UN pirezedaantiin Maalii Bah Nidaaw loltootaan to'atamanii jiran akka gadhiifaman gaafate

Pirezdaantiin Maalii Bah Nidaaw

Madda suuraa, Reuters

Pirezdaantiin Maalii Bah Nidaaw fi Ministirri Mummee Moktaar Owuune loltootaan hidhamuun isaanii erga gabaafamee booda ergamaan UN biyyittii jiru akka atattamaan gadhiifamaniif gaafate.

Ergamaan UN Minumsmas jedhamu Tiwiitara gubbaatti biyyattii keessatti ‘tasgabbiin’ akka jiraatuuf gaafateera.

Kun kan ta’e aanga'oonni yeroo PireezdaantNidaaw fi MM Owuune loltootaan gara kaampii waraanaa Kaatii, magaalaa gudditti Bamaakootti geeffamuun isaani erga gabaafameedha.

Kunimmoo yaaddoo wagga tokko keessatti yeroo lammataaf fonqolchi mootummaa gaggeefamuu mala jedhu kaaseeera.

Ministeerri waraanaa Sooleymane Doseeris to’annoo jala olfamuun gabaaseera.

Wiixata waaree booda Obbo Owuuneen miidiyaa AFP bilbilee loltoonni, “isa fudhachuuf akka dhufan” himeera. Miidiyaan kun akka jedhetti, bilbilichi jidduutti addaan cite.

Gamtaan Afrikaa, Waldaan Daldalaa Biyyootii Afrikaa Lixaa, Gamtaan Awurooppaafi Dhabbatii Mootummoota Gamtoomanii gocha kana balaaleffachuun, namootni siyaasaa olaanoo Maalii haal duree tokko malee akka gadhiifamaniif gaafataniiru.

Hidhaan kun kan dhufe mootummaa keessatti jijjiiramni akka qondaaltoota waraanaa olaanoo lama kan fonqolcha wagga darbee keessatti hirmaatan bakka akka buufaman godhamee saatii muraasa boodadha.

Fonqolcha waranaa ji’a sagal dura Pirezdaant Ibraahim Bobaakar Keeyitaa aangoorraa kaaseen booda Maaliin ammas gara jeequmsaatti galuu akka hin oolle gulaalaan BBC Africa Wiil Roos gabaaseera.

Lammileen Maalii Pirezdaant Keeyitaan angoo irraa kaafamuu simatanis – mootummaan yeroofi waraanaan dhunfatamuu isaafi jijjiiramni waadaa galame barfachuu isaan dheekkamaa jiraachuutu himama.

Fonqolchi bara 2013tti taaifame hidhatoonni Islaamummaa leellisan hokkora uumame fayyadamuun nannaa Kaaba Maali akka to’atan godheera.

Loltoonni Firaans naannichi to’annoo isaanii jalaa akka ba’uuf gargaaraniis, haleellaan itti fufeera.