Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Waraana Tigraay: Haleellaa Raayyaa Qobboo, Agamsatti raawwatame jedhame keessa kanneen turan maal jedhu?
Lola naannoo Tigraay keessatti jalqabamee gara naannolee ollaa Amaaraafi Affaaritti babal'ateen miidhaawwan gurguddaan namaafi qabeenyaarra gahaa jiraachuu odeeffannoowwan qaamoleen gara garaarraa bahan ni mul'isu.
Kanaaf ammoo warreen waraanicha keessatti hirmaatan hundumtuu itti-gaafatamoo akka ta'an dubbatu.
Waranni kun naannoo Tigraay keessaa bahee erga gara naannoo Amaaraatti babal'ateen booda gaazexaan 'Ze Telegiraaf' jedhamu gareen finciltootaa TPLF haleellaa dhuma Adoolessaa naannoo Amaaraa, Qobboo bakka addaa Agamsa jedhamutti gaggeessaniin miidhaan cimaan ga'uu isaa gabaasee ture.
BBCn wanta bakka jedhame kanatti mudate ilaalchisee odeeffannoo dabalataa argachuudhaaf carraaqqii taaiseen namoota yeroo wanti ta'e sun uumamu achi turanii amma garuu naannicharraa faggaatan, akkasumas jiraattota miidhamanii wallaansa fayyaarra jiran dubbiseera.
Gaazzexaan kun akka gabaasetti, haleellaan gaggeeffame meeshaalee waraanaa gurguddootiin waan ta'eef manneen jireenyaa ibiddaan gubataniiru.
Gandoota afurtamaa ol Qobboo keessatti argaman keessaa tokko kan taate Warqee Gabayaa haleellaa ture sanaan warren miidhaan cimaan irra ga'e keessaa tokkodha.
Gandi Warqee Gabayaa kun gama kibba-Bahaa Qabbootti kan argamtu yoo taatu, gama lixaan magaalota gudataa jiran Roobitiifi Goobiyeen kan wal daangessitudha. Gama bahaan ammoo naannoo Affaar waliin kan wal daangessitu yoo ta'u, jiraattonni ganda kanaa gariin horsiise-bultoota.
Magalaa ganda kanaa kan taate Agamsatti dhiyootti dhuma ji'a Adoolessaarra haleellaan humnoota TPLFiin erga qaqqabee booda wanta mudate sana baruudhaaf rakkisaa ta'ee ture. Sababiin isaa ammoo bilbilli naannoo sanarraa waan adda citeefidha.
Haata'u malee, yeroo haleellaan sun raawwatamutti bakka sana kan turan garuu boodarra bakka sana gadhiisanii ba'uun jiraattota iddoowwan biraa jiran BBCn dubbiseera.
Jiraataa ganda Warqee Gabayaa kan ta'an Obbo Adam Huseen Adoolessa gara dhumaa gareen fincilaa TPLF gara ganda isaanii haleellaa akka gaggeessan dubbata. Guyyaa gareen kun haleellaa raawwatanitti barii saatii 12:00 irraa kaasanii ofirraa ittisuuhaaf dhukaasaan akka dura dhaabbatan himu jiraataan kun.
Namni kun akka jehutti taanaan, yeroo sanatti jiraattota naannawaa sanaa biroo waliin waan ofirraa ittisaniif gareen fincilaa kun bakka sana seenaa to'achuuf yaaliin taasisa waan hin milkoofneef, "mandara isaan keessatti bakka qabatanii dhukaasaa turan meeshaa guddaatiin tumanii gubaniiru," jeha.
Kun kan ta'e Wixata A L I Adoolessa 26, 2013 guyyaa keessaa naannoo saatii torbaa irratti ta'uu isa kan dubbatan Obbo Adam, dhukaasa walirratti baname sana keessatti miidhamuun bakka sana keessaa akka ba'an dubbatu.
Jiraataan biraa yeroo sanatti ofirraa ittisuuf humnoota tPLF waliin falmii keessa turan keessaa Obbo Nagaan kan biraati.
"Bakkuma sana ta'ee osoo manneen 41 gubatanii ijakootiin argeera," jedhu Obbo Naggaan.
Finciltoonni kunneen manneen sana kan gubanii, "sababii nuti ittisaa tureen darbanii seenaa waan dadhabaniif aariirraan kan ka'edha," kan jedhan Obbo Nagaan, manneen keessa namoonni hangam akka turan akka hin beekne eeruun looniifi reettonni baayyeen manneen keessa gubachuufi qabeenyi manca'uu BBCtti himaniiru.
Dabalataan ammoo, "Gandoota Qilxuu, Dibbusqaafi Adiiwud jedhaman keessatti madiifiidhaan rukkutamaniiru. Manneen hangi tokko erga gubataniin booda, finciltoonni kunneen ibidda harkaan qabatanii manaa manarra deemuun osoo gubanii argeera," jedhu.
Manneen jireenyaa beekaa ibidaan akkan manca'an taasifaman hedduu ta'uu Obbo Naggaanis Obbo Adamis ni dubbatu.
Namoonni kunneen lamaan yeroo haleellaan Wixataa kun raawwatamutti ganda isaaniirraa ittisuuf gar-tokkoo guyyaa finciltoota waliin walitti dhukaasaa erga turanii booda jiraattota keessaa namoonni 14 akka ajjeefamanifi Obbo Adam dabalatee namoonni 16 ta'an ammoo madaa'uu dubbatu.
Finciltoota haleellaa raawwatan keessaa hidhattoonni baayyeen ajjeefamuu isaanii kan himan jiraattonni kunneen, naannawaa sana humna raayyaa ittisaas ta'e humni addaa naannichaas akka hin turre ibsaniiru.
Waranaa finciltoota waliin ture irratti kan madaa'aniifi yeroo ammaa Hospitaala Daseetti wallaansi taasifamaaf kan jiru Obbo Adam, "Ani bulchaa maatii miseensota saddeti qabiiti. Ani osoon naannookoorraa eeguuf jechu dhukaasuun madaa'e. Isaan booda obbolaan kiyya wallaansa fayyaaf gara Dasee osoo na fidaa jiranii akkuma karaa qabanneen haati warraa kiyya akka deesses natti himaniiru. Amma garuu haala akkamii keessa akka jirtu hin beeku," jedhu.
Namoonni bakka haleellaan kun itti raawwatamerraa dhufanii Walloo Kibbaa bakka gara garaa keessa, gariin wallaansa fayyaarra, gariin ammoo mana firaatti dahatanii jiran bilbilli waan addaan citeef waa'ee maatii isaanii wanti beekan akka hin jirre BBCtti himaniiru.
Bulchitoonni naannawaa sanaa ammoo aanaalee naannichaa hollaatti argamanirri baqatanii jiru. Aanaan Raayyaa Qobboo to'annoo humnoota TPLF jala waan galteef miidhaa qaqqabe ilaalchisee aanga'oota bakka sana jiranirraa odeeffannoo abalataa argachuun hin anda'amne.
Wanta mudate kana ilaalchisuun gabaasa gaazexaan "Ze Telegiraaf' baase hordofee qaamni Mootummaa Biyyaalessaa Tigraay" jechuun of waamu ibsa baaseen humnoonni Tigraay haleellaa jedhame kana hin raawwanne jechuun waakkataniiru.
Sadaasa 2020 irraa jalqabee mootummaa Federaalaa waliin wal waraanaa kan jiruufi paarlaamaan biyyatti shororkeessummaan kan farraje humnoonni TPLF haleellaa jedhame ilaalchisuun akka jedhetti: "Gochawwan gara jabeenyaa namoota nagaa irratti raawwataman cimsee akka balaaleefatu," ibsuun himannaa irratti dhiyaate fudhatama hin qabu jedheera.
Dabalataan, gochawwan yakkaa naanoo Amaaraa keessatti namoota nagaa irratti raawwatamniiru jehaman ilaalchisuun Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitiin qaamni walabaa hundaa'ee akka qoratu gochuu qaba jechuunis gaafateera.