Ajjeechaa Hacaaluu Hundeessaa: Xilaahun Yaamii du'aan akka adabamu Abbaan Alangaa gaafate

Madda suuraa, BBC/Getty Images
Ajjeechaa Artiist Haacaaluu Hundeessaa raawwachuusaa manni murtii kan mirkaneesse Xilaahun Yaamii du'aan akka adabamu Abbaan Alangaa gaafate.
Mana Murtii Olaanaa Federaalaa ramaddii Lidataatti dhaddachi yakkaa farra shororkaafi dhimmoota heeraa lammaffaa himatamtoota sadeen murtee balleessummaa irratti mure ilaalchisee yaadni adabbii akka dhiyaatuf ture har'atti kan beellame.
Dhaddacha har'aa irratti himatamtootni tokkoffaa hanga sadaffaa jiran: Xilaahun Yaamii, Kabbada Gammachuufi Abdii Alamaayyahu dhiyaataniiru.
Abbaan Alangaa yaada adabbiisaa barreeffamaan mana murtichaaf kan dhiyeesse yemmuu ta'u abukaatoon ittisaa himatamtootaa immoo akkaataa seera adaba yakkaa bara 1996 bahe keewwata 82/1/A'tin adabbiin akka salphatuuf barreeffamaan gaafataniiru.
Keeyyatni 82/1/A yakkamaan tokko nama kanaan dura amala gaarii qabuufi yakkichas osoo itti hin yaadin kan raawwate yoo ta'e adabbiin ni salphataaf kan jedhudha.
Haa ta'uu malee, Abbaan Alangaa yaadni adabbii salphisu kun himatamaa sadaffaa Abdii Alamaayyoof yoo ta'e malee himatamtoota tokkoffaafi lammaffaa, Xilaahun Yaamiifi Kabbada Gammachuuf, akka hin qabamne mana murtichaa gaafateera.
Himatamaa tokkoffaa Xilaahun Yaamii "nama kana dura amala gaarii qabu miti" kan jedhe Abbaan Alangaa bara 2012 keessa galmeewwan lamaan himatamee akka ture dubbataniiru.
Kunis tokko hanna shibootiniifi kan biraa immoo saamicha baajaajin akka ta'e Abbaan Alangaa himaniiru.
Kana malees himatamaa tokkoffaa Xilaahun Yaamii "meeshaa waraanaa seeraan alaa qabatee iddoo seerri dhorku mana bashannanaa seenaa ture" jechuun dubbatan.
Kana malees ajjeechaa Artiist Haacaaluu Hundeessaa itti yaadee kan raawwate waan ta'ef adabbiin salphachuufi hinqabu jechuun du'aan akka adabamu Mana Murtii gaafataniiru.
Haa ta'u malee abukaatoon ittisaa himatamaa galmeewwan lamaan Abbaan Alangaa kaasan kan murteen irratti hin kennamin waan ta'anif mirga bilisa ta'ee ilaallamuu himatamaa kan sarbu waan ta'ef yaadni Abbaa Alangaa kufaa akka ta'u gaafatan.
Gama biraatin himatamaa lammaffaa Kabbada Gammachuu ilaalchisee meeshaa waraanaa seeraan alaa bituusaafi Xilaahun Yaamif ergisee ajjeechaan Artiist Haacaaluu Hundeessaa ittin raawwatamuusaa Abbaan Alangaa himaniiru.
Dabalataan, himatamaan kun osoo qaamolee seeraa jalaa miliqaa jiruu iddoo Ada'aa Dirree jedhamutti to'annoo jala ooluusaa himuun adabbiin akka hin salphanneef gaafataniiru.
Haaluma kanaan Kabbada Gammachuu akkaataa keeyyatni ittin himatame isa adabsiisun akka adabamu Abbaan Alangaa Mana Murtii gaafataniiru.
Abukaatoo ittisaa himatamtootaas Kabbada Gammachuu ilaalchisee iddoo rikoordiin irratti hin dhiyaannetti "amalli isaa duraanii gaarii miti" jechuun sirrii akka hintaane himuun yaadni adabbii salphisuuf akka qabamuuf gaafataniiru.
Manni murtichaas yaada adabbii garee lamaanii qoratee murtee adabbii laachuuf Adoolessa 20, 2013'tti beellameera.

















