Bitcoin: El Saalvaador kiriiptookaransii seera-qabeessa gochuuf karoorfatte

Madda suuraa, Reuters
Pireezidantiin El Saalvaador kiriiptoo-karansii Bitcoin (maallaqa dijitaalaa)biyyattiitti maallaqa seera-qabeessan godha jedhan.
Karoorri Pireezidaanticha kun kongireesin deeggaramnaan, biyyattiin Giddugala Ameerikaa kun addunyaarra biyya jalqabaa maallaqa dijitaalaa ifatti itti fayyadamtu taati.
Maallaqni kunis Doolaara Ameerikaa maddiitti kan hojiirra oolu taha - El Saalvaador Doolaara Ameerikaa fayyadamti.
Pireezidant Nayib Bukele waan jedhan, Bitkooyin lammiilee Saalvaador biyyoota alaa jiraniifi gara biyyaatti maallaqa erganiif haala salphisaaf.
''Karoora yeroo gabaabaan, hojii uumuufi kanneen diinagdee idileen ala jiraniif damee faayinaansiin akka hammatamaniif gargaara,'' jechuun Aabba Bukeeleen konfiransii Bitkooyinii Filooridaatti gaggeeffamerratti dubbatan.
Bitcoin biyyattiitti invastimantii jabeessuufillee ni gargaara jedhan pireezidantichi.
Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.
Xumura maxxansa X
Seera kanas gara kongireesitti torban dhufu keessa akka ergan himan.
Seerri kun kan ragga'u taanaan, karoorri kun tajaajiloota faayinaansii lammiilee Saalvaador %70 tahaniifi akkaawuntii baankii hin qabneef carraa banaaf jedhan hoogganaan kun.
Diinagdeen El Saalvaador garri caalu hawaalaa biyya alaarraa ergamutti kan hirkatedha. Kunis Omisha Waliigalaa (GDP) biyyattii keessaa %20 taha.
Lammiileen Saalvaador miiliyoona lamaa ol tahan biyyoota biroo jiraatu. Tahus biyya itti dhalatan hin irraanfatan - waggaa waggaatti diyaaspooraan biyyattii maallaqa doolaara Ameerikaa biiliyoona afur biyyatti ergu.
Tajaajila amma jiruun maallaqa erguuf komishiniin irraa murama. Kana malees biyya gahuufis guyyoota kan fudhatuufi yeroo garii namni qamaan dhaqee fudhachuun irraa eegama.
''Kuniin jireenyaafi egeree miiliyoonotaa fooyyesse,'' jedhu Aabba Bukeeleen.
Imaammanni haarayaan kun akkamiin akka hojjetu odeeffannoo dabalataa hin kennine.
Qabeenyi varchuwaala taheefi diinagdee lafarra jiru wajjin hidhata kan hinqabne Bitkooyin, waggoota keessatti gatiinsaa takka ol ka'aa, takkammoo gadi bu'aa as gaheera.
Baankiiwwan giddugaleessaa biyyoota hedduu maallaqa dijitaalaa ofiisaanii uumuuf carraalee jiran ilaaluun xiinxalaa jiru.
Ebla dabre keecha, Baank of Ingilaand, maallaqa dijitaalaa kaashiifi baankii wajjin walbira walqixa hojjechuu danda'u beeksisuuf karoora keessaa akka qabu himee ture.

Marsariitii Bitcoin.com irraa Rojar Ver BBC News'tti akka himetti, kiriiptoo-karansiiwwan Bitcoin caalaa bu'a qabeessa tahan jiru jedha.
''Akka waliigalaatti kuniin kiriiptoo-karansiiwwan hundaaf oduu dansaati. Garuu waanti addunyaan hin hubanne yoo jiraate, amma booda Bitcoin akka maallaqaatti hin tajaajilu.
''Wayita ammaa maallaqoonni biroo kanneen akka Bitcoin Cash, Monero ykn ZCash isa caalaa akka maallaqaatti tajaajiluun hojjetu.
''Bitcoin sekondii tokkotti daddabarsa maallaqaa sadii qofaaf tajaajiluu danda'a - haala kanaan networkiin sekondii tokkootti daddabarsa maallaqaa sadii raawwatu, addunyaa maraaf beessee tahuu hin danda'u.''
Ammallee gama hawaalaatin yogguu ilaalle, kiriiptoo-karansiiwwan biroo Bitcoin caalaa bu'a-qabeessadha. Warreen kaan akka Bitcoin'tti komishinii guddaa hinfudhatan,'' jedha Aabba Ver.

Madda suuraa, Reuters
Biitkooyiin maaliidha?
Bitcoin jechuun haala salphaa ta'een dijitaal, maallaqaa fi mala ittiin bittaafi gurgurtaa jechuun ni danda'ama.
Malli ittiin daldalamu kunis kan akka maallaqaa ykn saantima kaanii kan kiisii keenyatti baannee deemnu osoo hintaane, maallaqa dijitaalii karaa interneetii ykn onlaayinii itti gargaramnudha.
Amalli addaa Bitcoin fi kriptoo-karansiiwwan kan biraa, akka maallaqa biraa motummootaa fi baankiiwwaniin kan maxxanfaman ta'uu dhiisuu isaati - akkasumas to'atamuu hin danda'amu.
Bitcoin kan uumamu adeemsa maayiiniigi 'mining' jedhamuun. Kompiyutaroota walitti hidhama qabanii qofa addunyaa guutuutti to'annaa taasifamaafi.
Namni ykn gareen Biitikooyinii uumees biitkooyinoota miiliiyona 21 qofaan akka omishamaniif daangaa kaa'unsaa ni amanama.
Ragaaleen 'Block chain' akka mul'isaniitti, hanga ammaattis biitkooyiniiwwan miiliyoona 17 ta'an oomishaman (maayin) taasifamaniiru.















