Mudama ministiroota dubartootaa: Injinar Ayishaa fi Dr Ergogeen walbaraa

Aangoo ministirummaa dhiheenya kana dubartootaan qabame keessaa ministeerri raayyaa ittisa biyyaafi ministeerri dhimmoota hojjataafi hawaasummaa ni argamu.

Dubartoonni waajjiraalee ministeeraa kanneen ogganuuf jiranis eenyuummaa isaanii akka itti aanutti BBC'tti himaniiru.

Maqaan kiyya Injinar Ayisha Mohaammad jedham. Ani kanan dhaladhee naannoo Affaar gara Kaabaatti mandara xiqqoo tokko keessattiidha. Abbaankoo hojjetaa mootummaa waan turaniif isaan waliin gara Asab deemee Asabittan guddadhe.

Isaan boodas abbaankoo gara Finfinneetti waan jijiirameef isa waliin dhufeen barnootakoo sadarkaa lammaffaa Finfinneettan baradhe.

Achumaanis Yuunvarsiitii Finfinnee Kiiloo 5tti goosa barnootaa Injiinaringiin baradhe.

Gara boodaa carraa naannoon sun naaf kenneen gara Affaar deemee hojjechaan ture. Ijoollummaa kiyya irraa kaasee Injiinara ta'uu hawwa ture, ta'uus danda'eera.

Ogummaa injiinarummaa irraa gara siyaasaatti dhufuun waan addaa ta'us, Paartii Dimokiraatawaatti Affaaritti Makameera. Affaar keessatti hirmaannaan dubartoonni siyaasa keessatti qaban gadi aanaa ta'uufi itti gaafatamummaan dacha isaanirra jiru na yaachisa ture. Kanaafan bifa gurmaa'een qabsaa'uuf murteessee ture.

Gara Ministeera Ijaarsaatti osoon hin dhufiin dura ammoo Bulchinsa Naannoo Affaaritti, Biiroo Ittisa Balaa kan jedhamun gaggeessaa ture.

Hojii biroos ogummaakootiin hojjetaan ture. Fakkeenyaaf, yeroo Yuunvarsiitiin Samaraa ijaaramu Manaajera Saayitiin ture. Kanan hojii jalqabe dhaabbata duraan GTZ amma GIZ jedhamu kan warra Jarman waliin ture.

Achii boodas gara Affaaritti deebi'ee hojjechaa osoo jiruu bara 2008tti ramaddii mootummaan taasifameen gara Ministeera Aadaafi Turiizimiitti dhufe.

Achis waggaa tokkoof ergan hojjedhee booda gara Ministeera Ijaarsaattan darbe. Ministeera Ijaarsaa keessa ammoo bara 2009 fi 2010 tajaajileera. Ministeerri sun bakka baajati biyyaa guddaan itti ramadamudha.

Itoophiyaan biyya ijaaramaa jirtudha. Pirojektoonni ijaaraman heddutuu jiru waan ta'eef isaan hanga danda'ame qindeessuuf hojjechaan ture.

Kun ammoo waajjira ministeera sadaffaakooti jechuudha.

Mudamni ammaa kunis, dubartoota Itoophiyaa gutuufi kanan naannoo itti dhaladheetiif akkasumas dhuunfaakootiif kabaja.

Humna guddaafi seena qabeessa ta'e walabummaa Itoophiyaa kabachiisu gaggeessuun ol kan kabaja qabu jira jedhee hin yaadu.

Amma sirriitti akkan tajaajiluu qabu natti dhaga'ama; sababiin isaas yoo ummanni jiraatedha nuti jiraachuu kan dandeenyu. Uummanni jiraachuudhaaf ammoo kan isa barbaachisu argachuu qaba.

Keessattuu nuti dubartoonni itti gaafatamummaan dacha nurra jiru ba'achuudhaaf warra dhiibbaa uumuu danda'an ta'u qabna.

Amantaa akkasii waanan qabuufan gara paartiitti kanan makameef.

Aadaan Itoophiyaa keessa jiru dubartoota akka gadi aantuu ta'anitti ilaala. Kanaaf, sammuu dubartootaa keessa 'ani hin danda'u' kan jedhu qabatanii guddatu.

Nuti yaada hin dandeenyu jedhu waan qabnuuf natti fakkaata bakka murteessaafi ijoo ta'e kan nutti hin kennamne. Amma nuti dubartoonni gara aangoo guddaa kanatti dhufne akka dandeenyu hojjannee agarsiisuu qabna.

Hundi keenya dubartoota Itoophiyaatiif fakkeenya ta'uuf hojjachu qabna. Yoo dogoggorrellee dubartoota waan ta'aniif waan jedhamuuf dhimma hundaa of eegganoodhaan hojjechuutu nurra jiraata.

Gama jireenya dhuunfaa kiyyaatiin haadha ijoollee sadiiti.

Dr. Ergoogee Tasfaayee akkas jedhaniiru:

Maqaan kiyya Dr. Ergoogee Tasfaayee jedhama. Kanan dhaladhe Hosaa'inaatti.

Hanga waggaa torbaatti achuma magaalaa Hosaa'inaattan barnootakoo hanga kutaa lamaatti baradhe. Achiin booda maatiinkoo gara Finfinneetti waan jijjiiramaniif isaan waliin dufeen hanga kutaa 10'tti baradhe.

Boodarra maatiinkoo hojiif yeroo gara Hosaa'inaatti deebii'an isaan waliin deebii'een kutaa 11fi 12 Hosaa'inaatti baradhe.Jalqaba Dippiloomaa Afaan Inglizitiin Dhaabbata Leenjii Barsiisotaa Hawwaasaattan baradhe.

Achiin barsiisaa mana barumsaa sadarkaa lammaffaa ta'ee waggaa lamaaf hojjedheera.

Yuunvarsiitii Finfinneettis Afaanota Alaafi Hog-barruutiin Digirii jalqabaan eebbifameera. Digirii lammaffaakoo ammoo Dhimma Koornaayaatiin fudhadheera.

Digiriinkoo sadaffaan ykn Doktorummaa kanan hojjache Antiroopoolojii ta'ee qorannoo adeemsa walitti bu'insa furu irratti ture.

Gama muuxannoo hojiikootiin, yuunvarsiitota gara garaa keessatti barsiisummaan hojjedheera. Yuunvarsiitii dhuunfaa keessattis barsiisummaa cinaatti Dhimma Koornayaafi Ittisaafi to'annoo HIV/AIDS adda durummaan gaggeessaa tureera.

Dhaabbilee hedduu waliinis leenjii garaa garaa kennaa tureera.

Dhaabbileen Miti-mootummaa biyya keessaa waliinis dhimmoota hawwaasummaa gara gara irratti hojjedheera. Dabalataanis dhimmoota barnootaa keessatti miseensa koree barnoota shamarranii keessa hojjedheera.

Imaammata Koornayaa garaa garaa keessattis hojjedheera.

Dhaabbileen barnootaa ol-aanoo keessattis dhimmoota imaammataafi tarsiimoo HIV/AIDS qopheessuu keessatti qooda fudhataan ture.

Gama biraatiin hojiiwwan akka walitti bu'insa furuu, walitti bu'insa to'achuu keessatti dhaabbileen garaa garaa UNDP fi mootummaa Jaappaan waliin leenjiiwwan kennaman keessatti ga'eekoo ba'aan ture.

Waggaa lamaan darban irraa kaasee, miseensa boordii Yuunvarsiitii Sooddoo ta'een hojjechaa ture. Dhaabbileen misoomaa gara garaa keessatti miseensa boordii ta'ee hojjechaan jira.

Yuunvarsiitii Waachaamootti ammoo Itti-aantuu Pirezidaantii Damee Qorannoofi Tajaajila Hawwaasaa ta'een hojjechaa jira.Ministeera Dhimma Hojjetaafi Hawwaasummaa yeroo ammaa akkan gaggeessuuf irratti muudamee kun amala dhaabbata kan mataa isaa ta'e qaba.

Kanaafuu, barnootan baradheefi muuxannoowwan hojii qabuun keessaattuu dhimmoota hawwaasummaa irratti hojii bal'aa nan hojjedha jedheen amana.

Dhaabbatichi ergamaafi mullata mataa isaa ni qaba. Isa milkeessuu keessattis haaromsa caasaa kan barbaachisu yoo ta'es haala qorannoo irratti hundaa'een ilaaluudhaan Ministeerichi tajaajila foyyaa'aa ta'e kennuu akka danda'uuf hojiilee garaa garaa nan hojjedha jedheen yaada.

Gama jireenya dhuunfaakootiin, gaa'ela kanan qabuufi haadha intala tokkooti.