Shammarreen ajjeechaa Joorj Filooyid waraabdee badhaasa gazeexessummaa argate

Shamarreen yeroo poolisii adiin lammii Ameerikaa gur'acha, Joorj Filooyid mormarra jilbeeffattee ukkaamsee ajjeessu warabdee badhaasa gazeexessummaa addaa koree badhaasa Puultiizar irra argatte.

Shamarreen umriin ishee ganna 18 taateefi Daarneellaa Fireziyaar jedhamtu, ija jabinaa qabachuusheef badhaafamte jedha koreen kun.

Viidiyoo isheen waraabdeetu mormii farra sanyummaa addunyaa guututti akka taasifamuuf ka'umsa ta’e, himannaa Dereek Chaawuvin irratti akka ragaattis kan fayyade ragama shamarreen kun waraabde ture.

Badhaasni Puutilizaar, badhaasa hunda caalaa beekamaa US keessatti kennamudha.

Koreen kun Fireziyaan kabajjaa kan argatteef, “ ija jabinaan ajjeecha Joorj Flooyid warabdee, vidiyoo saniif mormiin ajjeechaa poolisiin addunya keessatti dhaaqabsiisu fi jibba sanyummaa balaaleffatu akka gaggeeffamu taasiseera. Kun qooda uumanni barbaacha dhugaafi haqaa keessa qabu argisiisa,” jeheera.

Shamarreen kun, Caamsas 25 waggaa darbe osoo durbishee walliin Miniyaapolis keessa deemaa jiranii poolisii isa to’achuutti jiru argite.

Sababa viidiyoo kana waraabdeef waggaa kana keessa yoo mana murtiitti himtu, “ nama sodaa qabu kan lubbuusaaf kadhachaa ture arge,” jette.

Osoo lubbuun keessa jirtu waa’ee inni jedhaa ture himte, “hafuura baafachuu hin danda’u.” Taalleen haadhaasa waamaa ture jette.

Viidiyoon sun midiyaa hawasummaa irratti bal’inaan qoodamee, addunyaa wal gahe. Isa hordofees, mormiin guddaan dhalate.

US keessatti ammoo jibba sanyummaaf kaka’umsa ta’e. Flooyid to’annaa poolisii jalaatti ajjeefamuun mallatoo gara jabina argisiisuu ta’e, keessattu namoota gur’acha ta’an irratti.

Dabalataan waggaa kana himannaa Dereek Chaawuvin irratti viidiyoon kun ragaa ta'ee dhiyaateera. Chaawuvin yakkaa ajjeechaa digirii lammataa, ajjeechaa digirii sadaffaafi kan manslaughter jedhamuun hidhame.

Dubartiin kun mana murtii irratti ajjeechaan Filoyid jireennashee waliin ilaaluun ibsite, “Yoo Joorj Flooyid ilaaluu, abbaakoo ilaala, obboleesakoo ilaala, eessummaniifi durbiiwwakoo ilaala.

Hundisaanii gur’acha,” jechuun boosse. “Wanti ani arge, isaan ta’uu danda’a,” jechuun ibsite.