Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Adabbii du'aa: Biyyoota meeqatu ammayyuu du'aan nama adaba?
Biyyoota Gamtoomanitti (UN) Barreessa Olaanaa kan ta'an Antooni'oo Guterees, Guyyaa Farra Adabbii Du'aa adduunyaarratti haaasaa godhaniin biyyoota hojiirra oolmaa adabbii du'aa hambisurratti carraaqqii godhan faarsaniiru.
''Biyyoonni 170 adabbii du'aa haqaniiru yookaan gochaa kanarratti dhorkaa (moratorium) godhaniiiru,'' jechuun dubbataniiru.
Moratorium - jechuun imaammataafi gochaa tokko dhorkurratti waligaltee godhamuudha.
Egaa, waan sirri dubbatanii?
Barreessaan Olaanaa UN, gabaasa Mana Marii Mirga Namoomaaf baatii Fulbaanaa keessa dhiheessanitti ''biyyoonni 170 adabbii du'aa seera keessaa akka haqamu yookaan wagoota 10 darban keessatti gochii akkanaa akka hinraawatamne godhaniiru.''
Biyyoota miseensoota Mootummoota Gamtoomanii 193 keessa biyyoota 23 kan ta'an, waggoota 10 darban keessatti yoo xiqqaate nama tokko du'aan adabaniiru jechuudha.
Lakkoofsi kunis gabaasa biyyoota miseensa ta'aniifi haawaasa siviilirra kan argameedha jedha Mootummooni Gamtooman (UN).
Akka dhabbanni mirga namoomaa Aminestii jedhuutti, adabbii du'aa seera keessaa akka haqamu fi biyyoonni 33 ammoo wagoota 10 darban keessatti yoo xiqqaate nama tokko du'aan adabaniiru jechuun dubbateera.
Kanneen bara 2017 du'aan adabaman keessatti %84 kan raawwatame biyyoota afuriini (Saa'ud Arabiyaa, Iraaq, Pakistaaniifi Iraan). Kun Chaayina, biyya addabiin du'aa icitii godhamee motummichaan ta'e eegamu hindabalatu. Akka dhabbanii mirga namoommaa tilmaamutti, chaayinaan wagga waggaan namoota kumaatamaan lakkawaman du'aan adabdi.
Bara 2017 keessa kanneen addabiin du'a kan inni raawwate; morma kutuun, fannisuun, limme ajjeesu kennuufi raasaasaan ta'uunis beekameera.
Yoo xiqqaate namoonni 2,591 biyyoota 53 keessatti murteen du'a akka irratti darbeera. Haa ta'u malee dhimma kana ilaalchiise biyyoonni tokko tokko tarkaanfii fudhachuu dhiisuun murteen du'aa kana addabbi birootti kan geedaran jiru.
Akka dhabbanni mirga namoomaa Aminestii jedhutti:
- Biyyoonni 106 ta'an keessatti addabiin du'a seeraan hayyamama miti.
- Biyyoonni 7 ammo yaakka cimaa haala adda ta'e kan akka yeroo waraanaa keessatti hojjetamuurratti addabi du'a ni hayyamu.
- Biyyoonni 29 seera addabbi du'aa hayyamu kan qaban ta'us waggoota 10 darban keessatti kan ajjeesanii hinbeeknedha. Akkasumas gochaa ajjeesuu dhiisuu ilaalchisee himaamata fi murannoo beekama qabu.
- Biyyoonni 56 ammoo seera murtee addabbi du'a kennu rarraasanii (tursanii) kan jiran ta'us, raawwii kana raawwachuufis ta'e raawwachuu dhiisuuf labsiin angaawootaan ifatti kenname tokkolle hinjiru.
(Aminestiin biyyoota miseensa mootummoota gamtoomanii hinta'in shanis itti dabalteetti. Kana keessas Taayilaand ishe tokko wayita taatu bara 2018 keessa gochaa du'aan adabuu raawwateetti)
Ibsa Barreessa Olaanaa UN kana booda mootummaan Maaleeshiyaan addabii du'aa akka kaasuuf fedhi qabdu beeksiiftetti. Maaleeshiyaa keessatti kanneen murteen adabbi du'aa irratti darbe namoota 1,200 akka jiran ni beekama. Manni marii bakka bu'oota tessuma itti aane ta'u keessatti seera kana ni haqu jedhame eegama.
Giinii fi Mongooliyaan adabbii du'a bara 2017 keessa kan haqan wayita ta'u, presidaantiin Gaambiyaa Adaamaa Baaroos adabbiin akkanaa akka turfamu ajajaniiru. Gaambiyaan erga bara 2012 as du'aan nama adabde hinbeektu.
Burkiinaa Faasoos ji'a Waxabajii keessa seera walfakkaata kan haqxe wayita ta'u, dhuma bara 2017 keessa biyyoonni Afriikaa Sahaaraa gajjalaatti argaman 20 seera adabbii du'a haqaniiru jedha Aminestiin.
Biyya Ameerikaa keessatti wagga darbe keessa namoonni 23 du'aan kan adabde wayita taatu, Manni Murtii Olaanaa biyyati '' Murtee dimshaahsaafi bifa loogii sanyiin godhameedha,'' jechuun Onkolooleessa 2018 keessa addabbi du'a irratti uggura gooteetti.
Lakkoofsi biyyoota adabbi du'a seeraan haqan dabalaa dhufuun bara 1991 keessa 48 kan turan bara 2017 keessa gara 106 ol guddataniiru. Biyyoonni gochaa du'aan adabuu hojiirra oolchanis baroota darban kana keessa dhawwataan hir'isa dhufaniiru.