Daani'el Lewiis Lii : Ameerikaan addabbii du'aa waggoota 17 booda hojiirra oolchite

Lammiin US yakka ajjeechaadhaan mana hidhaa jiru Daani'eel Lewiis Lii Kibxata har'aa du'aan adaameera.

Yakkamaan kun kan ajjeefame erga Manni Murtii Waliigalee hayyameen sa'aatiiwwan muraasaan booda yoo ta'u, hidhamtoota federaalaa du'aan adabuun biyyattii keessatti waggoota 17 booda hojiirra oole.

Wixata abbaan murtii adabbiin du'aa baay'een rakkooleen dhimmi seeraa hin furamiin jiru waan jedhaniif akka turu taasifamee ture.

Warreen itti murtaa'ee mana hidhaa jiran marfee ajjeesu waraanuun " gara jabinaafi adabbii hin baramiinidha" jechuun mormanii turan.

Manni Murtii Waliigalaa garuu sagalee 5-4 ta'een "du'aan adabuun akkuma karoorfametti itti fufa" jechuun sagalee caalmaan murteessan.

Bulchiinsi Tiraamp bara darbe adabbii ajjeechaa federaalaa akka deebisee hojiirra oolche dubbatee ture.

Liin marfee/lilmee ajjeesu waraanamuun Kibxata Terree Hahutee, Idiyaanaa keessatti adabameera.

Daani'el Lewiis Lii eenyu, maaliif du'aan adabame?

Daani'el Lewiis Lii yakka ajjeechaatiin duuti kan itti murtaa'e yogguu tahu, guyyaa Jimaataa abbaa seeraa federaalaan duutisaa akka hafu tahee ture.

Kunis kan tahe maatiin miidhamtootaa, yeroo murtii kana qaamaan argamnee ilaallutti koroonaavaayirasiif saaxilamna jechuun, adabbiin kun akka turu iyyatanii turan.

Mootummaanis gamasaatiin mana murtiitti iyyachuun, iyyannaan maatii akka kuffifamu taasise.

Dhaddachi ol iyyanaa '7th US Circuit Court of Appeal' jedhamu, maatiin miidhamtootaa adabbii kana hordofuuf mirga hin qaban jedhe.

Maatiin kunniin irra deebiin mana Murtii Waliigalaatti (Supreme Court) iyyachuuf jiru.

Namni olaantummaa warra adii leellisuun beekamuufi boodarra miseensota maatii tokkoo tahan sadii hiraarsee ajjeesuun, reenfa isaanii bishaanitti gate.

Adabbiin ajjeechaa nama kanaas Muddee bara dabre keessa akka raawwatamu qabamee turuus, manneen murtii garagaraa murteen ajjeechaa akka hin raawwanneef ajaja dabarsanii turan.

Dubartiin ganna 80 maatiinshee sadan jalaa ajjeefaman Earlene Peterson, adabbii du'aa qoricha waraanuun raawwatamu mormitee jirti.

''Intala koorraa kabaja mulqa. Maqaasheetiin namni akka du'u hin barbaadu,'' jechuun bara dabre CNNtti himte.

Adabbiin du'aa kan eeggatu Daani'el Lewis qofa miti. Namoonni sadi biroonis ji'a Adooleessaafi Hagayyatti ajjeefamuuf jedhu - jarri kun hunduu daa'imman ajjeesuun yakkaman.

Adabbii du'aa federaalaafi naannoo maaltu gargara godha?

Sirna haqaa US keessatti, balleessaan manneen murtii federaalaa yookaan naannootti ilaalamuu danda'a.

Yakkoonni kanneen akka maallaqa sobaa waliin walqabatan yookaan hanna gama poostaan raawwataman manneen murtii fedeeraalatti ilaalamu.

Yakkoonni sarbama heera biyyattiiti jedhamanis fedeeraalatti ilaalamu. Balleessaan biroos akkuma hammeenya isaaniitti fedeeraalatti ilaalamuu danda'u.

Adabbiin du'aa naannoo fi federaalaa, murtii Mana Murtii Waliigalaa biyyattiin bara 1972tti godheen haqamee ture.

1976tti ammoo manni murtichaa adabbii du'aa kutaawwan biyyaa hedduu keessatti akka raawwatu murteesse.

1998tti ammoo mootummaan biyyattii seera federaalatti adabbii du'aa deebisu baase.

Akka ragaan 'Death Penalty Information Center' agarsiisutti, baroota 1988 haga 2018tti namoonni 78 manneen murtii fedeeraalaatti murteen du'aa irratti murtaa'eera.

Kanneen keessaa sadi callaatu ajjeefame. Yeroo ammaa kanattis namoonni 62 guyyaa itti ajjeefaman eegaa jiru.