Itoophiyaan jaarsummaa Sudaanitti akka hin amanne ibsite

Itoophiyaan haalli Sudaan amantee itti fudhachuu dandeessu hanga hinumamnetti akka mariisiftuutti itti amantee fudhachuuf kan rakkattu ta'uu, Dubbi himtuun Ministira Muummee Itoophiyaa Billane Siyyum dubbatte.

Dubbi himtuun Billane Siyyum ibsa Kamisa miidiyaaleef kenniteen, karaa miidiyaa fi garee TPLF'n duulli mootummaa maqaa balleessuuf deemaa jiraachuu himte.

Himannaawwan ka'aa turan keessaa tokko mootummaan federaalaa ulaawwan gargaarsa namoomaa Tigraayitti cufe kan jedhu ta'uu kan eerte Billaneen, kanas garee TPLF'tu bocee miidiyaaleef raabse jette.

''TPLF komii akkanaa dhiyeessuun ulaa gargaarsaa karaa naannoo Affaariin jiru irratti waraana labsee gufachiise. Haleellaa kana raawwachuudhaan akka waan mootummaan daandii itti cufee fakkeessan. Yaadni isaanii ulaa gargraasaa karaa biraatiin banuuf haala mijeessuudha,'' jette dubbi himtuun kun.

Itoophiyaan akka biyya birmaduu tokkootti, daandiin deggersaa mijataan eessaan ta'uu akka qabu kan murteessu mootummaa isheen ijaarrattedha jette Billanen.

''Kanneen meeshaa waraanaa fi meeshaalee deggersa namoomaan ala ta'an galfachuuf ulaa barbaadan, kaayyoosaanii milkeessuuf jecha dhugaa lafarra jiru haaluun, dabaan ulaan cufameera jechuun addunyaa amansiisuu barbaadu.''

Mootummaan federaalaa qaama gatii isa dhabsiisuun garee shororkeessaa tumsuuf araarama tokkollee hin qabu jette Billanen.

''Dhukaasi dhaabbatee mariin akka gaggeeffamuuf waamicha irra deddeebiin dhiyaata. Garuu labsiin dhukaasa dhaabuu mootummaan labse garee TPLF'n kabajamaa hin jiru. Kanaafuu qaamoleen dhimmi ilaallatu mootummaa seeraan filatame deggeruu fi uummata Itoophiyaa bira dhaabbachuu qabu.''

Dhimma marii nagaa fi qaamolee jaarsummaaf dhiyaachuu danda'an irratti kan gaafatamte Billanen, keessattuu dhimma jaarsummaa Ministira Muummee Sudaan Abdallaa Hamdok irratti shakkiin jiraachuu dubbatti.

''Hariiroon yeroo ammaa Sudaan waliin qabnu xiqqoo kan daandii qabate miti. Walamantaan qondaaltota Sudaan waliin jiru erga loltoonni biyyattii daangaa Itoophiyaa cabsuun seenanii laafeera. Marii kamuu gaggeessuuf ammoo walamantaan jiraachuu qaba. Kanaafuu Sudaan mariif haala mijeessuu keessatti qooda fudhachuun dura dhimmoonni kunneen furamuu qabu.''

Barruun Sudan Tribune jedhamu mootummaan Sudaan mootummaa federaalaa Itoophiyaa fi finciltoota TPLF walitti araarsuuf fedha qabaachuu gabaasee ture.

Ministirri Dhimma Alaa US Antonii Bilinkan Ministira Muummee Sudaan Abdallaa Hamdok waliin haala yeroo ammaa Itoophiyaa keessa jiru irratti mari'atanii turan.

Aanga'oonni lameen Itoophiyaa keessatti mariin siyaasaa hunda hamate akka jiraatu, birmadummaan lammiilee Itoophiyaa akka kabajamuu fi lammiileen deggersa barbaadan gufuu tokko malee akka deggeraman gochuuf qaamoleen walwaraanaa jiran dhukaasaa dhaabuu akka qaban dhaaman.

Dhimma kana milkeessuuf akka hojjetanis himan.

Gama kaaniin TPLF dhukaasa dhaabuuf haaldureewwan torba dhiyeessee kan turee fi dhiyeenya fooyyessee kan dhiyeesserratti yaada kan kennite Billanen, "gareen dhororkeessaa mootummaa seera qabeessaaf haaldureewwan dhiyeessuu hin danda'u,'' jette.

Mootummaan deggersi namoomaa gufuu malee akka lammiilee rakkatan qaqqabuu fi waqtii qonnaa ta'uusaa ilaalcha keessa galchuun labsii dhukaasa dhaabuu gar-tokkee labsuu kan yaadachiiste Billanen, gareen TPLF garuu naannolee Amaaraa fi Affaar keessatti waraana banuu himte.

Mootummaa fi gareen shororkeessaa jedhamee farrajame walqixa miti kan jette Billanen, haaldureen TPLF nageenya buusuuf kan dhiyaate miti jette.

Ulaan deggersaa karaa Sudaan akka banamuuf gaaffiin dhiyaate jiraa? Yoo jiraate deebiin mootummaa maali? gaaffii jedhuuf, ''Gaaffiin akkasii hawaasa idiladdunyaarraa hin dhiyaanne. TPLF ulaan karaa Affaar cufameera jedhee olola oofa,'' jechuun garee TPLF himatte.

Ulaan deggersi namoomaa ittiin gara biyyaa galu kam ta'uu akka qabu mootummaatu murteessa kan jette Billanen, Afaar Jibuutiitti dhiyoo waan taateef daandiin karaa Sanaa ulaa filatamaadha jette.

''Akka waan mootummaan ulaa gargaarsaa karaa Afaar cufeetti kan odeeffamu sobadha.''