Itoophiyaa: MM Dr Abiy Ahimad torban dhufu Awurooppaatti qajeeluuf

Itoophiyaan gaanfa Afriikaatti nageenyi, tasgabbii fi wal amantaan akka jiraatuuf hojjechaa jirti jedhan dubbi himaan ministeera dhimma alaa Obbo Mallas Alam.

Gama dippiloomaasii biyyoota ollaatiin ministirri dhimma alaa Dr Warqinah Gabayyoo ministira dhimma Alaa Eertiraa Usmaan Saaleh walin ta'uun daawwanaa Somaaliyaatti taasisanin, dhimma waliigaltee biyyoonni sadan Eertiraatti walii mallatteesan irratti angawoota Somaaliyaa waliin mari'ataniiru.

Marii kanaan boodas biyyaaleen sadan tasgabbii fi nageenya bu'aa diinagdee fi misoomaa fiduu irratti waliin hojjechuuf waligalaniiru jedhan.

Fooyya'iinsa nageenyaa fi diinagdee mootummaan Somaaliyaa taasisu deeggaruufis biyyoonni kunneen waliigalaniiru.

Jijjiirama waliigalaa Itoophiyaa keessatti taasifamaa jirun walqabatee biyyaaleen heddu Itoophiyaa walin hojjechuuf fedhii guddaa agarsiisaa jiru kan jedhan Obbo Mallas daawwannaan preezidaantotni Slooveeniyaa fi Eertiraa akkasumas ministirri mummee Italy tibbana taasisan qaama hojii diplomaasii hojjetamaa jiru akka ta'e himan.

Walgahii misooma diinagdee Turkitti taasifame irratti Itoophiyaan Afriikaa bakka buutee hirmaatte jedhan.

Guyyaa har'aas preezidant Dr Mulaatu Tashoomaa gara Denimaarkitti ni imalu.

Daawwannaa hoggantootni biyyaalee Itoophiyaatti taasisaa jiranin Itoophiyaan bu'aalee diinagdee fi diplomaasii argachaa jiraachuushee kan himan dubbi himaan ministeera dhimma alaa Obbo Mallas Alam jijjiirama biyya keessatti mul'atu deeggaruuf biyyaaleen heddu gaafii dhiyeessaa jiru jedhan.

Gama diinagdeen immoo abbootiin qabeenyaa Italy Itoophiyaa keessatti akka hojjetanif waamicha akka dhiyyeessan ministirri mummee biyyattii waadaa galaniiru jedhan.

Dhaabbileen idil addunyaas deeggarsa maallaqaa taasisuuf waadaa galuusaanii Obbo Mallas himan.

Imala Awurooppaa

Gama dippiloomaasii lammiileetin hirmaannaa lammiileen biyyattii qaban guddisuuf torbee itti aanu irraa eegalee ministirri mummee Dr Abiy Ahimad fi ministirri dhimma alaa Dr Warqinah Gabayyoo gara Awuroopaatti ni imalu.

Affeerraa preezidaantii Firaans Emmanu'el Maakron fi chaansilara Jarman Angelaa Merkel taasisanif bu'uureefachuunis walitti dhufeenyi biyyaalee kuneen walin jiru akka cimuuf biyyaalee lamaan ni daawwatu.

Onkololeesaa 21 Jarman Frankfartitti guyyaan Itoophiyaanotaa lammiilee biyyattii guutuu addunyaarraa walitti fiduun ni kabajama.

Hirmaatootni 20,000 hanga 25,000 ta'an akka hirmaatanis ni eeggama.

Ministeerri dhimma alaa sagantaa kun akka milkaa'uuf koree hundeessuun fi kutaalee hawaasaa garaagaraa hirmaachisuun qophii taasisaa jira.

Lammiilee biyya keessa qofa jiran qabatanii hojjechuun nama hin milkeessu Kan jedhan Obbo Mallas lammiilee biyyattii biyyaalee garaargaa jiran miiliyoona sadi ta'an hirmaachisun dirqama jedhan.

Sagantaan kun sochii biyyatti keessatti taasifamaa jiru hubachiisuu fi fedhii lammiilee biyyattii biyyaalee garaagaraa keessa jiran baruuf kan qophaa'e dha.

MM Abiy hojiilee mootummaan hojjechaa ture fi rakkoolee mudatan irratti haasaa ni taasisu. Kana malees hirmaattotni gaafii fi yaada qaban MM Abiyif ni dhiyeessu jedhameera.

Gama biraatin ministeerri dhimma alaa rifoormii taasisaa jira kan jedhan Obbo Mallas hojiin ramaddii hojjetootaa haaraan waajjira mummee fi waajjira misiyoonotaatti ni hojjetama jedhaniiru.