Awustiraaliyaatti 'gosti qurxummii octopus aare' tokko ji'ooloojistii reebe

Ibsa waa'ee viidiyoo, See the octopus in question – and the damage it caused

Namtichi Westarn Awustiraaliyaatti bishaan daakaa ture bineensa bishaan keessaa 'octopus' jedhamuufi ''guddoo aaree tureen'' reebamuusaa dubbate.

Viidiyoo intarneeta gubbaa guddoo qoodamaa ture kanaan, oktopusiin kun bishaan gadi fageenya hinqabne keessatti nama Lance Karlson jedhamu kanatti wayita aggaamu agarsiisa.

Bineensi bishaan keessaa kun boodarras marroo lammeessoof ji'oolojistii kanatti deebi'uun, harkasaa rukute. Achis mormaafi dugdasaa gara olii keessa garafeen.

Gosti qurxummii kun qaamasaarraa waantota akka eegee fakkaatan (tentacles) muraasa kanqabu oggaa tahu, isaan nama kan reebe.

Kanaanis qaama Laans irratti mallattoon gubu diimaa kan irraan gahe oggaa tahu, erga dhugaatii lallaafaa kollaa erga itti naqe booda aara galfachuu hime.

Lubbuu baraaraa bishaan keessaa kan ture namni kun miidiyaa biyyattii 7News jedhamutti akka himetti [Afaan Ingilizitti si geessa], wayita bineensonni bishaan keessaa isa hiddan malli ittin of yaalu acheettoo (vinegar) tahus, wayita sanatti argachuu hin dandeenye jedha.

Haa tahu malee, waanti asiidii ofkeessaa qabu kamuu akka gargaaru waan beekuuf, Kokaa koollaa fayyadamuuf murteesse jedha. ''Innis [akkuma acheetoo sanaa] hojjeteera,'' jedhe.

Taateen kun akkamiin mudate?

Akka namni kun dubbatetti, isaafi maatiin isaa boqonnaaf bakka bashannanaa qarqara galaanaa Geographe Bay argamutti bashannanaa turan.

Boodarras bishaan daakuuf wayita bahutti, gosa qurxummii 'stingray' jedhamu fakkaatuufi simbirroo tokko haleelu arge jedha.

Wayita isaafi daa'imni isaa ganna lamaa itti siquun ilaalanitti, oktopus tahuusaa bare. Viidiyoo waraabaa kan ture namni kun, oggasuu bineensichi garasaanii arifachaa dhufe.

''Oktopusichi nutti aggaamuun isaa, hedduu na rifachiise,'' jechuun Aabba Karlson Rooyitarsitti dubabte.

Boodarras irra deebiin kophaasaa gara bishaanii wayita deebiyetti, oktopusichi ammallee isa argatee, haleele.

''Manatsiriin bishaanii koo hin hurkaa'e, bishaanichis battalumatti boora'e. Anis burjaaja'uufi nahuu koon yaadadha,'' jedhe,