Lola Tigraay: US waraana Tigraayiin walqabatee hogganaa waraana Ertiraarra qoqqobbii keesse

US waraana Tigraay keessatti gaggeefamaa ture keessatti ''sarbama mirga namoomaa keessatti keessatti hiree qabu'' jechuun hoogganaa waraana Ertiraarra qoqqobbii keesseetti.

Waajirri qabeenyaa US ibsa Wiixata har'aa baaseen hoogganaa Raayyaa Ittisaa Eertiraa Janaraal Filiphoos Wold- Yihaannis irra qoqqobbii kaahuu ibse.

Sadaasa darbe naannoo Tigraay keessatti waraana hidhattoota TPLF fi loltoota mootummaa gidduutti dhalate hordofee mootummaan Ameerikaa waraanni Eertiraa lola san keessatti hirmaate lafa qabate gadhiisee akka bahu irra deddeebiin gaafachaa ture.

Waajira qabeenya US'tti muummeen to'annoo qabeenya alaa Janaraal Filiphoosirra qoqqobbii kan kaahe sababa ''Lola Tigraay keessatti qaama yakka sarbama mirga namoomaa hamaa raawwate hoogganaa turan'' jedhuuni.

Daayirektarri muummee sanii Andrea M. Gacki '' Tarkaanfiin har'aa waraana Tigraay keessatti kanneen yakka sarbama mirga namoomaa hammaataa raawwatanii waraanicha hammeessan adabuuf kutannoo mootummaan Ameerikaa qabu agarsiisa jedhan.

Ibsi mootummaa Ameerikaa kun erga bahee ibsa kan baase mootummaan Eertiraa himannaa fi gochi mootummaa Ameerikaa kun bu'uura hin qabu jechuun balaaleffateera.

''Mootummaan Eertiraa xalaayaafi miiraan himannaa bu'uura maleessa fi maqballeessii irratti aggaamame ni mormaa'' jedha ibsi Ministeera Haajaa Alaa Eertiraan barreefame.

Ibsa kana keessatti ''mootummaan Ameerikaa bu'uura malee yeroo Eertiraa himatu kun kan jalqabaa miti'' jedheera.

Manni Maree Nageenyaa UN ''gaafatama sarbama seera idila addunyaafi birmadummaa uummataa fi biyyootaa US irra deddeebiin raawwattu'' dhaabsisuu akka bahus mootummaan Eertiraa gaafateera.

Ibsi mootummaa Ameerikaa kun waraana Tigraay dabalatee guutu addunyaatti kanneen mirga namaa sarban irratti tarkaanfii fudhachuu itti fufna jedha.

''Eertiraan atattamaafi dhaabbiidhaan humnoota ishee Itoophiyaa keessaa akka baastu hubachiifna, qaamoliin waraanatti jiranis marii dhukaasa dhaabuu eegalanii sarbama mirgaa akka hambisan hubachiifna'' jedhan Gacki'iin.

Bu'uura qoqqobbii kanaan qabeenyi Janaraal Filiphoos kan maqaa isaan ykn nama biraan Yunaayitid Isteetis keessa jiru ni cufama.

Akka qoqqobbbii kanaattii US keessatti mallaqa ykn qabeenya Janaraal Filiphoosiif erguunis ta'e irraa fudhachuun ni dhorkama.

Mootummaan Ameerikaa miseensonni Raayyaan Ittisaa Eertiraa Tigraay keessatti loltoota mootummaa Itoophiyaa waliin ta'uun yeroo lolan, yakka dirqiin gudeeduu, ajjeechaa namoota nagaa hedduufi qabeenya saamuufi mancaasuutti turan jechuun qeeqa.

Janaraal Filiphoos hoogganaa waraana kanaa waan ta'aniif yakkoota kanaaf hooggana gaafatama fudhataniidha jechuun qoqqobbiin kun irra kaahamus ibsi waajira qabeenyaa US kun beeksiseera.

Himannaan walfakkaatu miseensota raayyaa ittisaa Itoophiyaarras dhiyaatee kan ture yeroo ta'u, mootummaan tarkaanfii fudhachaan jira jedha.

Abbaan Alangaa waliigalaa Federaalaa Dr. Geediyoon Ximootiwoos sagantaa BBC Hard Talk irratti gaaffii dhimma kanaan walqabatu gaafatamanii loltoota 30 ta'an irratti tarkaanfiin fudhatamuu ibsaniiru.

''Loltoonni keenya badiin irratti argame jiru, hedduun isaanii mana murtii waraanaatiin itti murtaa'ee jira.''

''Loltoonni keenya 30 ol hidhaa umurii guutuu dabalatee hidhaan adabamanii jiru. Kanaaf gochi keenyayyuu ofii isaatiin nu dubbata'' jedhanii qorannoowwan yakka akka kanaa saaxilanii mirkaneessan ammallee gaggeefamaa akka jiran himaniiru.