Waraana Tigraay: US fi EUn loltoonni Ertiraa deebi'anii Tigraayitti bobbaafamuutti yaaddahuu himan

Ameerikaafi Gamtaan Awurooppaa loltoonni Ertiraa ammas irra deebiin naannoo Tigraayitti bobbaafamaniiru jechuun yaaddoo qaban ibsan.

Wiixata darbe hooggana waraanaa Ertiraa Janaraal Filiphoos WaldaYohaannis irratti qoqqobbii kan kaahe Waajirri Qabeenyaa US ibsa baase keessatti waraanni Ertiraa irra deebiin naannoo Tigraayitti duuleera jedheera.

Ministirri Haajaa Alaa Ameerikaa Antonii Biliinken qoqqobbii kanaan walqabatee ergaa tiwiitara gubbaatti maxxansan irratti, ''Ertiraan loltoota ishee Itoophiyaa keessaa akka baaftu jabeessinee dhaamna,'' jedhaniiru.

Ibsa baasan irratti ammoo, ''Waxabajji keessa erga bahee waraanni raayyaa ittisa biyyaa Ertiraa hedduun deebi'ee Tigraay galuutti Yunaayitid Isteets yaaddofteetti,'' jedhan.

Itti dabaluunis warri waraana keessa jiran hunduu dhukaasa dhaabuun mariirratti hundaa'erra akka gahaniifi sarbamni mirgaa akka dhaabatu gaafatan.

Ragaa dippiloomatota EU argadhe jedhe waabeffachuun Rooyitarsi akka gabaasetti ammoo, loltoonni Ertiraa akka gaariitti hidhatan kutaalee Kibba Tirgaayitti duulanii naannoo magaalota Goshuufi Humeeratti ''taankiifi meeshaa waraana guddaan ittisaaf bakka qabataniiru,'' jedha.

Dubbii himaan TPLF Obbo Getaachoo Raddaa qoqqobbii ajajaa waraanaa Ertiraarra kaahame hordofee yaada tiwiitara gubbaatti maxxansan keessatti, ''humnoonni isaa (Janaraal Filiphoos) amma Lixa Tigraay humnoota Amaaraafi Raayyaa Ittisaa Itoophiyaa harkaa fuudhaniiru,'' jedhaniiru.

Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad Hagayya 17 Tarkiin daawwachuuf wayita imalanitti dura Asmaraatti goranii akka turan himamus, waajirri isaanii garuu waayee kanaa waan jedhe hin qabu jedha Rooyitarsi.

Waraanni Eertiraa Tigraayitti deebifamuu ilaalchisee ammatti mootummoonni Itoophiyaas ta'e kan Eertiraa waan jedhan hin qaban.

Ministeerri Haajaa Alaa Ertiraa ibsa Wiixata kaleessaa qoqqobbii hogganaa waraanaa isheerra kaahame balaaleffachuuf baase keessatti, ''mootummaan Ameerikaa bu'uura malee yeroo Ertiraa himatu kun kan jalqabaa miti,'' jedheera.

Mootummaan Itoophiyaa biyyootni Lixaafi dhaabbileen idil-addunyaa tokko tokko waraannii TPLF labsii dhukaasa dhaabuu namoomaa didee daangaa ce'ee haleellaa yeroo raawwatu callisanii ilaaluun loogaa jiru jechuun irra deddeebiin himachaa jira.

Waraana Tigraay keessatti Sadaasa darbe dhalate hordofee loltootni Eertiraa raayyaa ittisaa Itoophiyaa gargaaruun waraanicha keessatti qooda fudhachuun darbees yakkoota sarbama mirga namoomaa raawwachuun biyyoota fi dhaabbilee idila addunyaan akka balaaleffataman taasisee ture.

Mootummaan Itoophiyaa loltootni Eertiraa Tigraay keessa galuu yeroo dheeraaf haala erga turee booda ''yaaddoo nageenya biyyaalessaa waan qabaniif ofirraa ittisuuf duulan'' jedhee ture.

Boodas Caamsaa darbe waraanni Eertiraa Tigraay keessaa bahuu akka eegale mootummaan Itoophiyaa ibsuus gareen mootummaan shororkeessaa jedhee ittiin lolaa jiru TPLF waraanni Eertiraa akka hin baane hima.

Waraana ji'oota sagal lakkoofsise kanaan waraanni mootummaa Itoophiyaa ji'a tokko dura labsii dhukaasa dhaabuu gamtokkee labsee naannoo Tigraay keessaa bahuu hordofee humnootni TPLF labsii mootummaa diduun daangaa ce'anii waraana gaggeessaa jiru.

Humnoonni TPLF naannoo Amaaraa fi Affaar keessatti bakka adda addaa to'achuun haleellaa raawwachaa jiru.

Naannolee lameen kana keessattis sabab waraanaan namootni kumoota dhibbaan lakkaawwaman qe'ee isaaniirraa buqqa'uun deeggarsa namoomaa eeguuf dirqamaniiru.