Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Ruhollah Zaam: Biyyoonni Gamtaa Awurooppaa Iraan waliin walgahii taa'u didan
Adabbii du'aa Iraan gaazexessaa motummaa mormu irratti raawwatteen wal qabate, biyyoonni Awuroppaa afur foramii daldalaa karaa onlaayiiniin Tehraan keessatti gaggeeefamuuf ture keessaa bahan.
Foramiin Wiixata har'aatti karoorfamee ture kana keessaayis ambaasadaroota biyya Faransaay, Jarmanii, Xaaliyaaniifi Awustiraaliyaatu hirmaachu dide.
Qopheessitoonni foramichaas booda yeroo biraatti dabarsineera jedhan.
Kunis waldhabdee adabbi du'aa Zaam irratti raawwatameen walqabatee Iraaniifi biyyoota Awurooppaa jidduutti umameen kan wal qabateedha.
Zaam ergaa appiitti fayyadamuun tasgabbiin biyya keessa akka hinjiraannee taasise jedhamuun himatamaa ture.
Gaazexessaan kunis erga karaa marsariitii isaatiin 2017tti mormii guddaa Iraan keessatti qopheessen booda biyya Xaaliyaaniitti kolugaltummaan kennameefii ture. Booda ammoo Iraan keessa to'atamuun Sanbata darbe faniifamee akka du'u ta'e.
Ajjeechaa kanas Faransaay ''gara jabinaafi fudhatama kan hinqabne'' jette turte. Akkasumas Gamtaan Awuroppaas cimsuun ajjeechaa sana mormee ture.
Deebii kanaatiif ammoo Iraan ergamtoota Faransaay fi Jarmanii kanneen ammaan tana pirezidaantummaa Gamtaa Awuroppaa isa naanawu qabatan walgahii waamte.
Isaan boodas Dilbata, faransaayi karaa tiwitaraatiin ambaasaadarri ishee ergamtoota sadii kan biraa waliin kan biyya Iraan walgahii daldalaa Iraaniifi Awuroppaa irratti akka hinhirmaannee beeksiifte. Dhuma tiwitarichaa irratti ministirichi hashtag #nobusinessasusual fayyadame.
Dhaabbanni mirgaaf falmu, Amanstii Intarnaashinaal jacha dirqiin akka kennu taasifameen ajjeefame jechuun mormeera.