Tekinooloojii: 'Telebirr' - tajaajila mobaayila harkaa qaban baankii xiqqaa taasisu

hoji-gaggeessituu Itiyoo-Telekoom Firehiwot Taammiruu

Madda suuraa, Twitter @ethiotelecom

Kanaan booda Itoophiyaa keessatti 'qallaba' bitattanii, akkasumas meeshaa bitattaniif ykn tajaajila argataniif kaffaltaa raawwachuuf hancufaan quba jiifattanii maallaqa lakkaa'uun hafuu danda'a.

Bittaafi gurgurtaan booda "Mee bilbilakee natti himi" jettaniidhuma mobaayila/bilbila harkaa/simuu keessaniin kaffaltaa raawwachuuf deemtu.

Gabaabaadhumatti, bilbilli keessan tajaajila baankiin tokko foddaa tokkoon kennuu danda'u dhiyeessuu danda'a jechuudha.

Akkamitti?

Bilbila mobaayilaan maallaqa sosochoosuun biyyoota hedduu keessatti kan baramedha.

Biyyi ollaa Itoophiyaa taate Keeniyaan sirna maallaqa bilbila mobaayilaan ittiin sochoostu Mpesa jedhamu waggaa 14 dura jalqabdee yeroo ammaa kana lammileen biyyattii harka dhibba keessaa 72 ta'an fayyadamaa akka jiran odeeffannoon marsariitii Vooks jedhu tokko ni mul'isa.

Biyyoota afur keessatti hojjechaa kan jiru Mpesa kan jedhan kun, maamiltoota miiliyoona 42 sirriitti fayyadamaniifi ejentoota 400,000 qaba.

Galiifi Omishni Waliigalaa [GDP] Keeniyaa harka dhibba keessaa 50 kan ta'us sirna Mpesa kanaan socho'a.

Yugaandaa keessatti ummata waliigalaa biyyattii keessaa lakkoofsa herrega baankii (akkawontii baankii) kan qabu harka dhibba keessaa 11 yommuu ta'u, namni Mpesa fayyadamu garuu harka dhibba keessaa 42 caaleera.

Kanaaf, biyyoota kanneen keessatti bittaafi gurgurtaan booda 'mee lakkoofsa bilbilakeetii natti himi' jechuun waan baramedha.

Gaafa Caamsaa 10, 2021 kan ifatti eebbifame Telee Birri tajaajila kana fakkaatu Itoophiyaa keessatti kaayyoo dhiyeessuu jedhu qabateera.

Tajaajila maallaqa mobaayilaa Itoophiyaa - Telebirr

Dhimma kana ilaalchisuun hoji-gaggeessituun Itiyoo-Telekoom Firehiwot Taammiruu BBC waliin turtii taasifteetti.

Itiyoo-Telekoom misoomaaleen bu'uuraa tajaajilawwan warra akka ergaa sagalee, barreeffamaafi interneetiif qofa fayyadamaa akka ture kaastee dubbatti.

Kanaaf, amma ammoo bu'uurri misoomaa jiru kun karaa tajaajila haaraa hojiirra oole 'Telee Birri' jedhamu kanaan maallaqa fudhachuu, erguu, kaffaltaa bittaafi gurgurtaa, akkasumas tajaajila argataniif ittiin kaffaltaa raawwachuuf ooludha.

Kun ammoo, akka "kaffaltaa raawwachuun si'ataa ta'u" gargaara jetti hoji-gaggeessituun kun.

Dabalataan, namoonni tajaajila dhiyaate kana fayyadaman maallaqa akka biyya alaatii fudhatan isaan dandeessisa.

Itoohiyaatti tajaajilawwan faayinaansii baankiifi dhaabbileen fakkaatan qofaan kennamaa akka ture kan ibsitu Firehiwot, Itiyoo-Telekoom ammoo tajaajila telekoomiirratti dabalataan akka sirna faayinaansii keessatti hirmaatuuf seerri dandeessisu hin turre jetti.

"Tajaajila kana dhiyeessuudhaaf sirni tekinooloojii barbaachisu diriirfamullee, wanti rakkisaa taasise garuu Itiyoo-Telekoom tajaajila kana kennuudhaaf seerri dandeessisu akka foyyaa'uuf karaa nuti deemne fagoofi rakkisaa, akkasumas qormaanni kan keessa turedha," jechuun ibsiti.

"Bu'aa ba'ii" waggaa lama fudhateen booda garuu tajaajila kana kennuu akka danda'u danbii ittiin dhaabbatichi hundeeffame fooyya'insi erga irratti taasifamee, Baankii Biyyaalessaa irraa hayyama argateen booda tajaajilli kun guyyoota 10 keessatti ifatti banamuu ibsiteetti hoji-gaggeessituun Itiyoo-Telekoom kun.

Sirnawwan walfakkaatan diriirsuudhaaf waggoota lamaa hanga sadii fudhachuu akka danda'u kan ibsitu Firehiwot, ta'us garuu akka hayyama argannu abdii godhachuun ji'oota shan keessatti qopheessineerra jetti.

Tajaajila kana attamiin argachuun danda'ama?

Itiyoo-Telekom ammatti maamila miliyoona 53 ol kan qabu yoo ta'u, isaan keessaa kanneen miliyoona 25 ta'an fayyadamtoota intarneetiiti.

MM Abiy Ahmad eebba Telee Birri irratti hoji-gaggeessituun Itiyoo-Telekoom Firehiwot Taammiruufi kaan waliin

Madda suuraa, Twitter @AbiyAhmedAli

Ibsa waa'ee suuraa, MM Abiy Ahimad '''Telebirr' kutaalee hawaasaa sirna maallaqaatiin hin hammatamne... waliingahuuf kan kaayyeffamedha'' jedhan

Maamiltoonni miloyoona 23 ta'an ammoo bilbila Ismaartii kan qaban. Kanaaf, akka ibsa hoj-gaggeessituu kanaatti, maamiltoonni miliyoona 23 appilikeeshinii tajaajila kanaaf qophaa'e buufachuun fayyadamuu ni danda'u.

Filmaanni biraa ammoo mallattoowwan urjii (*) fi haash (#) cuqaasuun, tajaajilawwan dhiyaataniin ykn USSD fi barreeffama ergaa gabaabatiin ta'uu himteetti.

Mobaayiliin kutaalee biyyattii garaa garaa keessatti bal'inaan argamunsaa dhaabbilee faayinaansii caalaa daddabarsuu maallaqaa babal'isuuf ni gargaara kan jettu hooggantun kun, ''biyyoota hedduutti lammiileen mobaayilitti fayyadamuun akkuma salphaatti maallaqa erguufi fudhachuu, akkasumas kanfaltii akka raawwatan taasisuun argama faayinaansii ol guddisuu danda'aniiru,'' jette.

Itoophiyaatti lammileen parsantaa 35 ta'u fayyadamaa tajaajila faayinaansii ta'u kan himtu hooggantuun kun, ''hawaasni miliyoonaan lakkaa'amu kaan kan hin dandeenyeedha jechuudha...

Kanaaf, tekinoloojii mobaayiliitti fayyadamnee, hawaasa bal'aa tajaajila faayinaansii akka qaqabu yoo taasifne, guddina dinagdee galmeessuuf ni gargaara,'' jechuun ibsti.

Kanaaf, kaayyoo 'Telee Birri' inni ijoon kutaa hawaasa bal'aa dhaabbilee faayinaansii fakkaatan hin argannee bira gahuudha jedhan.

Tajaajilicha argachuuf ammoo fayyadamtoonni ofiin appilikeeshinicha buufachuun ykn #127 irratti bilbiluun ykn ammoo karaa 127 irratti ergaa gabaabaa erguun galmaa'uu akka danda'an dubbatteetti.

Haaluma kanaanis Itiyoo-Telekom ummannii biyyattii harki 40-50 ta'u waggoota shanan dhufan keessatti dadabarsuu maallaqaa karaa Telee- Birriitiin akka taasifatuuf karoorfateera.

Ammatti gara Telee-Birriitti maallaqa galchuuf ykn baasuuf marsaa jalqabaatiin bakka bu'oota 1,500 qopheessuu himuun, qaxxarrii kanas gara kuma 15tti ol guddisuuf karoorfamuu ibsiteetti.

Tajaajila Telee Birriifi mobaayilii baankootaa

Itoophiyaatti baankoonni adda addaa bilbila harkaatti fayyadamuun maallaqa sochoosuun akka danda'amu wayita beeksiisan ni dhagahamu.

Kanaaf, Telee Birriin kanneen irraa maaliin adda ta'u gaaffii jedhuuf hooggantuun deebii wayita kennan, ''Tokkooffaa maamiltoonni keenya miliyoona 53 gahaniiru.

Kan baankii garuu kanarra hin geenye. Kanaaf,hawaasa bira hin gahamiin bal'aa bira gahuuf haala fooyya'een nu tajaajila,'' jechuun ibsiti.

Lammaaffa ammoo, ''hawaasa galii gadaanaa qabu haala salphaan tekinolojii mobaayiliitiin kan baankiin gahee caalaa gahuuf ni dandeessisa,'' jetti.

Biyyoonni sirna kana diriirsuu isaaniitti baasii maallaqa maxxansiisuufi nageenya isaa eegsiisuuf bahuu hir'isuu gargaareera jetti.

Kanaan alattis, Itiiyoo-Telekoom akkuma qilleensa sa'aatiin gurguru sanatti maallaqa karaa Telee Birriittin liqeessuuf karoora qabas jetteetti Firehiwot.