Haacaaluu Hundeessaa: 'Maal Mallisaa' biyyoota 8 keessatti gabatee gurgurtaa albamootaa dursaa jira

Beeksisa albama Haacaaluu

Madda suuraa, Facebook/Hachalu Hundessa

Maal Mallisaa mata duree jedhuun Wiixata darbe kan gadi dhiifame albamiin artiist Haacaaluu Hundeessaa biyyoota addunyaa saddeet keessatti gabatee gurgurtaa albamootaa iTunes (iTunes album chart) dursaa jira.

Albamiin kun guyyaa kaleessa [Roobii] sadarkaa addunyaatti albamoota itunes irratti hedduu gurguraman keessaa sadarkaa lammataarra kan ture yoo ta'u, guyyaa har'aa [Kamisa] sadarkaa 12ffaarra jira.

Haa ta'u malee wayita gabaasni kun qindaa'etti biyyoota saddeet, Ameerikaa, Awustraaliyaa, Kaanadaa, UAE, Noorweey, Siwiidin, Afrikaa Kibbaa fi Keeniyaa keessatti albamoota iTunes irratti hedduu gurguramaa jiran sadarkaa jalqabaarra jira.

Gabaatee gurgurtaa albamootaa (Worldwide iTunes Album Chart) kun yeroo yeroon kan haaromfamudha.

World Itunes Chart

Madda suuraa, Kworb.net

Albamni kun sirboota 14 kan of keessaa qabu yoo ta'u, sirbootni 4 irra deebiin kan hojjetaman, sirbootni 10 haarawa.

Sirbootni kunneen kan artiist Haacaaluu Hundeessaa osoo lubbuun jiruu hojjete yoo ta'an, maatii fi hiriyootni isaa walitti qabuun bifa albamiin qopheessanii, sagantaa yaadannoo ajjeefamuu isaa waggaa tokkoffaarratti eebbisiisan.

Artiist Haacaaluu Hundeessaa waggaa tokko dura A.L.I Waxabajjii 22, 2012 galgala sa'a 3:30 irratti Magaalaa Finfinneetti rasaasaan rukutamee ajjeefame.

Ajjeechaa isaatiin namoonni afur shakkamuun to'atamanii dhimma isaanii mana murtiitti hordofaa jiru. Hanga yoonaa sababni ajjeechaan irratti raawwate hin beekamu.

'Maal Mallisaa' maal of keessaa qaba?

Albamiin sadaffaa artiist Haacaaluu Hundeessaa dhimmoota gara garaa akka Oromummaa, Siyaasa, Jaalalaa, Gootummaa, Hawaasummaa Maatii, Daa'imman fi kkf kaasa.

Sirbi albamichi ittiin waamamu Maal Mallisaa? jedhu, bu'aa bayii qabsoo waggoota 100f uummati Oromoo keessa darbee fi kan amma keessa jiru kaasuun furmaata ykn mala kan gaafatudha.

Dargaggoon ykn Qeerroon abdii sabaa akka taa'eefi mirga saba isaaf akka falmus kakaasa.

Albama isaa jalqabaa keessatti 'Oolmaan kee' jechuun kan faarse haadha warraa isaa Aadde Faantuu Damissoof wallee 'Haadha Wabii' jedhu gumaacheera.

"Guca jireenya kooti ati, haadha dhugaa fi karraa Si'iin naaf sonaa'ee, tole Milkiin kan koo Situ na badhaasee, Wabii jireenyakoo ...Galatoomi! Haadha Wabii!"

Wallee isaa 'Ilma Namaa' jedhuun daa'imman haadhaa fi abbaa hin qabne gargaaruun dirqama lammii akka ta'e hubachiisa.

Albama kana irratti ogeeyyiin gara garaa hirmaataniiru. Sirboota aalbama haaraa kana keessatti hammataman 14 keessaa sirboota 11 yeedaloos walaloos kan hojjete Haacaaluudha.

Kan hafan sadan keessaa ammoo Yoosan Geetaahuun, Lalisaa Idiriis, fi Sinnishaaw Mul'ataa qooda keessaa qabu.

Qindeessaa muuziqaa Daawit Taaddasaa walleewwan sagal kan qindeesse yoo ta'u, Dinqiisaa Dabalaa wallee sadi, Abrahaam Kidaanee fi Kaamuzuu Kaasaa walleewwan tokko tokko qindeessaniiru.

Ogeessi muuziqaa beekamaan Abagaaz Kibrawarq Shiwoota walleewwan 14 Miiksiingi fi Maastaringii isaa hojjeteera.

Albamni kun itunes dabalatee intarneetii irratti karaa adda addaa gurguramaa kan jiru yoo ta'u, biyya keessatti CDn 300,000 maxxanfamee gurguramaa jira.