Joorji Filooyid: Dureen Poolisii Minii'aapolis qonaalli duraanii Deerek Chaaviin seera poolisii cabseera jedhe

Dursaan Poolisii Minii'aapoolis qondaalli poolisii duraanii Deerek Chaavin yeroo Joorj Filooyidiin to'annoo jala oolcheetti seeraafi naamuusa poolisii cabseera kan jedhu ragaa kenne.

Dursaan Poolisii Medaariyaa Araadondoon jedhamu haalli itti Deerek Chaavin Filooyiidiin ittiin ukkaamse kan leenjiin kennamee miti jechuun hime.

Dhugaattis 'qaama safuufi naamusa keenyaa miti.''

Dursaan kun Deerek Chaaviin fi qondaaltoota poolisii guyyaa ajjeefamuu Joorj Filooyid Caamsaa darbe raawwatame keessatti hirmaatan sadii hojiirraa hari'eera.

Deerek Chaaviin himannaan ajjeechaa kan irratti baname yoo ta'u, inni garuu waakkateera.

Warraabbii viidiyoo wayita Mr Chaavin namni adiin morma nama hiddi dhaloota isaa Afriikaa-Ameerikaa ta'e Filooyiidirra jilbaan daqiiqaawwan sagalii oliif dhaabbatu agarsiise addunyaa guutuutti mormii jibba sanyummaa kakaasee ture.

Dadhachi himannaa kunis Wiixata guyyaa jahaffaasaa kan dhagahe yoo ta'u, yoo xinnaate baatii tokkoof akka turu eegama.

Qondaaltoonni poolisii du'a maan hidhaa keessatti mudatuuf yeroo baayyee waan hinhimatamneef, adeemsi dadhacha kanaa sirni seera Ameeriikaa attamiin dhimmota akkasii akka ilaalan kan mul'isuudha jedhameera.

Dursaan poolisichaa maal jedhee?

Abbootiin alangaa, kanneen gochi Mr Chaavin leenjii cabsuu isaa adda baafachuu barbaadan, gaaffii isaanii qajeelfamootaafi tarasimoowwan qondaaltoonni haala to'achuuf barsiifaman irratti xieeffatanii ture.

Mr Araadondoo akka mana murtiitti himaniitti, Joorj Filooyiid erga isaan dura dhaabbachuu dhaabeen booda qondaaltootaan haala sanaan qabamuun irra hin turre jedhan.

Akkasumas gosti mala to'annoo jala oolchuu Mr Chaavin kan umuriin waggaa 45 itti fayyadame kan ta'e, ''erga gama Filooyiid deebiin hin jirree, sirummayyu bakka inni socho'aa hin turreetti,'' jedhan.

''Sunis gama kamiinuu, bifa ykn mala kamiinuu, seera kamiinuu, qaama leenjii keenyaa miti; akkasumas dhugumaatti qaama dudhaafi naamusa keenyaa miti.''

Kana malees, Mr Araadondoo namoonni kanfaltii dogongorse kan akka Filooyiid wayita qondaaltoonni poolisii gara mana hidhaatti geessan taatee baayyee xiqqaadha, jedhan.

Dureen poolisii akka jedhaniitti, yeroo hunda humnaan fayyadamuurra, ''haala ittiin keessaa baatu dubbachuun'' caalaa gaariidha. Yeroo argamuutti 'deegarsa hawaasaa' gaafachuu ni danda'u qondaaltoonni jedhaniiru.

Abookaatoon Eerik Nelsan Mr Araadoonootiif gaaffii qaxxaamuraa kan dhiyeessan yoo ta'u, innis deebii kenneera.

''Yeroo tokko tokkoo poolisiin qawwee baasanii qabachuun yoo ati kan na hin dhageenye ta'e humnatti fayyadamuufan jedhu,'' kun seeraa jechuun gaafatan abookaatichi.

Dursaan poolisii kunis eeyyeen yeroo tokkoo tokkoo shakamaan akka lafarra gadi taa'u gochuuf haala sanaan dhiyaachuun akkaataadhuma seeraati jedhan.

Viidiyoon haalli Filooyiid itti to'atame kalattiiwwan garaa garaa irraa yoo ilaalamuutti, osoo oggeesoonni fayyaa yeroo tasaa hin qaqabiin dura Mr Chaavin jilbasaa morma Filooyiid irraa sochooseera.

Dursaan poolisii Araadondoo eenyu?

Mr Araadoondoon bara 1989tti humna poolisii sanatti makaman. Bara 2017tti duree poolisii lammii Afriikaa-Ameerikaa jalqabaa magaalattiis ta'eera.

Waxabajjii darbe Mr Araadoondoo 'duuti gaddisiisaan Filooyiid sababii hanqina leenjiitiin miti,'' jedhan. Ajjeechaa kana ''galaafachuudha'' jechuun Mr Chaaviin daqiiqaawwan muraasa dhumaarratti 'Filooyiid akka hin sochoone ni beeka,'' ture jedhan.

Mr Araadoondoon yoo qondaala poolisii duraa kanarratti ragaa bahan kun kan jalqabaa miti. Akka gargaaraa dureetti, nama to'ataa Mohaammad Nuur jedhamu ajjeechaa lammii Awustiraaliyaa Jastiin Daamoond irratti bara 2017 keessa ragaa bahanii ture.

Ogummaa isaa keessatti kanaan dura ammoo, qajeelcha Poolisii Miniyaapoolis qondaaltoota poolisii afur waliin gochaawwan loogiitiif xiyyeeffannaa hin kennine jechuun himannaa irratti banee ture. .