'Qabinsi gaazexeessitootaa fi hojjattoota Itiyoo-Foramiifi Awuloo Midiiyaa seera kan hordofe ta'uu qaba'

Madda suuraa, EHRC
Haalli qabiinsa gaazexeessitootaa fi hojjattoota Itiyoo-Foramiifi Awuloo Midiiyaa seera kan hordofe ta'uu qabaata, akkasumas ajajni mana murtii yoo hin dhiyaanne atattamaan gadhiifamuu qabu jedhe Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa.
Komishinichi ibsa Sambata Adooleessa 10, 2021 baaseen, dhimma gaazexessitootaafi hojjattoota Itiyoo Foramii fi Awuloo Miidiyaa namoota 21 humnootii nageenyaa federaalaatiin to'atamuun mana hidhaatti argamanii ilaalchisuun, qaamoolee dhimmisaa ilaallatu waliin dubbachuufi itti dhiheenyaan hordofaa jiraachuu beeksiseera.
Dhimma namoota maqaansaanii dhahame: Baqaaluu Alaamirawu, Yaayyasawu Shimallis, Faanu'eel Kinfa, Abbaba Baayyuu, Malkaam Firee Yimaam, Fiqirta Yenuus, Wiintaanaa Barhe fi Mihirata'aab Gabrakiristoos dabalatee, kaanis hordofaa akka jiru hima dhaabichi.
Namoota hidhaman kanneen keessaa arfan isaanii Adooleessaa 6, 2021 galgala keessa gadhiifamusaaniifi kan hafan ammoo yakkaan waan shakkamaniifi qorannoof hidhaarra akka turaniif poolisiin mana murtii gaafachuu komishinatti himuu ibseera.
Haata'u malee Komishinichi ''hanga ammaatti ajaja mana murtii waan hinagarreefi hidhamtootas dowwachuu waan hindandeenyeef, akkasumas hidhamtoonni maatiifi abukaatoosaanii waliin osoo wal hinargiin torbanii ol waan turaniif baayyee yaaddessaadha,'' jedheera.
''Namni yakkaan shakkame kamuu sa'aatii 48 keessatti mana murtiitti dhiyaachuu kan qabaatu fi shakkamtoonni hidhaarratti argamanis mirga abukaatoo fi maatiisaanii waliin wal argu gonkumaa dhorkamuu kan hinqabaanne, shakkamtoonni lubbuun jiraachusaaniifi nageenyummaan qaamaasaanii eegamu mirkanneessuuf eegumsa seeraa bu'uura faayidaa olaanaa qabaniidha,'' jedheera.
Kanaafuu poolisiin federaalaafi qaamooleen motuummaa dhimmisaa isaan ilaallatu gaazexeessitootaafi hojjattoota Awuloo Miidiyaa fi Itiyoo Foram amma hidhaarratti argaman hunda atattamaan maatiifi abukaatoowwan isaanii waliin akka wal argan akka taasisan gaafateera Komishinichi.
Itti dabaluunis ''haala seera qabeessummaa hidhamtootaa akka mirkanneessan, yoo ajajni mana murtii dhiyaatee jiraateen alatti'' hidhamtoonni atattamaan akka gadhiifamaniif gaafateera.
Komishinarri Komishinii Mirga Namooma Itoophiyaa, Dr Daani'eel Baqqalaa hidhaan seera hinhordoofne kammiyuu, kan amantaa seera fitaabeerii fi seera yakkaa irra jiru kan hir'isu ta'uu, hidhaan adeemsa seeraan ala ta'an gochaa guutummaa gutuutti dhaabbachuu qabu ta'uu ibseera.
''Komishinichi hidhamtoota dowwachuu fi haala qabinsa isaanii baruuf yaaliin taasisu itti fufa,'' jedhan Dr Daani'eel.

Torban tokko dura dhaabbilee miidiyaa lamma irraa to’annoo jala kan oolan ogeessonni miidiyaa eessa akka jiran akka hin beekamne abukaatoon isaanii guyyootaan dura himanii turan.
Ogeessotni miidiyaa kunneen erga to’annoo jala oolanii torban tokko ol ta’us hanga ammaatti mana murtiitti akka hin dhiyaannee fi eessa akka jiran maatiin isaanii baruu akka hin dandeenye abukaatoon isaanii Obbo Taaddalaa Gabramadihin BBCtti himaniiru.
Miidiyaa Yuutubii irratti hundaa'e Itiyoo Fooram jedhamu keessa gaazexeessitoonni hojjataniifi hojjattoonni Wiirtuu Miidiyaa Awuloo qondaaltota poolisiin to’annoo jala ooluun isaanii gabaafamuun isaa ni yaadatama.
"Mootummaan Itoophiyaa ogeessota Iitiyoo Fooram fi Awuloo Miidiyaa hatattamaan gadhiisuu qaba’’ jechuun dhaabni mirga gaazexessitootaaf kan falmu CPJn gaafatee ture.















