Ajjeechaa Haacaaluu: Manni murtii falmii Laamroot Kamaaliifi Abbaa Alangaa irratti murtii kennuuf beellama biraa kenne

Madda suuraa, BBC/Getty Images
Manni murtii falmii Laamroot Kamaalii fi Abbaa alangaa waliigalaa Federaalaa gidduu jirurratti murtii kennuuf ammas beellama biraa kenne.
Namoota Afur ajjeechaa wellisaa Haacaaluu Hundeessaatin shakkaman keessaa tokko kan taate Laamroot Kamaal amma dura yakka keessatti hirmaachuu isheetiif ragaan gahaan hin argamne jechuun Manni Murtii Olaanaa Federaalaa bilisaan akka gadhiifamtu ajajee ture.
Murtii kanarratti Abbaan Alangaa Federaalaa ol iyyannoo waan gaafateef jechas mana hidhaa turtee dhimmi ishee Mana Murtii Waliigala Federaalaatti ilaalamaa ture.
Falmii Laamroot Kamaalii fi Abbaa Alangaa Federaalaa gidduutti deemaa jiru kan qabate Manni Murtii Waliigalaa Federaalaa beellama darbeef galmeen qorannoo poolisii dhihaatee akka qoratamuuf ajajee ture.
Haata'uuti poolisiin har'as galmee qorannoo mana murtiitiif waan hin dhiheessineef beellama biraa kenne.
Kanaafis Abbaan Alangaa galmee kana hanga Hagayya 10tti mana murtiitiif akka dhiheessu irra deebiin ajajeera.
Dhimma kanarratti murtii kennuufis Fulbaana 28 bara 2014tti beellama biraa qabateera.
Manni Murtii Olaanaa Federaalaa Ramaddii Lidataa dhaddachi Yakkaa Farra Shororkaafi Dhimmoota Heeraa Lammaffaa Ajjeecha Weellisaa Haacaaluu Hundeessaatiin kan himatame Xilahun Yaamii hidhaa umrii guutuun akka adabamu murteessee ture.
Manni murtichaa himatamtoota sadeen; Xilaahun Yaamii, Kabbadaa Gammachuufi Abdii Alamaayyahu irratti murtee adabbii kana kan dabarse Hagayya 03, 2021 dhaddacha ooleen ture.
Himatamaa lammaffaan Kabbadaa Gammachuu hidhaa Cimaa waggaa 18 yoo adabamu himatamaa sadaffaa Abdii Alamaayyoo ammoo hidhaa salphaa ji'a jahaa itti murtaa'eera.
Abbootiin alangaa gamasaaniitiin Xilahun Yaamii ABO shanee fi Wayyaanee wajjin ta'uun mootummaa folqolchuuf yakka raawwate, faayidaa dhuunfaatiif lubbuu balleesse, akkasumas hawaasa keessatti hokkora uumuuf yakka kana raawwate jechuun adabbiin akka itti cimu gaafatanii turan.
Manni murtichaas sababoota adabbii hir'isan jedhee Xilahun Yaamii dhiheeffate keessaa hawaasa keessatti amala gaarii qaba ture kan jedhu qofa fudhatee ture kan murtee dabarse.













