jiru. Kanaan alatti nama waliin beellamaan wal argina; har'a yoo wal argine guyyaa itti aanuuf beellama qabanna jechuudha."
'Poolisii ykn tiraafikiin hin jiru'
Raayyaan Ittisaa Itoophiyaa Onkoloolessa darbe magaalaa Maqalee dabalatee yeroo naannicha to'atetti ji'oota torbaaf saatiin sochii daangeffamee turuun isaa ni yaadatama. Bakkaa bakkattis socho'uunis daangeffamee ture.
Humnoonni Tigraay erga naannicha harka caalu to'atanirraa kaasee garuu saatiin sochii daangeffamee ture akka ka'e namoonni yaada isaanii kennan kun ni dubbatu.
Torban darbe keessa Maqaleetii hanga Shiree Maaycewu deemuun bakkawwan toora Aduwaa, Aksuum, Addigiraatiifi Tambeen irra jiran akka daawwatte kan dubbattu Saalem, "ummanni tajaajilawwan kanneen caalaa nagaatiif gatii guddaa kan kenne fakkaata," jetti.
Baatii lama dura sababii walitti bu'insaatiin bakkaa bakkatti socho'uun rakkisaa ta'ullee amma garuu bakkawwan garri caalan to'annoo hidhattoota Tigraay jala waan jiraniif 'sochiin gaariin jira' jechuun ibsiti.
"Kanaan dura daandiiwwan lubbu-qabeessi tokkollee irratti hin mul'anne turan. Waan callisaa tureef sababa waraanichaan namni hafeeruyyu waan jiru namatti hin fakkaatu ture. Amma garuu sochii gaariitu jira," jetti.
Waggoota dhiyoo as Maqaleen rakkoon nageenyaa gudaan kan keessatti mul'atuufi yakki hannaa hamaan nu rakkisa jechuun jiraattonni ibsaa turan.
Amma ammoo haalli jiru tasgabbaa'aa ta'uu namoonni dubbisne ibsanillee, qabataman maal akka fakkaatu BBCn mirkaneeffachuu hin dandeenye.
Saalem garuu, "amma ergan waa'ee hannaa dhaga'ee yeroo dheeraa ta'eera. Poolisiin hin jiru, garuu waa'ee hannaa hin dhageenye. Tiraafikiin hin jiru - balaa konkolaataa garuu hin argine. Namni hundinuu ofii isaatiif jedhee itti-gaafatamummaa kan fudhate fakkaata," jetti.
"Maqaleen akka yeroo ammaa kana nagaa argattee argee hin beeku," kan jedhu Filmoon gama isaatiin "hanga ammaatti hanni mudate hin jiru, miidhaanis hin qaqqabne. Saatiin daangeffames waan hin jirreef ji'oota lamaan darban kana saatiin barbaade miillaan socho'aan jira," jedheera.
Hanqinni bishaanii rakkoo guddaa birooti kan jedhan jiraattonni Maqalee, darbee darbee bishaan konkolaataan gurguramu jiraatullee "Ganna waan ta'eef rakkoon hamaan ammatti waan hin jirreef xiyyeeffannoon ittin hin kennamne, bishaan roobaa akka filannootti fayyadamaa jirra," jechuun dubbatti Aadde Saalem.
Filmoon garuu, "rakkoo kanarraa kan ka'een natti fakkaata kadhaan baayyateera; garamitti akka deemus wanti beekame hin jiru," jechuun hanqinni nyaataafi maallaqaa guddaan akka jiru ibseera.
Naannicha keessatti namoonni 400,000 ol ta'an balaa beelaaf akka saaxilamanii jiran dhaabbileen idil-addunyaa ibsaa turaniiru.
Torban darbe hoggantuun dhaabbata gargaarsaa Ameerikaa - USAID Samaantaa Paawor, erga waraanni naannoo Tigraay keessatti jalqabee ji'oota darban saglan keessatti yeroo jalqabaatiif dhaabbatichi nyaatni namootaaf dhiyeessu naannicha keessaa qabu jalaa dhumaa akka jiru beeksisuun isaanii ni yaadatama.