Kanneen ajjeechaa Haacaaluun shakkaman keessa tokko mirga wabiin akka bahu murtaa'e

Artiist Haacaaluu HUndeessaa
Ibsa waa'ee suuraa, Artiist Haacaaluu HUndeessaa

Namoota sadi ajjeechaa artiist Haacaaluu Hundeessaan himataman keessaa namni Abdii Alamaayyahu jedhamu wabii qarshii 10,000nin akka gadhiifamuu fi dhimmsaa alaa akka hordofu manni murtii murteesse.

Mana Murtii Olaanaa Federaalaa Ramaddii Lidataatti dhaddachi farra shororkaafi yakkoota dhimma heeraa lammaffaa galmee himataa namoota ajjeechaa Artiist Haacaaluu Hundeessaatin himataman ilaalee jira.

Manni Murtichaa dhaddacha Guraandhala 25 bara 2021 ooleen himatamaa sadaffaa kan ta'e Abdii Alamaayyahu ajjeechaa artiist Haacaaluu Hundeessaa irratti hirmaachuusaa kan agarsiisu ragaan gama abbaa alangaatiin dhiyaate hin jiru jedhee ture.

Sababa kanaaf seera yakkaa bara 1996 bahe keewwata 443/1 A akka ofirraa ittisu jalamurtii kennee ture.

Keeyyatni kun namni kamiyyuu sababa gahaa osoo hin qabaatin yakki du'aan yookin hidhaa umrii guutuun nama adabsiisu raawwatamuusaa yookin ammoo eenyummaa nama yakka sana raawwate osoo beekuu qaama dhimmi ilaalutti osoo hin beeksisin yoo hafe adabbii birrii 1,000 hin caalle yookin hidhaa salphaa ji'a jaha hin caalle ni adabama kan jedhudha.

Dhimma ragaalee ittisaa…

Mana Murtiicha dhaddacha Guraandhala 25 bara 2021 oolen himatamaa tokkoffaa Xilaahun Yaamii ajjeechaa Artiist Haacaaluu Hundeessaa raawwachuusaa ragaaleen namootaa fi sanadaa abbaan alangaa dhiyeesse kan agarsiisan ta'uu himee ture.

Haaluma kanaan Xilaahun Yaamii dhimmisaa labsii yakka shororkeessummaa ittisuu fi to'achuuf bahe 1176/ jalatti akka ilaallamufi akka ofirraa ittisu jala murtii kenne.

Akkasumas himatamaa lammaffaa Kabbada Gammachuu immoo seera yakkaa bara 1996 bahe keewwata 540 jalatti akka ilaallamuu fi akka ofirraa ittisu jalamurtii kennee ture.

Haaluma kanaan himatamtootni sadeen Xilaahun Yaamii, Kabbada Gammachuu fi Abdii Alamaayyahu Wiixata Biootessa 29 bara 2021 ragaalee ittisaa isaanii akka dhiyeeffatan manni murtichaa ajajee turullee kaleessa ragaalee ittisaa isaanii hin dhiyeessine ture.

Manni Murtichaas dhaddacha kaleessa taa'en himatamtootni ragaalee ittisaa isaanii har'a Kibxata akka dhiyeeffatanif beellama qabatee ture.

Himatamtootni sadeen dhaddacha Kibxataa irrattis ragaalee ittisaa isaanii kan hin dhiyeessine yemmuu ta'u yeroon gabaabbachuurraa kan ka'e ragaalee isaanii walin haalaan akka hin mari'annee fi kanaafis yeroon qophii akka kennamuuf gaafatan.

Manni murtichaas himatamtootni sadeen Ebla 06 bara 2013tti ragaalee ittisaa isaanii akka dhiyeessan ajajeera.

Ajjeechaa Artiist Haacaaluu Hundeessaa booda hookkara uumameen lubbuun namoota 170 ol yoo darbu qabeenyi biiliyoonaan lakkaa'amu manca'uu poolisiin ibseera.

Ajjeechaa isaa hordofee namoota siyaasaa fi gaazexeessitoota dabalatee kanneen badii garaa garaan shakkamanii kumaan kan lakkaa'aman to'annoo jala oolanii turan.

Shakkamtoota sadan waliin shakkamtuu afraffaa taatee dhiyaachaa kan turte dubartiin Laamroot Kamaal jedhamtu dhaddacha darberratti bilisa jedhamtee gadi dhiifamuun ishee ni yaadatama.