Ajjeechaa Haacaaluu Hundeessaa: Manni Murtii dhimma Laamroot Kamaal irratti murteessuuf beellama biraa qabate

Madda suuraa, BBC/Getty Images
Mana Murtii Waliigalaa Federaalaatti dhaddachi oliyyannoo yakkaa lammaffaa dhimma Laamroot Kamaal irratti murtee kennuuf har'atti beellamee ture.
Haa ta'u malee manni murtichaa murteen har'atti akka hin qaqqabne himeera.
Abbaan Alangaa murtee Manni Murtii Olaana Federaalaa ramaddii Lidataa Laamroot Kamaal bilisaan akka gadhiifamtu murteesse mormuun ture Mana Murtii Waliigalaa Federaalaatti oliyyannoo kan dhiyeeffate.
Manni murtichaas dhaddacha kanaan dura tureen garee lamaan erga falmisiiseen booda har'atti murtee kennuuf beellama qabachuunsaa ni yaadatama.
Haata'u malee har'atti murteen akka hin qaqqabne kan hime Mana Murtii Waliigalaa Federaalaatti dhaddachi oliyyannoo yakkaa lammaffaa, falmii gareen lamaan taasisan irratti murtee kennuuf Adoolessa 22, 2013ti beellameera.
Gama fooddaa televiziyoonaan dhaddacharratti kan hirmaatte Laamrot Kamaal beellamni gabaabaan akka kennamu kan gaafatte yemmuu ta'u, hanga ammaatti "sababa gahaa malee yeroo sadi beellamameera" jechuun dubbatte.
Manni Murtichaa gama isaatin beellamni sababa gahaa malee darbe akka hinjirre himuun murtee Adoolessa 22 akka kennu hime.
Laamrot Kamaal namoota ajjeechaa Artiist Haacaaluu Hundeessaan walqabatee to'annoo jala oolanfi himatni irratti hundaa'e afur keessaa tokko yemmuu taatu Mana Murtii Olaana Federaalaa bilisaan akka gadhiifamtu murteessunsaa niyaadatama.
Maatiin ajjeechaa Art. Haacaaluu Hundeessaa duutiifi wantootni du'a isaan duuba ta'an dhimma siyaasaaf oolaniiru jechuun haqni isaa bahaa jira amantaa jedhu akka hin qabne dubbatu.
Mana Murtii Olaanaa Federaalaa ramaddii Lidataatti dhaddachi farra shororkaa fi yakkoota dhimmoota heeraa lammaffaa namootni ajjeechaa Artiist Haacaaluu Hundeessaan himataman sadi "balleessitoota" jechuun Adoolessa 5,2021 jala murtii kennee ture.
Himatamtootni manni murtichaa yakka raawwachusaanii mirkaneesseera jedhe himatamaa tokkoffaa Xilaahun Yaamii, himatamaa lammaffaa Kabbada Gammachuu fi himatamaa sadaffaa Abdii Alamaayyoodha.
Manni murtichaa jecha ragaaleen namootaa Abbaan Alangaa dhiyeesse kudhan kennan, ragaalee sanadaa Abbaan Alangaa dhiyeesse, jecha amantaa fi waakkii himatamtootaa akkasumas jecha ragaalee ittisaa himatamtootaa ilaalusaa himeera.
Himatamaa tokkoffaa kan ta'efi kallattiin Artiist Haacaaluu Hundeessaa shuguxiin ajjeesuun kan himatame Xilaahun Yaamii yakkicha akka hin raawwanne fi wayita poolisiif jecha kennus reebamaa dirqamaan "ajjeessera" jedhee jecha kennuusaa hime ture.













