Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
UStti adabbiin du'aa namoota lamaa haga gareen dhukaasanii ajjeesan argamanitti yeroof dhaabbate
Manni murtii olaanaa Ameerikaa kutaa biyyaa Kaarolaayinaa Kibbaa keessa jiru, du'a elektirikiin yookaan rasaasaa keessaa hanga filatanitti adabbii du'aa namoota lamaa dhaabsiseera.
Seerri haaraa bahe, kanneen adabbii du'aa fudhachuuf eeggachaa jiran, yoo qorichi waraanamanii du'an dhabame filannoowwan kanneen keessaa tokko akka filatan carraa kennaaf.
Haatahu malee aanga'oonni mana hidhaa haga ammaatti garee rasaasaan dhukaasee ajjeessu (firing squad) waan hin hundeessineef, adabbiin du'aa akka dhaabbatu manni murtii olaanaa kun murteesseera.
Biraad Sigmon fi Fireedii Owens namoonni jedhaman kunniin ji'a kanatti du'aan akka adabaman yeroon qabameefi ture.
Ajjeechaan balleessummaa kan irratti argame namoonni kun, lilmeen waraanamanii du'uu barbaadanis hin milkoofne. Qorichi waraanaman kun argamuu hin dandeenye.
Hir'inni qorichoota kanneenii kutaa biyyaa kana keessatti waggoota 10f haala kanaan adabbiin du'aa akka hin raawwanne taasiseera.
Seerri haaraa ji'a dabre keessa hojiirra oole kun qaawwa seeraa gama kanaan jiru duuchuuf fala fida jedheera. Maali jennaan? - qorichoonni kun dhabamuusaaniin adabbiin du'aa yeroo dheeraaf akka irraa dhaabbatuuf carraa argatan hambisa jedhan.
Ammoo gareen rasaasaan dhukaasee ajjeessu (firing squad) kutaa biyyaa kanatti waan hinjirreef, malli adabbii jiru elekitirikiin du'uu qofa.
Abukaatonni Sigmon fi Owens gosa ajjeechaa kana mana murtiitti falmuun, jarri kun lilmeen waraanamanii du'uuf mirga qabu jedhan.
Kanaanis Mana Murtii Waliigalaa Kaarolaayinaa Kibbaatti iyyachuun, adabbiin du'aa maamiltoota isaanii haga dhimma isaanii dhaddachi dhagahu akka dhaabbatu gaafatan.
Guyyaa Roobii manni murtii isaaniif murteessuun jarri kun filannoon ''akka itti du'an murteessuu'' isaaniif hin kennamne jedhe.
Manni murtichaa dabaluun, haga ''immaamatni garee dhukaasee ajjeessuu haga mijaa'utti'' adabbiin kaanis akka dhaabbatan jechuun ajaja dabarseera.
Ajaja mana murtii kana hordofee angawoonni mana hidhaa kutaa biyyattii ''imaammataafi haala adeemsaa garee dhukaasee ajjeessuu hundeessuu jalqabuuf'' akka jedhan beeksisaniiru.
''Kutaaleen biyyaa biroo adeemsa kana keessatti akka nu qajeelchan gaggaafachaa jirra. Dhukaasaan du'uun filannoo adabbii wayita tahus mana murtichaa ni beeksisna,'' jedhe Waajirri Manneen Amala Sirreessaa Kaaroolaayinaa Kibbaa.
Kaaroolaayinaa Kibbaa kutaalee biyyaa adabbii du'aa dhukaasaan heeyyaman afur keessaa ishee tokkodha. Oklaahomaa, Misissippii fi Yutaah isaan biroodha.
Namni ganna 63 Sigmoon guyyaa Jimaataa du'aan adabamuuf guyyaan qabameefi ture.
Erga duuti itti murtaa'ee kunoo barkurnee lama tahuuf adeema. Namni kun bara 2002 keessa maatii jaalalleesaa duraanii ulee 'baseball' itti taphataniin rukutee ajjeesuun balleessummaan irratti argame.
Adabbiin Owen ammoo Waxabajjii 25f qabamee ture. Namni ganna 43 kun erga 1999 kaasee adabbiin du'aa irraa ka'aa, itti murtaa'aa as gahe.
Owen wayita saamicha suuqii tokkorratti raawwatu hojjetaa suuqichaa ajjeesuun itti murtaa'e.