Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Ajjeesaan Joorji Filooyid adeemsi himannaa koo akka haaraatti naaf haa jalqabu jedhe
Poolisiin duraanii magaalaa Miniiyaappooliis baatii darbe ajjeechaa nama gurraacha Joorji Filooyidiin balleessaa kan jedhame Deeriik Shooviin adeemsi himannaasaa akka haaraatti akka ilaalamuuf gaafate.
Namni ganna 45 Deeriik Shooviin ji’ootaan dura morma nama gurraachaa Joorji Filooyiid irra daqiiqaa sagalii oliif jilbeeffatee turuunsaa viidiyoodhaan waraabamee ture.
Gochaan poolisii duraanii kuni dheekkamsa kaasuun namooti baayyee sanyummaafi poolisiin humna akka malee fayyadamuu balaaleffachuun mormiidhaaf daandiitti akka bahan godheera.
Shooviin seera yakkaa biyyattiin himannaa yakka ajjeechaa sadiin balleessaa dha jedhameera.
Haa tahu malee abukaatoon poolisiin duraanii kanaa dhimmi maamila isaanii irra deebiin akka ilaalamu kan gaafa abukaatoofi dhimmicha akka qoratan ogeessooti seeraa ramadaman namuusa gaarii hin qaban ture kan jedhuuni.
Morma Joorji Filooyid irra daqiiqaa sagalii oliif jilbeeffatee viidiyoodhaan kan mul’atte Shooviin yakka ajjeechaadhaan balleessaa dha jedhamee ture. Abukaatoon maamilli isaanii murtoo loogii irraa bilisa tahe akka hin argannee dubbatu.
Loogiin kunis kan dhufe himannichi otoo hin jalqabiin dura dhimmi kuni gama miidiyaaleen tamsa’uu isaatiinii jedhaniiru.
Dhimmi kuni himannaa duras tahe booda, ‘’kan baayyee hafarfameefi jibbaan kan guutame ture,’’ jechuun abukaatoon kuni dhaddachichaaf dhiyeessaniiru. Kunis yeroo adeemsa himannaa ‘hanqinni bu’uuraa’ akka mul’atu godheera jedhan.
Himannicha dabalatee dogoggorri murteessitootaan raawwatame ture. Namuusni abbaa alangee akkasumas raga baatota mudduu fi qaanessuutu ture jedhan.
Seenaa loogii sanyii Ameerikaa keessatti haala hin baramneen murtoon miseensa poolisii kanarratti kenname seena-qabeessa jedhamuun dabalata lammiilee Ameerikaa baayyee irraa dinqisiifannaas argateera.
Shooviin baatii dhufu keessa murtoo adabbii ni argata jedhamee eegama. Himannaawwan balleessaadha ittiin jedhameen yoo ilaalamu hanga 40 mana hidhaatti dabarsuu danda’a.