Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Mohammad Hassan Rezaa'ee: UN adabii du'aa Iraan dargaggoorratti raawwatte balaaleefate
Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii (UN) Iraan nama wayita waggaa 16 ture yakka raawwateera jedhamee himatame du'aan adabusee balaaleffate.
Qondaalli mirgoota namoomaa UN akka jedheetti, Mohaammad Haasan Rezaa'ee kan amma wagga 30 Kamisa darbee du'aan adabame.
Aminasti Intarnaashinaal akka jedheetti, Rezaa'een bara 2007tti nama waraanee ajjeessun to'atame. Innis kan itti murtaa'ee jecha dirqosiifamuun kennetti fayyadamuun jedheera.
Dhaabbatichis ''Nama wayita yakka raawwatetti daa'ima turerratti du'a murteessuun seera mirgoota namoomaa idil-addunyaa cabsu cimaadha. Innis yakka wayita daa'imummaatti raawwatameef adabbiin du'aa akka hinmurtoofne dhorka,'' jedheera ibsa jalqaba baatii kanaa baaseen.
Oduu adabbii du'a Reezaa'ee hordofuun, qondaalli Dhaabbata Gamtoomaniitti Komishinii Olaanoon Mirgoota Namoomaa (OHCHR), Misheel Baachelet, ibsa baasaniin ''gocha Iraan ''cimsinee balaaleeffanna'' jedhaniiru.
Baruma kana keessa ijoolleen yakka raawwatan jedhaman kan biraa sadi du'aan adabamaniiru, akka OHCHR'tti.
Yoo xinnaatees kanneen biraa 80 ta'an ammoo manneen hidhaa Iraan keessatti duutii itti murtaa'uun eegataa jiru, jedhan qondaalti kun.
Ibsicha keessatti, dubbii himtuun Raavinaa Shaamdaasaani gama isheetiin, OHCHR Iraan waliin ''dubbachaafi jidduu galuuf'' yaalus adabbiicha raawwachuu isaaniitti aaruu ibsaniiru.
Akka Amanistiitti, Reezaa'een waggoota 12f akka du'a eeggatu taasifame. Innis kan itti murta'ee ''dhadhacha haqa qabeessa hintaane' fi himatamaan dararamee akka amanu taasifameeti jedheera.
Adabbiin ajjeechaa Reezaa'ee kunis torbanoota muraasa namoonni beekamoon biraa lama ajjeefaman booda kan raawwatamedha.
Gaazexessaan Ruhollaah Zaam kan motummaa qeequun beekamuufi isporteessaa wallansoo (wrestler) dararaan booda jecha irraa fudhameen du'aan kan adabte dhiheenyuma kana ture.