Kiriptookaaransii: Tarkaanfii Chaayinaan maallaqa dijitaalaarratti fudhatteen gatiin Bitkoyinii haalaan cabe

Bitkoyinii

Madda suuraa, NURPHOTO

Tarkaanfii Chaayinaan kiriptookaaransii irratti fudhatte hordofee gatiin Bitkoyiin tokko gadi cabuun dolaara 34,000 gadi ta'e.

Bitkoyiin tokko gatiin isaa hammana yoo gad cabu ji'a sadii booda yeroo duraatiifi.

Beejing gaafa Kibxataa dhaabbileen maallaqaafi kaampaaniiwwan kaffaltii raawwatan tajaajilawwan kiriptookaaransii waliin walqabatan akka hin kennine dhorkiteetti.

Kana qofa osoo hin taane abbootiin qabeenyaa ishee sochii daldalaa kiriptookaaransiin gaggeessuurra akka of qusatan akeekkachifteetti.

Kiriptookaaransiin maallaqa dijitaalaa bittaafi gurgurtaaf namoonni itti dhimma bahanidha.

Maallaqa dijitaalaa kanneen keessaa bal'inaan kan fudhatama argate immoo 'Bitcoin'dha.

Guyyoota muraasa dura konkolaataa elektirikii kan oomishu Teslaan akka kanfaltiitti Bitkoyinii hin fudhu erga jedheen booda gatiin bitkoyinii %10'n xiqqaatee ture.

Gaafa Wiixataa immoo gatiin bitkoyinii kuni %22 cabeera. Sa'aatii 24'n darban qofaatti gatiin isaa dolaara 6,000n xiqqaate.

Mallaqoonni dijitaalaa biroo kanneen akka Itariyum fi dojkoyiin jedhaman immoo 25% fi 29% gatiin isaanii xiqqaate.

Dhaabbata Eloon Mask kan ta'e Teslaan hanga kiriptookaaransii doolaara biiliyoona 1.5 ta'u qaba.

Tarkaanfii Beejing

Daddabarsa maallaqa seeraan alaa ittisuuf jecha Chaayinaan bara 2019 eegalee kiriptookaaransii dhorkitee turte.

Ta'us, namoonni marsariitii gubbaa bitkoyiniifi kaaniin daldaluun ishee yaaddesse.

Gaafa Kibxataa dhaabbileen sadii mootummaan deeggaraman marsariitii isaanii irratti akeekkachiisa kennaniiru.

Kanneen kiriptookaaransiidhaan bittaa raawwatan yoo kasaaraan isaan qunname, eegumsi isaaniif hin taasifamuufi jedhan dhaabbileen kuni.

Gatiin maallaqa dijitaalaa booda kana olii gadi warraaqu eegumsa qabeenya namootaaf balaa kan ta'uufi ''sirna diinagdeefi maallaqaa idilee ta'e'' kan jeequdha jedhan.