Vidiyoon haaraa wayita Joorji Filooyid poolisoota kadhatu mul’ise

Viidiyoon haaraa yeroo Joorji Filooyid “ani nama hamaa miti” jedhee poolisoota kadhatu mul’isu Mana Murtiitti agarsiifame.

Viidiyoon kun kan ba’ee guyya sadaffaa dhaddacha himata ajjeechaa poolisii duraanii Deerik Chaavin gaggeefamaa jiru irrattidha.

Viidiyoo kana irratti Joorji poolisootni akka isa hin miinef kadhachaa ture.

Dabalataanis Chaaviin jilbasaa morma Joorji irra daqiiqaa sagalii oliif ka’ee akka ture viidiyoon kun ni agarsiisa.

Bara 2020tti ajjechaan Joorji addunyaa maratti jibba sanyummaa fi gara jabina poolisii irratti mormii guddaa kaasee ture.

Deerik Chaavin, ganna 45, himata ajjechaa irratti dhiyaate haalera. Abukaatonni isaas Joorji, ganna 46, kan du’e sababa rakkoo fayyaa qabuunifi qoricha nama hadoochu akka malee fayyadamee waan tureefi jedhu.

Akkasumas humni isarratti fayyadamame barbaachisaa ture jedhanii falmuuf akka jedhan mul’isaniiru.

Namootni dhaddacha kana ilaalan akka jedhanitti viidiyoon gocha Joorji to’anno jala ooluu isaa duraa fi booda agarsiisu kun ba’uun isaa abbootiin alaanga himata du’aa isaaf sababa kan ta’e qoricha sammuu namaa haadoochudha jedhu sana kuffisuuf kan baasan fakkaata.

Viidiyoon kun maal mul’isa?

Viidiyoon kaameeraa uffata qondaaltota poolisii Toomas Leen, J Aleksaandar Kuweeng fi Too Taawoon warabamee mana murtiitti dhiyaateera.

Kaameraan uffata Chaavin irra ture yeroo Joorjiin to’annoo jala oolchutti laffatti waan kufeef, wanta yeroo sana uumame hin warabaane.

Viidiyoon kaameera Leen irraa argame, yeroo Joorji poolisootaan kadhatu ni muli’sa. “Adaaraa natti hin dhukaasiina… harmeekoo dhiyoon na jalaa duute,” jechuun isaan kadhachaa ture.

Harki isaa erga hidhamee booda Joorji poolisoota Leen fi Kuweengiin to’annoo jala ooluu didaa akka hin jirreefi “wanta godhi naan jettan hunda nan godha” jechuun isaan kadhachuu itti fufa.

Waldhabdeen uumamu kan eegale yeroo poolisoonni Joorjiin konkolaata keessa galchuuf yaalanidha, sodaa bakka dhippaa fi rakkoo xiinsammuu akka qabuu bo’ee itti himuu eegaluun konkolaataa keessa seenu dida.

Yeroo kanatti Chaavin fi Taawoon bakkicha ga’u.

Yeroo poolisootni konkolaataa keessa isa harkisanii baasanii lafatti gadi isa qaban, Joorji harmee isaa yeroo waammatuufi maatii isaan sinan jaalladha jedhee yeroo himu ni dhaga’ama.

Namootni naannicha turan poolisootni Joorjiin gadi qabuu dhiisanii fayyina isaa akka ilaalaniif itti iyyuu eegalani.

Hojjataan suuqii Kiristoofar Maartin, ganna 19, akka mana murtiitti himetti Joorjii to’annoo jala ooluu isaan dura yeroo muraasaaf suuqii Cup Foods keessatti waliin haasa’e akka ture himeera.

Joorjii “dhiibbaa qoricha sammuu nama hadoochuu jala kan ture fakkaata” sababiin isaa gaaffii salphaaf deebii kennuu hin danda’u ture, garuu waan sirritti nama waliin haasa’uu danda’uuf of wallaalee hin turre jedheera.

Joorji nama “itti siquuf salphaa ta’ee fi taphaata” akka ta’etti ibseera.

Viidiyoon suuqii sana keessa ture yeroo Joorji asii fi achi adeema, namoota waliin haasa’aa fi kolfaa ture ni agarsiisa.

Maartiin mana murtiitti akka himetti Joorjiitti sijaaraa erga gurguree booda maallaqa sobaa akka itti kenne hima.

Maallaqichi soba ta’uu isaa halluu fi qabiyyee isaan akka bare himus, Joorji garuu “maallaqichi kan sobaa ta’uu isaa waan bare hin fakkaatu” jechuun dubbateera.

Joorji akka callisee deemuufi ofii miindaa isaarra kaffaluuf yaade kan ture ta’us boodarra garuu wanta uumame hogganaa isaatti himuuf murteesse. Sana booda hojjataan biraa poolisii waame.

Hidhaa sana kan ijaan arge Maartiin “amanuu akka dadhabee fi balleessaa isaa akka ta’etti” akka itti dhaga’ame dubbateera.

Sababiin isaa “utuu ani maallaqichaa fudhachuuma dideera ta’e, wanti kun silaa hin uumamu” ture jedhee yaada Maartin.