Haacaaluu Hundeessaa: Himatamaa tokkoffaa Xilaahun Yaamii hidhaa umurii guutuun adabame

Xilahun Yaamii, artisti Haacaaluu Hundeessaa ajjeesuun himatame hidhaan umurii guutuu irratti darbe

Madda suuraa, BBC/Getty

Ibsa waa'ee suuraa, Xilahun Yaamii, artisti Haacaaluu Hundeessaa ajjeesuun himatame hidhaan umurii guutuu irratti darbe

Ajjeecha Weellisaa Haacaaluu Hundeessaatiin kan himatame Xilahun Yaamii hidhaa umrii guutuun akka adabamu, Manni Murtii Olaanaa Federaalaa Ramaddii Lidataa dhaddachi Yakkaa Farra Shororkaa fi Dhimmoota Heeraa Lammaffaa murteesse.

Manni murtichaa himatamtoota sadeen; Xilaahun Yaamii, Kabbada Gammachuufi Abdi Alamaayyahu irratti murtee adabbii kan dabarse har'a Hagayya 03, 2021 dhaddacha ooleen.

Himatamaa lammaffaan Kabbadaa Gammachuu hidhaa Cimaa waggaa 18 yoo adabamu himatamaa sadaffaa Abdii Alamaayyoo ammoo hidhaa salphaa ji'a jahaa itti murtaa'eera.

Manni murtichaa beellama darbe irratti himatamaa tokkoffaan Xilahun Yaamii ragaa gandarraa dhiheeffatu sababa hin dhiheeffanne jedheef murtii Kibxata kanatti beellamee kan ture.

Dhadhacha har'a oole kanaanis Wellisaa Haacaaluu Hundeessaa irratti kallattiidhaan dhukaasuun kan himatame Xilahun yaamii hidhaa cimaa umrii guutuutiin akka adabamu murteessera.

Xilahun Yaamii sababoota adabbii naaf hir'isan jedhu Hawaasa keessatti amala gaariin qaba, maatiin gargaara, sababa hin baranneefin yakka raawwadhe kan jedhuu dhiheesse.

Abbootiin alangaa gamasaaniitiin Xilahun Yaamii ABO shanee Fi Wayyaanee wajjin ta'uun mootummaa folqolchuuf yakka raawwate, faayidaa dhuunfaatiif lubbuu balleesse akkasumas hawaasa keessatti hokkora uumuuf yakka kana raawwate jechuun adabbiin akka itti cimu gaafate.

Manni murtichaas sababoota adabbii hir'isan jedhee Xilahun Yaamii dhiheeffate keessaa hawaasa keessatti amala gaarii qaba ture kan jedhu qofa fudhate.

Himatamaa lammaffaan Kabbadaa Gammachuu gamasaatiin sababoota adabbii naaf hir'isan jedhu walfakkataa tahan dhiheessus fudhatama kan argate hawaasa keessatti amala gaarii qaba ture kan jedhu qofa fudhate.

Kabbadaa Gammachuu meeshaa waraanaa Seran alaa hidhachuun faayidaa hin malle argachuf jecha yakka keessatti hirmaannaa godheen hidhaa cimaa waggaa 18 akka adabamu itti murteesseera.

Himatamaa sadaffaa Abdii Alamaayyoo ammoo yakki raawwatame odeefannoo kennuu dhiisuu isaatiin akkasuma balaa ajjeechaa sana booda ture hambisuuuf gumaachuu osoo danda'uu osoo hin raawwatin waan hafeef jecha hidhaa salphaan ji'a jahaa itti murtaa'eera.

Adabbiin namoota sadan irratti darbe guyyaa too'ataman Irraa kaasee waan lakkaa'amuuf himatamaa sadaffaa Abdii Alamaayyoo yeroo adabbii isaa xumuree waan jiruuf yakka biraatiin yoo barbaadameen ala hidhaadhaa akka gadhiifamu manni murtii ajajeera.