'Poolisiin Oromiyaa ajaja mana murtii diduun Obbo Lammiifi Daawwit mana hidhaatti deebise'

Madda suuraa, Battee Urgeessaa/Facebook
Qondaalonni ABO Lammii Beenyaa fi Daawit Abdataa manni murtii waliigala Oromiyaa bilisaan gara mana isaanii akka deeman erga ajajeen booda poolisiin gara mana hidhaatti deebisuu abukaatoon isaanii BBCtti himan.
Ajjeechaa aartiist Haacaaluu Hundeessaa Hordofee kan too'ataman qondaalonni ABO Lammii beenyaa fi Daawit Abdataa dhadhacha gaafa 16/4/2013 ooleen yakka ittiin himataman irraa bilisa jechuun manni murtii ajajee ture.
Poolisiin Oromiyaa garuu himatamtoota kunneen osoo hin gadhiisin ji'oota sadiif manneen hidhaa Galaaniifi Mojoo tursiisee jira.
Manni murtii Waliigala Oromiyaas poolisiin Oromiyaa namoota kunneen maaliif akka hin gadhiisne akka ibsuuf irra deddeebiin ajajaa turus poolisiin dhihaatee deebii gahaa osoo hin kennin ture.
Manni murtichaa dhadhacha gaafa 07/07/2013 ooleen komishinarri komishinii poolisii Oromiyaa Araarsaa Mardaasaa qaaman dhihaatanii manni hojii isaan hogganan namoota kana maaliif akka gadi hindhiisne akka ibsaniif ajajee ture.
Abukaatoon Obbo Lammii Beenyaafaa Obbo Guddannee Fiqaaduu BBCtti akka himanitti komishinarri koomishinii Pollisii Oromiyaa Araarsaa Mardaasaa har'atti akka dhihaatan ajajamee turus qaaman osoo hin dhihaatin hafaniiru.
Ergaa barreeffamaa mana murtichaatiif erganiinis sababa hojiitiin beellama kanarratti argamuu akka hin dandeenyeefi namoonni kunneen mana murtii federaalaatti dhadhacha waan qabaniif jecha osoo hin gadhiisin tursiisneerra yaada jedhu dhiheessuu isaanis himan.
Haata'uu malee manni murtii federaalaa namoonni kunneen akka gadi hindhiifamneef dhorkaan kenneef yoo jiraate dhiheessanii akka hin jirres himan Obbo Guddanneen.
Manni murtii waliigala Oromiyaas dhimmicha erga ilaaleen booda poolisiin himatamtoota kana asuma dhadhacharratti akka gadhiisu jechuun ajaje jedhan.
Poolisiinis namoota kunneen mana hidhaa Mojoo irraa mallatteesinee fidnee asitti akkamitti gadhiisna yaada jedhu dhiheessanis abbaan seeraa mana murtichaa kun ajaja mana murtii waan ta'eef kabajamuu qaba jechuun ajajaniiru.
Obbo Lammii beenyaa fi Daawwita Abdataas haaluma murtii manni murtii ajaje kanaan gara maatii isaaniitti galuuf erga taaksii waammataaniin booda karra irratti poolisoonni olirraa ajajamneerra jechuun ajaja mana murtii cabsuun gara mana hidhaa Mojootti deebisuu abukaatoon isaanii himaniiru.
'Ajaja mana murtii kabajii dhabuun ol-aantummaa seeraa kabachiistuu danqeera'
Ajajni manneen murtii kabajamuu dhabuun gufuu ol-aantummaa seeraa mirkaneessuu ta'aa jiraachuu abokaatonni hidhamtootaa yeroo gara garaatti ibsaa turaniiru.
Ajjeechaa Artist Haacaaluu Hundeessaa hordofee Oromiyaa keessaa namoonni hedduun yakkoota garagaraan shakkamuun hidhamaniiru.
Namoonni dhimmi isaanii qulqullaa'ee murtii argatanii gadhiifaman jiraatanis, ergasii hanga ammaatti kanneen dhimmi isaanii murtii hin argannes jiru.
Ji'oonni saddeet darban namoota sababoota adda addaatiin hidhamaniifi adeemsa olaantummaa seeraa kabachiisuu akkasumas raawwii ajajoota manneen murtii irratti rakkoolee hedduun kan itti mul'atedha jedhu abokaatoowwan BBCn yeroo gara garaa dubbise.
Dhimma kanarratti gama poolisii Oromiyaatti deebii argachuuf yeroo gara garaa yaalliin taasifne nu milkaa'uu dhabus, amma dura Ministirri Muummee Abiy Ahimad (PhD) qaamoleen raawwachiiftuu murteewwan manneen murtiitiin darban kamiyyuu kabajuu akka qaban akeekkachiisanii ture.
MM kana kan jedhan Onkololeessa bara dabre keessa walga'ii Mana Maree Bakka Bu'oota Ummataa irrattidha.
Gaafas akkas jedhan: "Manni murtii nuti hin kabjneefi hin ajajamneef bilisaafi walaba ta'eera jechuun akkasumaan.''
Komishiniin Mirga Namoomaa Itoophiyaas gama isaatiin Guraandahala darbe dhimma kanarratti ibsa baaseen, ''Ajajni manneen murtii kabajamuu dhabuun kabaja mirga namoomaaf balaadha,'' jedhee ture.
''Hidhaa hinbarbaachifne hambisuun, mirga wabii kabajuun barbaachisaadha,'' jedhe komishinichi.
Akka Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa jedhutti, Oromiyaatti keessumaa ajajni mana murtii kabajamuu dhabuun yeroo gara garaa mullatu yaaddessaadha.















