Dhaabbileen idil-addunyaa afur dhorkamuu Addis Standard morman

Maxxansawwan barruu Addis Standard keessaa fuula jalqabaa tokko

Madda suuraa, Addis Standard

Hayyamni maxxansaa marsariitii Addis Standard Finfinnee kan ta'e Miidiyaa Jaakeen yeroodhaaf jedhamuun mulqamuu hordofee dhaabbileen adda addaa mormiisaanii dhageessisan.

Gamtaan Awuroppaa, kan mirgoota gaazeessitootaaf mormu CPJ, Gareen Idil-Addunyaa Gaazexessitoota Daangaa-maleeyyii (RSF) akkasumas Waldaan Pireesii Biyya Alaa (FPA) damee afriikaa tarkaanii fudhatame mormaniiru.

Abbaan Taayitaa Miidiyaalee Itoophiyaa ibsa kaleessa toora miidiyaa hawaasaa isaa gubbaatti maxxanseen, dhaabbatichi ''eejjannoo garee shororkeessaa gaggeessaa jira,'' jechuun hayyama Addis Standard yeroodhaaf dhorkuu beeksiiseera.

Waajjiirri Gamtaa Awurooppaa damee Itoophiyaa toora tiwiitara isaarratti, ''Miidiyaaleen sabaa himaa sirna dimookiraasii kamuuf bu'uura. Gaazexessitoonnis bilisaan hojiisaanii raawwachuunis murteessaadha,'' jechuun tarkaanfii kana mormeera.

Gareen Idil-Addunyaa Gaazexessitoota Daangaa-maleeyyii (RSF) gamasaatiin, Abbaan Taayitaa Midiyaalee dhimmicha irratti ibsa akka kennuuf gaafachu ibseera.

Abbaan Taayitichaa haala ifa hintaaneen tarkaanfii kana fudhate jedhees jira.

Itti dabaluunis ''seeraan ala gaazeexeessitoota hidhuun haa gahu, aanga'oonnis bilisummaa miidiyaalee irratti miidhaa qaqqabsiisuu dhaabu qabaatu,'' jedheera.

Akkasumas Waldaan Pireesii Biyya Alaa Naayiroobiitti bu'ureeffate gama isaatiin, miidiyaa bilisni dagaagina dimokraasitiif gumaata olaanaa qabaata jechuun, ''Abbaan Taayitaa Miidiyaalee Itoophiyaa ibsa tokko malee hayyamma Addis Standard haquunsaa nu gaddisiseera'' jedheera.

Mirgoota gaazexessitoota kabachiisuuf kan hundeeffame CPJ gama isaatiin, ibsa bal'aa kenneera.

Addis Standard waggootaaf gabaasaalee cimoo akkasumas yaadawwan namoonni ilaalchasaanii ittiin ibsatan dhiyeessuun filannoo ta'ee kan tureedha jedheera.

''Aanga'oonni atattamaan hayyama Addis Standard haa deebisan. Gaazexessitoonnis haala bilisa ta'e keessatti hojiisaanii akka hojjatan dandeessisun ni barbaachisa. Miidyaan kamuu to'annoo (sensor) fi qoccoolaa malee hojiisaanii akka hojjataniif dandeessisu qabaatu,'' jedheera dhaabbatichi.

Haata'u malee Abbaan Taayitaa Miidiyaalee itoophiyaa tarkaanfii fudhatameerra ibsa kenneen Addis Standard ajandaa garee akka shororkeessaatti farajameeti gaggeessaa jechuun himateera.

"Garee mana mareetiin akka shororkeessaatti farajameen 'humna ittisaa' jechuun hanga waamuutti gaheera,'' jechuun ibseera.

''Kana dabalatee balleessaawwan kan biraa irratti qorannoo gadi fagoon ni gaggeeffam. Tarkaanfiiwwan dabalataas ni fudhatamu,'' jedheera Abbaan Taayitichaa ibsa isaatiin.

Hundeessituun Addis Standard kan taate Tsadaala Lammaa dhimmicha gara maan murtiitti fudhachuu akka yaadana madda oduu Rooyitarsiitti himaniiru.

"Sababiinsaas kun murtee sirriidha jennee waan hinamanneefiidha,'' jedhuun dubbatan.

Torbaan lamaan dura gaazexeessitoonni 15 kan dhaabbilee midiyaa lamaa to'annoo jala kan oolfaman yoo ta'u, guyyoota muraasaan booda sadan isaanii gadhiifamuun kaan hafan ammalleen hidhaarratti akka argaman Komishiniin Mirga Namoomaa Itoophiyaa beeksiise ture.