Waraana Tigraay: Ameerikaan finciltoonni TPLF Bataskaana Laaliibalaaf eegumsa akka taasisaniif gaafatte

Dubbii Himaan Ministeera Dhimma Alaa Ameerikaa Need Piraayis, "Humnoonni Tigraay Laaliibalaa akka to'annoo isaanii jala oolfatan gabaasaaleen bahan irraa argineerra. TPLF hambaa seena qabeessa kanaaf eegumsa akka taasisuuf ni gaafanna," jechuun ejjennoo mootummaa isaanii miidiyaaleetti himaniiru.

Laaliibalaan hambaawwan seenaa UNESCO'tti galmaa'an keessaa tokkodha. Finciltoonni TPLF gara magaalaa Laaliibalaa kan bataskaanni seena qabeessa dhakaarraa bara durii tolfame itti argamu kana akka seenan Kamisa beeksisaniiru.

Finciltoonni TPLF Kamisa waareerra "karaa Gannata-Maariyaam jedhamuun beekamtuun gara magaalattii seenaniiru," jechuun BBC'f kan mirkaneessan kantiibaan Itti-aanaa magaalattii Maandefiroo Taaddasaa, mootummoota Federaalaafi naannoo waliin ta'uudhaan humni gara magaalattiitti akka seenuufi hambaa sanaaf eegumsa akka taasisuuf yaaliin taasifamaa jira jechuun ibsaniiru.

Qaamoleen waranaa keessatti hirmaatan waraana kana dhaabuudhaaf waliigalteerra akka gahaniifi gargaarsi namoomaa gara Tigraay akka qaqqabuuf carraan akka kennamuuf mootummaan irra deebi'ee gaafateera.

Waraana Sadaasa 2021 irraa kaasee ji'oota 9f itti fufee jiru kanaan namoota ajjeefaman, lammilee buqqqa'aniifi qabeenyaa manca'eeniin alatti qabeenya hambaawwaniirras miidhaan qaqqabuun isaa ni yaadatama.

Tigraay magaalaa Wuqiroo irraa kiiloomeetiroota muraasa fagaatee kan argamu Masgiida Al-Najaashiirra miidhaan qaqqabuu isaa Abbaan Taayitaa Qorannoofi Eegumsa Hambaaleen Itoophiyaa beeksisee ture.

Miidhaan hangamii masgiida kanarra akka gahe ifatti ibsamuu baatus mootummaan masgiidicharra miidhaa qaqqabsiisan finciltoota TPLF yeroo jedhan, TPLF ammoo humnoota mootummaati jechuun himatu.

Qabxiiwwan dabalataa mootummaan Ameerikaa kaase

Dubbi Himaan Ministeera Dhimma Alaa Ameerikaa Need Piraayis ibsa miidiyaaleef kennaniin, TPLF daa'immaan loltummaaf fayyaameera jedhamuun isaa akka isaan yaaddesse dabalanii ibsaniiru.

Gama biraan ammoo humnoonni nageenyaa Itoophiyaa dhalattoota Tigraay akkuma argan qabanii hidhuufi rakkisaa jiraachuu Ameerikaa akka yaaddesse dubbi himaan kun dubbateera.

Rakkoon dhalattoota Tigraay irra gahu naannoo Tigraay akkasumas kutaa biyyattii bakka gara garaatti akka ta'e himamaa jira.

"Hidhaafi dararri saba irratti hundaa'e fudhatama hin qabu," jedheera Need Piraayis.

Komishiniin Mirgoota Namoomaafi Aministii Internaashinaal kanaan dura ibsawwan baasaniin dhalattoonni Tigraay Finfinneetti argaman akkanuma argaman hidhamaa jiru jedhanii turan.

Poolisiin gama isaatiin namni kamiyyu eenyummaa isaatiin qofa hin hidhamne jedhaa tureera.

Mootummaan Federaalaa torbanoota dura magaalaa guddoo Tigraay Maqalee gadhiisee bahuun dhukaasa dhaabuu gam-tokkee labsuun isaa ni yaadatama.

Finciltoonni TPLF gama isaaniitiin waliigaltee hukaasa dhaabuurra gahuudhaaf haaldureewwan kaa'uudhaan kallattiiwwaan naannolee Amaaraafi Affarriin haleellaa raawwachuu itti fufaniiru.

Mootummaan gargaarsa namoomaa qaqqabsiisuu sababa jedhuun dhukaasa dhaabuu gam-tokkee labsuu isaa beeksisullee, humnoonni TPLF garuu dhukaasa dhaabuudhaaf humnoonni Amaaraafi Ertiraa Tigraay keessaa bahuu akka qaban, tajaajilawwan akka bililaa, ibsaa, bishaaniifi interneetii deebiyuu qabu kanneen jedhaniifi haaldureewwan biroo dhiyeessaniiru.