Qurxummii ilkaan 'namaa' fakkaatu qabu Ameerikaatti qabame

Qurxummii ilkaan namaa fakkaatu qabu

Madda suuraa, Jennette's Pier

Qurxummiin adda jedhame kan ilkaan dhala namaatiin walfakkaatu qabu Ameerikaatti qabame.

Suurri qurxummii kanaa torban kana dhabbata Jinnet Piiritu jedhamuun toora Feesbukiirratti qoodame.

Iddoon qurxummiin kun itti kiyyeeffame ykn qabame Kaaba Kaarolaayinaatti argama.

Qurxummiin gosa 'sheepshead'ykn 'mataa hoolaa'jedhamu beekamu ta'uun kan adda baafame yoo ta'u, ilkaan ha'oo foon hunkuteessuuf ykn bulleessuuf gargaaru toora gale hedduu qaba.

Qurxummiin kun maqaa mataa hoolaa jedhu kana argachuu kan danda'e afaan hoolaa fakkaatu waan qabuufidha.

Qurxummicha qabe kan baase Nataan Maartiin nama jedhamu.

Maartin akka jedhetti, wayita qurxummii''ilkaan danuu qabu''kallattiin fuulaf fuulatti itti dhufetti, qurxummicha nan qabadha jedheen abdadhe jedheera.

''Kiyyeessuu gaarii ture, namatti tolas' jechuun 'McClatchy News'tti himeera.

Sana booda maxxansi hashtag #bigteethbigtimes jedhuun dhimma kanarratti barreeffame qoosaa ta'eera.

''Diriinyiin ilkaanii kun eessaa dhufe?''jedhee namni tokko gaaffii kaase.

Namni biraan immoo''qurxummichi ilkaan koo caala fooyyee qaba''jedhee barreesse.