Namni jalqabaa waggaa 5000 olii weerara dhibee 'du'a gurraacha' fideen qabame barame

Madda suuraa, Dominik Goldner, BGAEU, Berlin
Saayintistootni nama jalqabaa weerara dhukkuba 'pilaag' kan jaarraa 14ffaa keessa lammilee Awurooppaa walakkaa ol duguugeen qabamuu hin oolle jedhan argatan.
Namni waggoota 5,000 dura Laativiyaatti du'e kun nama jalqabaa weerara kanaan faalamuun miidhamee du'e akka ta'e qorannoon agarsiise.
Weerarichi bara 1300moota keessa Awurooppaa guutuutti faca'uun walakkaa uummata isaanii jalaa fixe.
Boodas weerarri kun jaarrotaaf itti fufuun sababa du'a miliyoonotaaf sababa taheera.
''Hanga ammaatti nama jalqabaa weerarichaan miidhamuun adda bahe harkaa qabnudha,'' jedhu Dr Been Kiruus Kiyoora, Jarman yuunivarsiitii Keel irraa.
Hafteen qaama nama dhibee kanaan du'ee waggoota 5,300 kan turedha.
Namni kun namoota sadii biroo waliin bakka awwaalchaa Niyolootik jedhamu Laatiiviyaa keessaa cina laga Salak kan gara galaana Baaltikitti yaa'u biratti argamu keessatti awwaalameera.

Madda suuraa, Harald Lubke, ZBSA, Schloss Gottorf
Qorattootni DNA lafee fi ilkaan namoota afurii duraa duubaan kaa'uun, baakteeriyaamoo vaayirasiin kan jedhu qorannoo gaggeessan.
Nama adamsuu fi firii mukaa funaanuun jiraataa ture kan ganna 20 keessa tahe tokko- weerara dhukkuba duriin baakteeriyaa Yersiniya Pestis jedhamuun dhufuun faalamuu isaa adda baasan.
''Gosa hantuutaa 'rodent' jedhamtuun ciniinamuun jalqaba baakteeriyaa Yersiiniyaa Peestis jedhamuun faalamuun guyyoota muraasa booda du'uu hin hafne. Tarii torban fa'a booda,'' jedhe Dr Kiruus Kiyooraa.
Qorattootni akka jedhanitti dhukkubni durii kun bara 7000 dura kan ka'edha. Yeroo hojiin qonnaa Awurooppaa keessatti jalqabe.

Madda suuraa, Dominik Goldner, BGAEU, Berlin
Baakteeriyichi osoo weerara guddaa hin uumiin beeyiledoota irraa gara namaatti darbaa turuu hin hafne.
Yeroo keessa nama faaluutti madaquun, bifa weerara buubonik jedhamu qabatee titiisaanis darbuun Awurooppaa keessatti lubbuu miliyoonotaa galaafate.
Qorannoon weerarichi xumurabara Niyoolotik keessa lakkoofsa uummata Awurooppaa gadi buusuu hin hafne jedhu akkuma jiru kanaan kan mormanis hin dhabamne. Garuu weerarichi Awurooppaa keessa turuu irratti waliigalu.
Baakteerichi yeroo baattoo dhukkubichaa kan taate 'rodent' nama ciniintu nama qaba ture. Yookaan ammoo beeyilada baakterichaan faalame tuquudhaan.
Dhukkubichi ammayyuu jira. Garuu yoo dafee yaala argate farra baakteeriyaan yaalamuu danda'a.













