Asiyaan Biibii: Waggootaaf erga hidhamtee booda Paakistaanii baate

Hordoftuu amanaa Kiristaanaa kan taateefi amanaa Isilaamaa arrabsite jedhamuun murtee du'aa kan eeggachaa turte lammiin Paakistaan Asiyaan Biibii Kanaadaa galuushee himame.

Asiyaan Biibii Multaan bara 2010 keessa amantaa Islaamaafi Nabbiyyuu Mohaammed arrabsiteetti jechuun ture kan himatamte.

Waggootaaf mana hidhaa keessa kan turte dubartiin kun akka hidhaatii gadi dhiifamtu erga dhaga'amee booda sagaleen mormii dhaga'amaa turaniiru.

Mootummaan Paakistaanis mana hidhaatii gadi dhiifamtus akka biyya keessaa hin baaneef mana murtiitiin akka gaafatu dubbatee ture.

Namoonni baayyeenis Asiyaan Biibii amanaa Islamaa arrabsiteetti jechuudhaan fannifamtee akka ajjeefamtuuf kan gaafatan turan.

Gareen Gaggeessaa Islamaa tokko abbootiin seeraa ol aanoo sadanuu "ajjeefamuu qabu" jedhee kan dubbate yommuu ta'u, mormitii cimaa ta'uutiin kan beekamu Paartiin Tii Liippii ammoo gadi dhiifamuun Biibii kun waliigaltee nuti mootummaa waliin qabnu diigamuu isaatiif mallattoodha jedhee dubbachuun isaa ni yaadatama.

Ta'us garuu himanni ishee kun mana murtii ol aanaa biyyattiitiin bara darbe kan irraa ka'ee ture yommuu ta'u, manni murtii ol aanaa kun garee warra leellistootaa irraa mormiin cimaan isa mudateera.

Kanarraa ka'uunis biyyoonni addunyaa hedduun Asiyaan Biibiif kolu-galtummaa kennuufiif fedhii agarsiisanii turan.

Asiyaan Biibiin mana murtii irratti dhiyaataa turte mara irratti yakka akka hin qabne dubbachaa turteetti.

Asiyaan Biibii jedhamuun kan beekamtu Asiyaan Noorree hanga Paakistaaniin gadi dhiistee akka baatuuf haalli mijatuufitti achuma Paakistaan keessa bakka icciitiin isaa eegame jiraachaa turteetti.

Aanga'onni Paakistaan Asiyaan Biibiin biyya gadi dhiistee akka baate har'a kan beekisan yommuu ta'u biyya deemte garuu ifa hin goone ture.

Haata'u malee abukaatoon ishee Saayif Hul Maaluk BBC'tti akka himetti Biibiin Kanaadaa galteetti. Ijoolleen ishees Kanaadaatti kolu-galtummaa argataniiru.

Gannaa 48 kan taate Asiyaan Biibiin haadha ijoollee afurii yommuu taatu amantaa arrabsuudhaan dubartii duuti irratti murtaa'e ishee jalqabaatdha.

Paakistaan keessatti bara 1990 irraa kaasee yoo xiqqaate namoonni 65 ta'an amantaa Islaamaa arrabsuudhaan ajjeefamaniiru.