Ministira Muummee: ''Osoo isa hin ajjeesin nu miliqe humnoonni jedhan turan''

Torban muraasa dura waraanni hidhate masaraa mootummaatti kan imale daballii miindaaf osoo hintaane jijjiirama biyya keessa ta'a jiru gufachiisuufi jedhan Ministirri muummee Abiy Ahimad.

Guyyaa har'aa mana maree bakka bu'oota ummataatti argamuun haasa'aa pireezidantiin Itoophiyaa Dr. Mulaatuu Tashoome manneen maree lameeniif kennan irratti hundaa'uun gaaffii miseensonni dhiyeesaniif deebii kennaniiru.

Obbo Taaggasa Caafoon Af-yaa'ii Mana Maree Bakka Bu'oota Ummataa haaraa ta'un guyyaa dheengaddaa aangoo kan gadhiisan Aadde Mufariyaat Kamiil bakka bu'aniiru.

Ministirootaa fi deetaa ministirootaaf boru kaasee leenjii dhaabbatni akkamitti akka ijaaramuu fi rifoormiin akkamitti akka gaaggeefamuurratti leenjiin ni kennama jedhaniiru.

Dhimmoota ijoo Ministirri Muummee deebisan asiin gadi argattu:

Nageenyaa fi olaantummaa seeraa

Gaaffilee nageenyaa, buqqaatummaa fi olaantummaa seeraa kabachiisuurratti gaaffii miseensonni mana marichaa kaasaniif wayita deebisan waggoota lamaafi sadan darban haalli nageenyaa ture qomoon qomoo isaarratti yeroo itti duule, lammiileen biyyattii yeroo itti guddaa qooraman ture jedhan.

Gocha saalfachiisaa akka ta'e yeroo hedduu dubbanneerra jedhan.

Rakkoon nageenyaa kun dantaa siyaasaa argachuuf kan raawwatame ta'ee osoo jiruu yakka sanyii balleesuuti jedhamee fudhatamuu fi dubbatamuun dogoggoraa jedhan.

Seer-maleessummaan danqaa bulchiinsa ammaa isa jabaa akka ta'es dubbatan.

''Walgargaarree keessa bahuu baannaan rakkoon kun akka biyyatti jiraachuu haalli nu hin dandeessisne uumamuu danda'a''.

Lammiileen humna fayyadamuu fi haqa kennuu hin danda'an. Aangoo humna fayyadamuu qaamni qabu mootummaa qofadhas jedhaniiru.

Ji'oota jahan darban mootummaan dhimma nageenya bakka sadiitti qoodee ilaaleera jedhan. Walitti bu'insa ittisuu, walitti bu'iinsaaf naannoolee saaxilaman to'achuufi nageenya waaraa mirkaneessuu ta'uus himan.

Xiyyeeffannoo mootummaafi gidduu gala seera kabachiisu kan ta'u namoota duubaan walitti bu'insa kana kakaasan adda baasuufi qabuu ta'uus himan.

Jeequmsa bakkaa bakkatti tureen Hawaasatti namoonni 1,000, Buraayutti 380, Finfinneetti 80, Gaambellaatti 15 ol namoonni ta'an seeratti dhiyaataniiru jedhan.

Finfinneettis fedhi addaa siyaasaa fi eenyummaa makate qaamolee fedha qabaniin jeequmsa uumaa turan namoota hedduun hiikamaniiru kan leenjiif fudhatanii bahan jiru. Adeemsa kana keessatti namoonni badii malee miidhaman akka qaama haaromsaatti ilaaluu qabu jedhan.

Hojii olaantummaa seeraa kabachiisuu cimsinee itti fufus adeemsi isaa salphaa akka ta'eetti ilaaluun garuu sirrii miti jedhan.

Miseensota raayya ittisaa

Torbee lamaan darbe dhufaatiin gaaffii qabna jechuun miseensonni raayyaa ittisa biyyaa gara masaraa mootummaa taasisan heera mootummaa kan dhiibuu fi sodaachisaa qofa osoo hin taane kaayyoon isaa rifoormicha danquudha jedhan.

Yeroo waraanni seenu push aappii kan hojjeechiisan waraanicha tasgabbeessuuf akka tahe kaasani ibsa miidiyaaleef kennaniin immoo fuula toluu isaanii dubbataniiru.

''Gaafa sana osoo keessikoo gubatu kokkolfaa miidiyaaf gaaffiifi deebii kenne'' kan jedhan ministirri muummee, lammiilee biyyattii tasgabbeesuuf malee haalichi salphaa ta'ee akka hin taane dubbatan.

Erga sanii booda, ''Osoo isa hin ajjeesin nu miliqe humnooni jedhan turani'' jedhaniiru.

Sababa akkana godhanif yoo dubbatan magaalaalee ''Buraayyuu, Sabbataa fi lagaxaafoorraa qonnaan bulaafi dargaggessi gurmaayee mootummaan keenya tuqameera jedhee'' dhufaa ture jedhan.

Ummata tasgabbeessuuf akka kana godhanillee dubbataniiru.

Miidiyaalee

Miidiyaa hawaasummaa, sabaahimaalee dhuunfaa fi kan mootummaa bira hanqinoonnis wantootni gaariinis jiraachuu haasaa isaanii keessatti kaasaniiru.

Miidiyaaleen kun hojii isaanii haala itti gaafatamummaa qabuun hojjechuu akka qabaniis dubbataniiru. Miidiyaa hawaasummaarratti to'annoo gachuu akka yaadanis dubbatan.

Miidiyaaleen maallaqaan ummataan deeggaramuu yoo baatan harka namoota dhunfaa galuun sirna dimookraasii ijaaruu keessatti gahee bahuu qaban bahuu dadhabuu jedhan.

Dinagdee

Miseensonni mana maree bu'uraalee misoomaaf bajatni osoo hin qabamin akkamin karooraa waggaa shanii galmaan gahuu danda'a jedhani gaafatanif Ministirri Muummee bajatni qabamuu himan.

Daandiif qarshiin biiliyoona 38.5 akkasumas ibsaaf walumaa gala qarshiin biiliyoona 130 qabamuu yaadachiisuun bakkaa bakkatti pirojektii hin xumurin eegaluun sirrii miti jedhan.

Daballii miindaarratti hanqinni bajataa liiqii deebisuurra madde daballii miindaa eegamu raawwachuuf haala rakkisaa uumuus dubbatan.

Muudama Dubartootaa

Muudamni dubartootaa kaabinee mootummaa keessatti ta'e aangoon siyaasaa isaanii kan cimsu yoo ta'u gaaffi isaanii biroo deebisaa deema jedhan Dr. Aby.

Muudamni kuni itti fufa kan jedhan yoo ta'u, muudamichi dubartootaaf oolmaa ooluuf osoo hin taane biyya cimaa ijaaruuf akka ta'e fudhatamuu qaba dubbataniiru.

''Biyyi kun dubartii cimtuu yoo hin qabaanne, biyya ta'u hindandeessu'' jedhan.

Kan aangootti dhufanis ga'umsaafi barumsa gahaa kan qabanidha jechuun himaniiru.

Dhimma daangaa Itoophiyaafi Sudaan mari'atamaa kan jirufi yeroo dheeraaf waan turef ji'a jaha keessa akka furamuuf eegamu hin qabu jechuun gaaffii miseensota mana mareef yeroo deebisanitti ibsaniiru.