'Gazexessitootni ONN haalduree tokko malee gadhiifamuu qabu'-CPJ

Madda suuraa, CPJ
Gareen mirga gaazexessitootaaf falmu CPJ, Poolisiin Itoophiyaa murtee mana murtii booddeetti jechuun gaazexessitoota ji'a lamaa oliif qabe gadhiisuu didee jechuun komate.
Gareen kun ibsa Jimaata baaseen Gaazexessitoota ONN Dassuu Duulaafi Waaqoo Noolee jedhaman akkasumas hojjetaa miidiyichaa Ismaa'eel Abdul Razaaq poolisiin atattamaan gadhiisuu qabaa jedheera.
Bitootessa 7 poolisiin Buraayyuutti Daayireektara Itti aanaa ONN kan ta'e Dassuu Duulaa akkasumas gaazexessaa dhaabbatichaa kan biraa Waaqoo Noolee fi Konkolaachisaa isaanii waliin to'achuu dhaabbatichi yaadateeera.
Bitootessa 30 Dhaddacha Mana Murtii Burraayyuutti abbaan alangaa himata banuu waan hin dandeenyeef sadeen akka gadhiifaman murteessee akka ture Hogganaa ONN Bulii Ejjetaarraa irraa iyyaafachuus CPJ'n ibseera.
Haata'u malee hanga ammaatti hin gadhiifmne kun sirrii mitii jedheera. Bakka bu'aan CPJ biyyoota Sahaaraa gadii Mutookii Muumoo, ''haala duree tokko malee gadhiifamanii, kanneen seeraan ala mirga isaanii sarbaniis seeratti dhiyaachuu qabu'' jedhan.
''Abbaan alangaa himatan irratti banu hin qabu erga jedhee, faallaa kanaan hidhaa tursuun fudhatam hin qabu, adeemsa seeraas kan faallessuu jedhan'' Mutookiin.
Abukaattoo hojjetoota miidiyaa ONN kanaa obbo Mul'isaa Ejjetaa fi obbo Buliirraa akka qulqulleefadheera jedhetti guyyaa 10 dura gaazexessitootni kun mana amala sirreessaa birootti dabarfamanii, amma mana hidhaa Galaan jiru keessa jiru.
CPJ'n dhimma kana qulqulleeffachuuf Hoogganaa Kominikeeshiinii naannoo Oromiyaa obbo Geetaachoo Baalchaatti bilbilee waajira abbaa alangaatti qajeelfamuus gabaaseera.
Abbaan Alangaa waliigalaa Oromiyaa obbo Daani'eel Assaffaa dhimmi hidhaa gaazexessitoota kanaa amallee qorannoorra waan jiruuf yaada irratti kennuu akka hin feene himuu isaanii gareen kun ibsa isaa keessatti eereera.












