Itoophiyaatti hayyama telekomiif dhaabbileen dorgoman baraman

Utubaa teelee

Madda suuraa, CONSTRUCTION PHOTOGRAPHY/AVALON

Itoophiyaatti hayyama telekomunikeeshinii haaraa lama kennamuudhaaf caali-baasii baheen dhaabbileen telekoomii gurguddoo idil-addunyaa ja'a dorgomuudhaaf ragaaleen barbaachisan galfachuu isaanii Abbaan Taayitaa Kumunikeeshinii Itoophiyaa beeksiseera.

Dhaabbileen telekoomii dorgommii caali-baasii kanaaf ragaaleen barbaachisan galfatan ja'an: Safaariikom Keenyaa irraa, Voodaafoon Biritaaniyaa irraa, Voodaakoom Afrikaa Kibbaa irraa, CDC Giruup Biritaaniyaa irraa, Semiitoomaa Jappaan irraa, akkasumas MTN Giruup Afrikaa Kibbaa irraati.

Dhaabbileen telekoomii ragaa galfatan kunneen Itoophiyaan, Itiyoo-telekoomiitti dabalataan dhaabbata lamaaf hayyama kennuu akka barbaaddu beeksisuu ishee hordofuun ture.

Dhaabbileen dorgommiif dhiyaatan kunneen Afrikaa keessa dabalatee biyyoota addunyaa keessatti hojii telekoomiitti ballinaan bobba'uun muuxannoo kan qabanidha.

Adeemsa caali-baasii irra deddeebiin dheereffamaa ture kanaaf dhaabbileen telekoomii kunneen Ebala 26, 2021 hanga sa'a 4:00 ragaa isaanii galfachuu isaanii Ministeerri Maallaqaa beeksiseera.

Ministeerichi hayyama lamaan dhaabbileen mo'atan ilaalchisee, Abbaan Taayitaa Kumunikeeshinii ragaa caali-baasii dhiyaatan irratti qorannoo raawwii gara garaa gaggeessuurratti hundaa'uun gara fuula duraatti kan ibsu ta'a jedheera.

Biyya ummata miliyoona 110 ol qabdu Itoophiyaa keessatti gabayaa telekomii qofaa isaa tajaajilaa kan jiru telekoomii abbaan qabeenyaa isaa mootummaa ta'e yoo ta'u, biyyi baayyina ummataan Afrikaa irraa lamaffaa taate kun gabaan telekoomii ishee kampaanota addunyaa hedduu kan hawwatu waan ta'eef dhaabbileen gara garaa fedhii agarsiisuun isaanii ibsameera.

Itoophiyaan hayyama telekoomii lama dhiyeessuuf qophaa'uu cinaatti qabeenya mootummaa kan ta'e Itiyoo-telekoom irraa gahee amma tokko gurguruudhaafis qophooftee jirti.

Itiyoo-telekoom biyyattii keessatti qophaa isaa tajaajila telekomunikeeshinii kenna waan jiruufis, Afrikaa keessatti tajaajila bilbila mobaayilaa lakkoofsa ol-aanaa kennuutiin warra jalqabaa keessa jira.

Itoophiyaan sektera telekoomii gabaa biyya alaatiif banaa akka gootu kan beeksifte erga, MM Abiy Ahmad gara aangootti dhufanii tarkaanfii rifoormii fudhataniin boodadha.