Gamtaan Afriikaa Maalii miseensummaa keessaa baase, qoqqobuufis akeekkachiise

Madda suuraa, AFP
Gamtaan Afriikaa fonqolcha mootummaa Maalii keessatti deddeebi'ee mudataa jiruu fi yaaddessaa ta'e ilaalchisuun miseensummaa biyyattii yeroof haqeera, akkasumas qoqqobbii kaa'uu akka danda'u akeekkachiise.
Maaliin miseensummaa Gamtaa Afriikaa wayita mulqamtu ji'oota sagal keessatti kun isa lammaffaadha.
Kan jalqabaa Hagayya bara darbee wayita fonqolchi mootummaa inni jalqabaa raawwate hordofee ture.
Wayita sana biyyattiin akkaataa gaaffii Gamtaa Afriikaatiin aangoo mootummaa ce'umsaa humnoota waraanaa irraa gara qaamolee siiviliitti waan dabarsiteef miseensummaatti deebitee turte.
Ammas osoo waggaa hin guutin caasaan mootummaa ce'umsaa diigamee humni waraanaa fonqolcha kan biraadhaan aangoo qabateera, kanarraa kan ka'e yeroo ammaa biyyattiin qoollifatamteetti.
Gamtaan Afriikaa yeroo ammaa biyyattii miseensummaa keessaa kan haqe yoo ta'u, mootummaan siivilii bakkatti hin deebi'u taanaan qoqqobbii kaa'uuf akka duubatti hin jennes himeera.
Gamtichi akka jedhutti loltoonni mooraatti deebi'anii biyyattiin bulchiinsa duraaniitti hin deebitu taanaan tarkaanfii hamaan biyyattii mudachuu mala.
Miseensonni Gamtaa biyyoota Afriikaa Dhihaa, Ecowas, biyyattii miseensummaasaanii keessaa akka baasan Wiixata darbe beeksisanii turan.
Biyyoonni kunneen Maaliin qaama siivilii mootummaa ce'umsaa ji'oota 18'f turu hoogganu filachuun, filannoo Guraandhala dhufu gaggeeffamuuf of qopheessuu akka qabdu akeekkachiisaniiru.
Fonqolcha mootummaa kan qindeessee fi yeroo ammaa mootummaa ce'umsaa kan dursu Koloneel Assimi Goyitaa guyyaa afur dura Pirezidaantii Mootummaa Ce'umsaa ta'uun mana murtii biyyattiitiin muudame.
Qondaalli waraanaa Maalii kun walga'ii dhimma Maalii ilaalu kan Gaanaa magaalaa Akraatti taa'ame irratti hirmaachuun murtee Ecowas dabarse dhaggeeffateera.
Ministirri Dhimma Alaa Gaanaa Shirlii Ayoorkor Bochewii Maaliin hatattamaan nama biyyattii hoogganu hawaasa siivilii keessaa bakka buufachuu qabdi jedhan.
Koloneel Goyitaa erga Pirezidaantii mootummaa Ce'umsaa Bah Ndaw fi Ministira Muummee Muktaar Owaanee hidhanii booda aangoo qabatan.
Gama kaaniin pireezidantiin Mootummaa Ce'umsaa Assimi Goyitaa, ministira muummee haaraa muudaniiru.
Namni kunis Choguel Kokalla Maïga kan jedhaman oggaa tahu, hoogganaa sochii M5-RFP jedhamuuti.
Warraaqsi kun bara dabre pireezidantii yeroo sanii Buubakar Keeyitaa angorraa buusuu keessatti qooda fudhateera.
Maalii keessatti fonqolchi mootummaa bara darbe Hagayya 19 kan raawwate yoo ta'u, Pirezidaantiin yerosii Buubakar Keeyitaa aangoorraa gugsamanii hidhaa bu'anii turan.
Pirezidaantichi falmii keessa galee dhangala'uu dhiigaaf sababa ta'uurra jechuun akka dafanii aangoosaanii gadi dhiisan dubbatanii turan.
Gamtaan Afriikaa, dhaabbileen gamtaa biyyoota lixa Afriikaa fi Dhaabbati Biyyoota Gamtoomanii fonqolcha mootummaa kana balaaleffataniiru.
Fonqolchi mootummaa kun Maalii keessatti ji'a sagal keessatti yeroo lammaffaaf torbee darbe keessa raawwateera.















