Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Itoophiyaatti hojjettoota mootummaa qaala'insa jireenyaa waliin wal'aansoo qabaa jiran
Hojjettootni mootummaa bulchiinsa magaalaa Finfinnee keessa jiran qaaliyinsi jireenyaa itti hammaachuu BBCtti himan. Hojjetoonni kunneen sodaa hojii keenya dhabuu malla jedhuun eenyummaa isaanii akka dhoksinuuf gaafataniiru.
Gabaasa kanaaf jecha maqaan ishee jijjiiramee kan dhiyaate Radi'eet hojjettuu waajira carraa hojii uumuu bulchiinsa magaalaa Finfinneeti.
Kan dhalattee guddattee Finfinnee keessatti. ''Maatiikoo waliinin jiradha miti osoo ta'ee miindaa 2,700n akkamittan jiraadha ture jechuun waggoota sadii dura haala keessa turte yaadatti. Amma miindaan ishee 5,000 harka ishee gaha.
Dhiyeenyatti bultii ijaarrattee mana kireeffattee kan jiraattu Radi'eet, kiraa manaaf qarshii 7,000 kaffalu.
Uqqubii qarshii 3,000 qabu. Kun baasii nyaataa, waldhaansa fayyaafi yeroo rakkoon mudatuuf jedhan osoo hin dabalatiini.
''Abbaa manaa koo waliin wal gargaarreetu malee akkamiinin danda'a? Miindaan bahee guyyaa 15 booda harka koorra qarshiin hin jiru,'' jetti.
Mana hojii isaaniitiin kanneen carraa hojii argatanii, keessumaa mana kireeffatanii jiraatan jireenya haalaan ulfaataa ta'e keessa akka jiran himti.
''Isaaniif maalirayyuu ooluu hin danda'u. Baayyee na gaddisiisa. Kiraaf nyaata danda'anii jiraachuuf rakkoo guddoo keessa jiru,'' jetti Radi'eet.
Ofii lakkoofsi maal agarsiisa?
Itoophiyaa keessatti qaamni nama hedduu qacaruufi carraa hojii uumu mootummaadha. Lakkoofsi hojjettoota mootummaa erga miiliyoona tokko caalee gara waggaa 10 ta'eera. Akka ragaa Baankii Addunyaatti sirni Dargii yeroo kufu hojjettootni mootummaa kuma 200-300 gidduu turan.
Akka ragaa Baankii Addunyaatti bara 1970-2019 gidduutti Itoophiyaa keessatti qaalayinsi jireenyaa inni hamaan kan galmaahe Barkumee Itoophiyaatti jechuunis ALI bara 2000'tti ture.
Bara sana qaalayinsi gatii dhibbeentaa 44.4 irra gahee akka ture galmaaheera.
Bara Dargiin kufe ammoo dhibbeentaa 36 gahee akka ture ragaan Baankichaa ni mul'isa. Bara 2005 irraa kaasee hanga bara 2009'tti qaalayinsi gatii dijiitii tokko keessa ture. Kana jechuun 10 fi isaa ol hin dabarre ture jechuudha.
Ta'uus bara xumuramaa jirutti qaalayinsi gatii wantoota nyaataaf oolanii dhibbeentaa 28 gaheera.
Dhimma kana salphaatti akka namaa galu kan ibsan ogeessi diinagdee Obbo Abdulmannaan Mohaammad, ''hojjettootni mootummaa waggoota lamaan darban qofa miindaa isaaniirraa dhibbeentaa 40 qaalayinsa gatiin nyaatamaniiru,'' jedhu.
Akka ogeessi kun jedhanitti, hojjetaan mootummaa waggaa lama dura miindaa 10,000 qabu, amma sababa qaalayinsa gatiin miindaan isaa gara 6,000 gadi bu'eera jechuudha.
Bu'aan isaa maal ta'a?
Caasaa mootummaa keessatti ''abbaan adeemsa hojii'' hoji-gaggeessaadha. ''Miindaan isaanii kan kiisii guutu, gaariidha'' jedhanii yaadu warri isaan jala jiran.
Mana hojii bulchiinsa magaalaa Finfinnee keessatti argamu tokko keessatti hooggantuu garee hojii tokkoo kan taate Immabeet garuu ramaddiin hojii qabanne guddaadha garuu nuti rakkoon jiraanna,'' jetti. Isheefis miindaan ji'aa guyyaa 15 caalaa hin 'barakatu'.
Harka ishee qarshiin 7,500 kan qaqqabu ta'us, ''mana baayyee dhiphoo kan ciisa lamaati,'' jettuuf qarshii 5,000 kaffalti. Ijoollee lama qabdi. ''Mana barnootaa rakasaa barbaaddee,''daa'ima tokkoof ji'aan qarshii 750 kaffalti. Geejiba daa'ima isheefis ni kaffalti.
''Hojjettuu mootummaa yoo taate nama daa'ima siif kunuunsu si barbaachisa. Gatiin zayitaa, xaafii samii tuqeera. Wanti hin qaala'iin maaltu jira?'' jechuun jiraachuun nutti ulfaateera jetti Immabeet.
Waggoota saddeet darbaniif mana argachuuf qusachaa jiraattus ''abjuu ta'ee hafeera'' jetti. Ta'uus miindaan dabalaa laata jettee eegdi.
Radi'eetiifi Immabeet barnootaan of fooyyessuuf yaada qabaatanis galiirraa kan ka'e dhiisaniiru. Inumaa Radi'eet jalqabdee waan kaffaltu dhabnaan addaan kutte.
Akka dubartoota kanaafi kanneen biroo hedduu hojjettootni mootummaa gatii dadhabbii isaanii qaalayinsi gatii yeroo harkaa fudhatu bu'aan isaa yaachisaa ta'aa jedhu ogeessi dinagdee Obbo Abdulmannaan.
Kun sadarkaa jireenyaarratti dhiibbaa guddaa qaba. Dabalataanis hojiisaaniirratti kaka'umsaafi gammachuu dhabuun isaan mudate. Kun ammoo gahumsa hojii gad aanaafi malaammaltummaaf karra bana,'' jedhu.
Malli maali?
Baroota hedduuf maddi qaalayinsa gatii rakkoo caasaa daldalaa biyyattii keessa jiru akka ta'e dubbatamaa ture.
Bakka omishaa irraa eegalee hanga shamattoota bira gahutti caasaalee daldalaa jirantu gatii qaalessa himanni jedhu ni dhiyaata.
Mootummaan, keessumaa wantoota nyaata hin taanerratti qaalayinsi gatii mul'atu ''sababa dinagdee kan hin qabne, shira namoota muraasaati,'' jechuun komata.
Ogeessi dinagdee Obbo Abdulmannaan garuu erga bara lamaan darbee as, keessumaa bara kana keessa qaalayinsa gatii mudateef sababoota amma dura baratamanitti wanti haaraan dabalame jira jedhu.
''Qaalayinsi gatii amma mudate sababni isaa sharafni birrii Itoophiyaa kan biyyoota alaa waliin qabu gad aanaa ta'uu isaati. Kun kan ta'e biyya qaalayinsi jireenyaa itti hammaachaa dhufeefi tasgabbii dhabuun siyaasaa ishee mudate keessatti,'' jedhu.
Kun akka dhaabatu yoo barbaachise mootummaan imaammata gatii birrii xiqqeessuu dhaabuu qaba jechuun gorsu. Kuusaan maallaqaa baankilee dabaluufi adeemsa keessa dhala qusannaa dabaluun rakkoo kana furuuf ni gargaara jedhu.
''Mootummaan Baankii Biyyaalessaarraa maallaqa liqeeffatu hir'suu qabas,'' jedhaniiru.