Waraana Tigraay: 'US dhiibbaa Itoophiyaarratti gochaa jirtu akka dhaabduuf qabsaa'aa jirra'

Dhiibbaan mootummaan Ameerikaa Itoophiyaa irratti gochaa jiru akka dhaabbatuuf hojjechaa akka jiran lammilee fi dhalattoonni Itoophiyaa Ameerikaa jiraatan beeksisan.

Lammilee fi dhalattoonni Itoophiyaa dhaabbilee siiviilii 13 kan teessoo isaanii biyya Ameerikaa godhatan irraa walitti dhufan maqaa 'Ye Itoophiyaa ye Selaam Guwaad' ykn 'Jaallan Nagaa Diyaaspooraa Itoophiyaa' jedhu moggaafachuun torbeewwan sadiif Itoophiyaa daawwachaa turuu himu.

Gareen kun "haala waqtaawaa Itoophiyaa yaaddeessaa ta'e bu'uura godhachuun hawaasni diyaaspooraa Itoophiyaa biyya Ameerikaa jiru gahee gaarii akka bahatuuf kan hundaa'e," ta'uu dura taa'aan garichaa piroofeesar Biruuk Haayiluu ibsa har'a miidiyaalef laataniin himaniiru.

Sadaasa darbe Kaaba Itoophiyaa, Tigraayitti waraanni mootummaa federaalaa fi humnoota Tigraay jidduutti eegaluun hordofee Ameerikaan Itoophiyaa irratti dhiibbaawwan gara garaa gochaa turte.

Kunis Loltoonni Eertiraa fi humnoonni Amaaraa Tigraay keessaa akka bahan, deeggarsi namoomaa danqaa malee akka Tigraay dhaqqabu, lolli dhaabbatee mariin akka eegaluu fi kkf.

Kana raawwachiisuufis aanga'oota mootummaa fi kan TPLF waraanicha keessaa qoodaa qabanirra uggura viizaa keesseetti.

Mootummaan Itoophiyaa fi kanneen mootummaa deeggaran dhiibbaan Ameerikaan gochaa jirtu kan kan hin malle, hubannoo dogoggoraa irraa kan maddedha jedhu.

Gareen kun maal jedha?

Gara Itoophiyaa erga dhufee torbee sadii ol lakkoofsisuu kan himame gareen kun, kutaalee biyyattii sababa walitti bu'iinsaan namootni itti buqqa'an tokko tokko daawwachuusaa pirofeesar Biruuk ibsa waajjira ministeera haajaa alaa Itoophiyaatti kennaniin dubbataniiru.

Gareen diyaaspooraa Itoophiyaa keessa ture kun naannoo Saba, Sab-lammootaa fi Uummattoota Kibbaatti buufata buqqaatota Koonsoo fi Daraasheetti argaman akkasumas naannoo Amaaraatti immoo buqqaatota Axaayyee fi aanaa Arxummaa Fursii qubatan daawwachusaanii himaniiru.

"Buqqaatota kunneeniifis deeggarsa taasifneerra" jedhan pirofeesar Biruuk.

Naannoo Tigraayi fi Benishaangul Gumuz deemuf yaadanii turanillee sababa yaaddoo nageenyaa fi hanqina yerootiin gara naannolee kunneeniitti akka hin imalle himaniiru.

"Nagaa Itoophiyaaf tumsuu barbaadna" kan jedhan pirofeesar Biruuk Haayiluu "ibidda iddoowwan biyyattii tokko tokkotti boba'aa jiru dhaamsuuf gahee keenya bahachuun nageenya biyya keenyaaf ni hojjenna" jedhaniiru.Garichi iddoowwan biyyattii sababa walitti bu'iinsaan buqqa'iinsi itti uummame deemanii ilaaluu qofa osoo hin taanee tumsa deebisaanii dhaabuuf taasifamu keessattis gahee bahachuuf akka kaayyeffatanis himaniiru.

Daawwannaa isaaniitin Itoophiyaa keessa rakkoo qofa osoo hin taanee jireenyi idilee nagaan adeemsifamaa jiraachuus hubachusaanii pirofeessar Biruuk Haayiluu miidiyaalef himaniiru."Yeroo ammaatti Itoophiyaan diinota biyya keessaa fi alaan qoramaa jirti" kan jedhan pirofeesar Biruuk Haayiluu diinota lachuu loluuf kutannoo qabaachusaanii himan. "Gama Ameerikaatiin Itoophiyaarratti dhiibbaa gochuun ifatti jira. Kuni waan nama gaddisiisu" jedhan. Ameerikaan dhiibbaa Itoophiyaarratti gochaa jirtu akka dhaabduuf "qabsaa'aa jirra" jechuunis dubbatan. Haata'u malee hanguma yeroon deemu biyyoonni fi dhaabbileen Itoophiyaarratti dhiibbaa gochaa turan haala qabatamaa lafa jiru hubachaa jiraachuu isaaniis himaniiru.