Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Waraana Tigraay: Lola Tigraay naannoolee ollaatti babal'ataa jiruun ittaanee maaltu eegama?
- Barreessaa, BBC Monitoring
- Gahee, Essential Media Insight
Gareen finciltootaa Adda Bilisa Baasaa Tigraayi (TPLF)f amanamoo ta'an, dhuma torban darbee magaalaa naannoo Amaaraa seena qabeettii taate Laalibalaa qabachuun mirkanaa'eera.
Kantibaan Ittaanaan Magaalaa Laaliibalaa, Maandafroo Taaddasaa BBC'f akka mirkaneessanitti, magaalaa jidduu gala hawwata turistiifi qabeenya hambaalee idiladdunyaa UNESCO'tti galmaa'an qabdu tun, humnootii TPLF harka galtee jirti.
Laalibalaan dirreewwan hawwata turistii biyyattii, kan bataskaanoonni amantaa Ortodoksii kanneen dhagaa irraa bocamuun tolfaman itti argamanidha.
Garee finciltootaa kan mootummaan federaalaa shororkeessaa jedhuuf Laaliibalaa to'achuun mo'icha guddaa ta'uusaatiin alatti, lola gama naannoo Amaaraa fi gama Affaariitiin raayyaa ittisaafi humnootii naannoolee waliin taasisan akka cimsaniif kan jajjabeesu fakkaata jedha xiinxalli BBC Monitoring dhiyeesse kun.
Humnoota Tigraay maaltu naannoosaanii ala akka babal'atan taasise?
Erga Sadaasa 4, 2020 waraanni naannoo Tigraayiitti eegalamuun raayyaan ittisa Itoophiyaa magaalaa guddoo naannichaa Maqalee to'ate baatiiwwan sadeetiin ol ta'eera.
Isaan booda ammoo motummaan federaalaa, qonnaan bulaan akka hojii qonnaasaa hojjatuufi namoonni waraana tureen miidhaman deeggarsa namoomaa akka argataniif jechuun Waxabajjii 28 irratti dhukaasa dhaabuu gam-tokkoo labsuu beeksise.
Kana hordofees humnoonni TPLF deebiisanii magaalaa Maqaleefi eddoowwan biraas qabachuun dhagahame. Humnootiin TPLF motummaan waan mo'atameef malee ummataaf yaade akka dhukaasa dhaabu hinlabsine dubbata.
Isaan boodas gareen finciltootaa kunneen loltoota mootummaa federaalaa kan waraanarratti booji'aman jedhaniin kumaatama magaalaa Maqalee keessa naanneessuun agarsiisan.
Akkasumas garee TPLF dhukaasa dhaabuu gam- tokkoo motummaan federaalaa baasee fudhachuuf haaldureewwan erga dhiyeesseen booda, naannoolee ollaa kan ta'an Amaaraa fi Affaar keessatti lola itti fufan.
Haleellaa konkolaatawwan midhaan gargaarsaa fe'uun gara Tigraayirratti imalaa turan irratti Affaar keessatti mudateef motummaan humnootii finciltootaa balaaleeffate.
Xiinxaltoonni dhimma siyaasa Itoophiyaa hordofan ammoo, humnootii TPLF Affaar keessatti lola kan gaggeessan daandii guddicha Itiyoo-Jabuutii qabachuun diinagdee biyyattii irratti dhiibbaa taasisuuf jedhu.
Daldala Itoophiyaan alatti ergituufi alaa galchitu parsantaan 85 karaa kana deddeebiifama.
Haata'u malee dhiheenya kana BBC waliin turtii kan taasise qondaalli garee TPLF Janaraal Tsaadiqaan Gabratinsaay, karaa Affaariin lolaa kan jiran ulaa gargaarsi gara naannichaa ittiin galu saaqqachuufi motummaan federaalaa haaldureewwan isaan kaa'an akka fudhatuuf dhiibbaa taasisuuf jechuunsaanii ni yaadatama.
Gama kaaniin ammoo lolli gama naannoo Amaaraatiin gaggeeffamu daangaa naannichaa kan waraanaan dura ture deebifachuuf yoo ta'u, naannoon Amaaraa gamasaatiin TPLF wayita aangoorra ture kan naannicha irraa fudhatedha jechuun morma.
Deebiin motummaa federaalaafi naannoolee maal ture?
Gareen TPLF naannoolee ollaa keessatti babal'ifachuu hordofee humnootiin naannoolee biyyattii kaanis gara adda waraanaatti akka makaman kakaase.
Erga MM Itoophiyaa Abiy Ahimad raayyaa biyyaaleesaatiif deeggarsi akka taasifamuuf waamicha taasisan booda, dargaggoonni lakkoofsa hedduu qaban ''fedhiin'' leenjii loltummaatti makamuun himame.
Akkasumas pirezidaantiin naannoo Amaaraa Aganyahu Tashaagar dargaggoonni naannichaa umuriinsaa gahe kamuu lola humnootii TPLF irratti gaggeeffamuutti akka makamaniif waamicha taasisan.
Haata'u malee humnootii nageenyaa gara adda waraanaatti sochosuun, naannoolee rakkinni tasgabbii keessatti mul'atu akka Oromiyaa, Benishaangul Gumuz, Somaalii fi Affaar keessatti qaawwa nageenyaa akka hin umneef sodaa uume.
Tarii xiyyeeffannoon garee finciltootaa irra taasifamuun garee hidhattootaa keessattuu kan Oromiyaafi Benishaangul-Gumuz keessaa haleellaa haaraa akka eegalaniif carraa kennaa jedhamee sodaatama.
Gama deeggarsa namoomaatiin maaltu ta'aa jira?
Lolli dhiheenya Kaaba biyyattiitti gaggeeffamaa jiru tibba roobaatti ta'uunsaa waqtii qonnaa guddicha keessa hojiin qonnaa akka hingaggeefamne dhiibbaa akka taasisu yaadama.
Akka gabaasa UNtti naannoo Tigraayiitti namoonni miliyoona 5.2 ta'an deeggarsa namoomaa atattamaa barbaadu.
Kana malees UN fi dhaabbileen gargaarsa namoomaa kan biraa Tigraay keessatti namoonni miliyoona walakkaa ta'an beela cimaa keessatti akka argaman akeekkachisan.
Haata'u malee, anga'oonni mootummaa federaalaa akeekkachisa kana hinfudhatan. Siriiyyuu gabaasaaleen Tigraay keessa akka waan beelli cimaan jiru jedhan holola jechuun himanii ture MM Abiy haasaa Waxabajjii 24 ETV irratti taasisaniin.
Mootummaan finciltoonni dhiyeessii deeggarsa namoomaa gara Tigraayitti taasifamu danqaa jiruu jechuun himata. Rakkooleen jiraatanillee Hagayya 4 konkolaataawwan 157 gargaarsa namoomaa dhaabbilee deeggarsaa adda addaa irraa ergame qabatan Maqalee qaqqabuu mootummaan beeksisee ture.
Akkasumas mootummaan deeggarsa namoomaa Tigraayiif dhiyeessuuf dandeettii kan qabu ta'uu Ministirri Nageenyaa Mufariyaat Kamaal, qondaala UStti dubbachuu maddi Oduu ENA gabaaseera.
Aadde Mufariyaat kana kan jedhan wayita Hoggantuu dhaabbata gargaarsaa USAID kan ta'an Saamaantaa Paawor waliin wal arganiitti ture.
Saamaantaan gama isaanitiin, lola naannoo Tigraay keessaatiin walqabatee, ''deeggarsa namoomaa qaqqabsiisuuf rakkoo jiru, akkasumas namoota Amaaraafi Affaar keessatti buqqa'an'' ilaalchisee yaaddoo qaban ibsuunsaanii ni yaadatama.
Ittaanee maaltu umamuu mala?
Humnootiin TPLF wayita hawaasni addunyaa dhukaasa dhaabuu waliigalamee fi mariin nagaa akka taa'amuuf waamicha taasisaa jiran kanatti bakkeewwan to'annaa babal'ifachuu itti fufeera.
Haata'u malee mootummaa federaalaatiin humnootii addaa naannoolee gara adda waraanaatti sochosuun miira waldhabdee sabaa akka hincimsineef sodaatamaa jira.
Kana malees mootummaan federaalaafi naannoolee humnootii addaa akka loltoota idileetti hin leenjineefi meeshaa waraanaa sirnaan hin hidhanne adda waaraanaatti bobbaasuun mataansaa, lakkoofsa namoota du'anii dabaluu danda'a jedhu xiinxaltoonni.
Hawaasani addunyaa waldhabdeen jiru karaa mariitiin akka furamuuf yaalii taasisaa jiru. Haata'u malee Itoophiyaan jaarsummaa Sudaan dhiyeessite ''amantaa dhabuu'' jechuun diduun dhagahameera.
Loltoonni Ertiraas yaaddoo TPLF Asmaraa irraan gahuun walqabatee yeroo hinmurtoofneef Itoophiyaa keessa turuuf jiru fakkaata.
Loltoota Ertiraa dabalatee, Tigraay keesstti gareewwan waraanicha keessatti hirmaatanii turan hundi sarbama mirgoota namoomaa qaqqabeef ni himatamu.
Rakkoon namoomaa duraan Tigraay keessa qofa ture amma gara Amaaraafi Affaariitti babal'achuun miliyoonota beelaaf saaxiluu mala.