Miidiyaaleen Itoophiyaa maaliif gaazexessitoota dubartootaaf hin mijoofne?

Madda suuraa, spukkato
Midiyaa Itoophiyaatti erga makamte waggaa torba. Ma'aazaa Hadaraa jedhamti. Haalli isheen itti dhaabbata TV waggoota afuriif hojjatte itti gadhiistees bu'aa bahii hojiin gaazexeessummaa dubartootaaf qabu kan mul'isuudha.
Osoo xalayaa hojii gadhiisuu hin galfatiin baatiiwwan dura sababii hin beekamneen akka sagantaalee dhimma dubartootaa ilaalattan hin hojjanneef dhorkamu himti.
Hoogganaan ishee haaraa ramadame gabaasa dhimma dubartoota ilaalatu ''erga maqaankoo dabarfameen booda irra dedeebiin dhiirootaan bakka buusaa ture'' jetti.
Maaliif jettee gaafanaan ''Feminist taatee gaazexessituu ta'u hin dandeessu'' akka jedhamte himti. Isheenis waa'ee walqixxummaa saalaatiif quuqama agarsiisun hoogganaa ishee hingammachifne.
Kana malees guyyaa tokko mucaa ishee kan baatii sagalii talaalchisuuf buufata fayyaa akka deemtu itti himtulleen ''hajii hafuu hindandeessu'' jedhamu yaadati.
''Hayyamakoo kan waggaa sadii hin fudhane ture. Kanaan alattis daa'ima talaalchisuuf hayyama fudhachuun ni danda'ama ture'' jetti Ma'aazaan.
Dhumarattis hojjii akka gadhiiftuuf sababiin mucaanshee dhukkubsachuun hayyama guyyaa lamaa gaafachuufi hiriyaa ishee bara dheeraaf mindaan caalaa turte gadi akka kanfalamuuf taasifamu ta'u dubbatti. Kunis dandeettiin kan walqabate akka hinturre yaadatti.

Madda suuraa, Meaza
"Bifa isheerratti xiyyeeffachuu"
"Miiltoowwan kiyya warra dhiiraa ijoollee sadi godhatan ammalleen hojjataa jiru'' jechuu loogii saalaa miidiyaa keessaa ibsiti.
Kana malees dubartoota foddaa TVn mul'atan waan isaan dhiyeessan osoo hintaane umuriifi haala qaama isaanii irratti xiyyeeffatamun nama aarsa jetti.
''Kan jiru oduu gaazexessituun dubartii bareessitu gulaaluuf osoo hintaane kan uffannaanifi dibata ishee irratti yeroo baayyee dabarsuutu baayyata. Walgaii gulaaltootaa ganamaa irratti waa'ee uffannaa dubartootaa malee kan dhiiraa hinkaafamu'' jetti.
Kama malees dubartiin dibata meekaappii dibachuu hinbarbaadne TV irratti dhiyeettee mul'achu akka hindandeenye ofiishee akka fakkeenyaatti caqafti. Barmaanni jiraatulleen meekaappii dibachuufi wandaboo kaawwachu diduusheetti fuduratti bahuun kan hinyaadamne akka ture himti.
''Dubartoonni oduu dhiyeessan hedduun hanga bahanii meekaappii ofiirra haqaniitti mudamu. Diiroonni garuu waraabbiif daqiiqaan 10 yoo hafu dhufu. Xiyyeeffanaan isaanis dhimma dhiyeessan sanarra'' jetti.
"Wayita daballiin mindaa taasifamuttis naman ani wagga afuriin caalu kan kiyyaa kuma shaniin caala ture.''
''Maaliif jedheen yoon gaafadhu ammoo 'isheen TV irratti waan dhiyaattuuf bakka hintaanetti akka hinmul'nneefi uffata hntaane akka hinuffannee gochuuf' sababa jedhutu naaf kenname. Osoo garaa garummaa hojiitiin ta'e nadhibu ture. Deebiin naaf kenname sirrii hinturre,'' jetti.
Hooggantoota dubartoota miidiyaa
Waraan qorannoon ''saala miidiyaalee Itoophiyaa keessatti'' jedhuun Beetelihem Nagaashiifi Teediroos Haayilamaariyaamiin qoratamee dhiheenya dhiyaateen, dubartoota torba hooggansa irra jiran adda baasuun ilaala.
Qorannoon kunis hirmaannaa dubartoonni gahee murtoo kennuu gulaaltummaa fi hooggansa idilee keessatti qaban adda qooduun ilaaleera.
Qorannichaanis dhaabbanni Fana kan hojjattoota dubartootaa hedduu qaba jedhame hooggantoota 25 qabu keessaa tokko qofaatu dubartiidha jedhame. Ittigaafatamnoonni murtoo iditoriyaalii dabarsa keessaa parsantaan 40 dubartoota.
Dhaabbata Korporeshinii Birodakaastiing Itoophiyaatti ammoo hooggantoota 64 qabu keessaa 13tu dubartoota. Akkasumas dubartoonni murtoo iditoriyaalii kenna parsantaa 16.6 qofaadha.
Qorannoonni kun akka agarsiisuutti dhaabbileen raadiyoofi TV kan gaazeexaa caalaa gaazexessitoota dubartii baayinaan qabu. Kanaafis dameen midiyaalee maxxansaa hir'ataa adeemuufi dubartoonnis damee hojii kana keessa ture dadhabu akka sababaatti kaasa.
Faasikaa Taadasa waggoota afuri oliif midiiyaa maxxansaa tokko hogganaa turte. Dhiheenya kana miidhaa saala bu'urreeffateen hojiishee gadhiisu dubbatti. Miidiyaaeen hoggansa dubartootaa muraasaa qofaa akka qabu dubbatti.
Waggoota saddeetiif hojjii gaazexessummaan dabasu kan dubbattu Faasikaan, hooggantoonni dubartootaa haala dhiiraan adda ta'een rakkoon ni mudata jetti.
''Dhiira guyyaa tokkolleen hooggantu dubartiin qabaadha jedhee yaade hinbeekne waliin hojjachuu gaafata'' jetti.
''Hawaasaafi maatii dhiiroonni keessatti guddatan baayyee keessatti olaantummaadhiiraa kan barameedha. Kanaafu hooggansa dubarii amanee fudhachuun itti ulfaata. Hojiisaanii irratti yaada yoo kennitu ykn yoo hojii ajajjju 'na tuffatteetii'' jechuutu isaaniif ta'a'' jetti Faasikaan BBCtti wayita himteetti.
Sababii jecha hojjaa dhiiraa isheetiin jedhameetiin hojiishee baatii muraasaan dura dhaabuuf dirqamu dubbatti Faasikaan. Namni kun kanaan durailleen jecha walfakkaataa jedhuunis obsaan bira darbu dubbatti.
''Ergaa hooggantoota kiya dabalatee miiltowwan kiyya hunda irratti dhiibbaa taasise naaf erge. Ergaa kanas miilitosaa dhiiraatiif akka hinergine nan hubadha,'' jetti.
Gaazexaarratti ittigaafatamummaa olaanaarra jiraatulleen, ''dhimmicha garmalee harbeessite'' jedhamuun alatti kan ishee dhagahe akka hinturre dubbatti. Sababii kanaatiin hojiishee dhaabuun dhimmicha gara mana murtiitti geessuuf murteessu beeksiifte.
Yeroo kana ture dhaabbatichi ''jechi bakka hojii hineeggatiin fayyadameera. Isaan alatti rakkina biraa hinagarre'' jechuun xalayaa akeekkachiisaa kan barreesse. Haata'u malee dhimmichi qoratamuun tarkaanfii sirriin fudhatamu qabaata ture jetti Faasikaan.
''Namni baayyeen kun balleessaa seeran gaafachisu ta'u ni beeka. Seerri hojjataafi hojjachiisaa kana ifatti labsee. Ittigaafatamtoonni haleellaawwan amantaa, saalaafi sabummaa bu'ureeffachuun qaqabaniif deebii yoo hinkeniine ni gaafatamu. Tarkaanfii gitu fudhachu dhabuunsaanii ammoo ana bira taree ergaan inni warra kaaniif qabaatu na yaaddeessa. Eddoon sun anaaf waan hinmijanneef dhiisee baheera'' jetti.
Walabummaa Pireesii, mirga fi nageenya dubartootaa waliin
Bakka buutuun dhaabbata mirga gaazexeesitootaaf falmu CPJ Gammoojjii Sahaaraan gadii kan taate Mutukii Muummoo hojjettoota dubartootaa darbees hoggantoota dubartootaa dhaabbatni hin qabne rakkinicha kan walabummaa pireesii taasisa jedhan.
Keessumaa gaazexeesitoota dubartootaa Afrikaaf wayillan isaanii dhiiraa waliin rakkoo dabalataa taha. Dubartoota tahuu isaaniinis rakkoon dabalataa isaan mudata jechuun falmiti. Kun ammo ogumicha keessa turuuf rakkoo guddaa taha jette.
''Yugaandaatti ibsa paartilee mormituu gabaasuuf gaazexeesitoota walitti qabaman irra balaan dhaaqabe nan yaadadha. Poolisiin gaazexeesitootaa warra dhiiraa yeroo reebee hidhu ishee dubartiinis akkasumas carraa hidhamuu ture kan ishee mudate.Haa tahu malee dubartootni hojicha haa hojjetan jechuu hojii irraa eeganiin dabalata rakkoo biraafis saaxilamti,'' jette.
Taatee kana keessa dubartiin turte abbaan warraa ishee '' hojii kana yookiin anaan filadhu'' akka ishee jedhe nan yaadadha.
Dubartootni gaazexeesitootaa hoggantoota isaanii dhiiraa, waayillan isaanii irraa rakkoo isaan mudatu baqachuuf jecha hojii jaallatan dhiisuun gaazexeesitoota matumsa isaanii miidha jedhu.
Haa tahu malee akka miidiyaa irratti hojjettootni dubartootaa dhibuun miidhaa guddaa yoo tahu, odeeffannoon hawwaasni argatus bifa garaagaraan tahuu dhabuun isaa walabummaa pireesii waliin wal qabata jedhan.
Qorannoon dhiyeenya gaggeeffaman akka agarsiisanitti dhiirota waliin wlabira qabuun yoo ilaalle, dubartootni haleellaa dijitaalaaf saaxilamu jedha.
‹‹Haleellaa xiin-sammuu kana irraa ka'uun gaazexeesitootni dubartoota tahan mataa isaaniimadaaluu eegalu. Kunis kallattumaan walabummaa pireesii irratti dhiibbaa kan fidudha'' jechuun BBCtti himan.
Dhaabbatni isaanii mirga gaazexeesitootaaf kan falmu mirga hawaasas kan dabalatu tahuu kan himan mutukiin, miidiyaaleen dubartootaan hogganamuun walabummaa pireesii waliin wal qabata jedhan.
‹‹Dhaabbata tpkko keessatti qabeenya isaa maal irratti dhangalaasu,pirojeektii qorannoo isa kamiif dursa kennu kan jedhuu fi oduu kamtu fuula duratti bahu qaba kan jedhu kan murteessu hoggantootadha. Hoggantoota dubartootaa hin qabu taanaan yaada dubartootaa murtee dhabe taha, kun walabummaa pireesii irratti dhiibbaa mataa isaa kan fidu taha'' jedhan.
Dabalataan dubartootni garee yaada wal fakkaataa qaban godhanii ilaaluun gaarii miti. Gabaasotni siyaasaa, dinagdee fi hawwaasummaa yaada dubartootaa akka qabaatu gochuun murteessaadha jedhan.
Furmaatni isaa maali?
Qormaatni ishee mudate carraa biraa banuufii kan dubbattu Ma'aazaan amma ofiishee ogummaa garaagaraan yaa'a yookaan chaanaalii Yuutuubii garaagaraa bantee shammarraniif hubannoo kan kennu barnoota garaagaraa kenniti.
Furmaanni isaa waldaan gaazexeesitootaa jabaachuullee baatu wal gargaaruun furmaata akka tahe himti.
Dubartootni harka isaanii irratti miidiyaa qabatanii callisuu akka hin qabnes hubachiifti.
Dursanii wari hojicha keessa galan dubartoota haaraa hojicha jalqaban akka isaan baran jajjabeesuu qabu kan jettu Ma'aazaan '' warri dhiiraani dubbatu, nuyis miirri obbolummaa yoo nutti hin dhagahamne borus dubartootni dhufan tokko jedhanii zeeroo irraa jalqabuu isaaniiti,'' jette.
Dubartii gaazexeesituun yoo nama waliin waliigalte, baatee yoo bashannantee fi waan barbaadde goote, isheen kun nama hunda waliin jirti jedhamti. Kana irraa faallaa yoo taate ammo monoksee jedhuun,'' kan jettu Ma'aazaan hawwin koo kuni hafee gaazexeesituu dubartii san kan jedhu hafee gaazexeesituu qofa yerootti jedhamtu akka hawwaa.
''Uffata ishee, bifashee rifeensashee osoo hin taane hojii hojjettuun indaastirii ittiin madaalamtu akka taatu arguudha'' jette.
Eessayyuu deemee furmaata hin argadhu. Dhiisee yoon taa'e naaf wayya'' jedhanii dhiisuun dhaabbilee hedduun rakkinahojjettoota dubartoota isaanii akka callisanii ilaalan sababa tahuu Faasikaan ni himti.
''Waan isaan irra gahe yoo dubbatan hojii isaanii waan dhabaniif callisaniii kan darban baay'eedha,'' jetti.
Dhaabbileen nageenya gaazexeesitoota dubartootaa kan isaan hin eegneef sababni guddaan hojiin advookeesii yookaan mirgaaf falmuu gaggeeffamu dadhabaa dhufuu isaa akka tahe himti.
Waldaa gaazexesitoota dubartootaa dabalatee dhaabbileen ogummaa kaan yeroo mirgi sarbamu ifatti bahanii dubbachuu dhabuun isaanii hoggantoota miidiyaaf dhiibbaa maal na dhibde jechuun dhiibbaa akka qabaatu himan.
Dabalataan sosochiileen feministii baay'een hojiiwwan hojjechuun isaaniif tahu hojjechuu dhabuun rakkoo biraa tahuu kaasti.
Magaalaa Finfinnee keessa sosochii feministii yookaan mirga dubartootaaf falmuu baay'eetu jiru. Humna isaanii kan fixan waan biraa irrattidha. Nageenya hojii keessatti mudatu irratti cimsanii hojjechuu qabu jedheen yaada'' jette.
Waldaaleen kunneen rakkinootni osoo hin dhufiin leenjii kennuufi dhaabbileenis hojmaata keessoo isaanii akka sakatta'an gochuu barbaachisa,'' jette.
''Dhaabbilee tokko tokko keessa haleellaan saalaa akka jirus ni amanna. Gaazexeesitoootni kunneen yoo kana dubanne eenyuyyuu nu hin qacaru jechuun callisu,'' kan jettu Faasikaan rakkinoota kanneen hiikuuf fagoo taanus hir'isuuf hojjechuu qabna jette.
Mutokii gama isaaniin miidiyaaleen rakkina keessoon isaan mudatu qofa osoo hin taane, gabaasaan dura nageenya gaazexesitoota dubartootaa dursuu akka qaban himu.


















