Vetnaam sodaa gosa Covid haaraaf jecha magaalaa Ho Chi Minh guutuu qorachuuf

Biyyi Veetnaam tatamsa'ina Covid haaraa qolachuuf, jiraattota magaalaa Ho Chi Minh guutuu qorachuufi tarkaanfii waliirraa hiiquu haaraa beeksisuuf jirti.

Tarkaanfiin kun erga bakka amantii tokkotti vaayirasichi akka haaraatti tatamsa'e booda beeksifame.

Veetnaam Koronaa to'achuun milkaa'ina guddaa kan agarsiifte tahus, dhiyeenya kana garuu lakkoofsi olka'aa jira.

Guyyoota dhuma torbee gubbaa, gosti vaayirasichaa ''daran balaafamaa ta'e'' biyyattii keessatti argamuu aangawoonni akeekkachiisan.

Mootummaan biyyattii, gosti haaraa argame kun amaloota gosoota haaraa Indiyaafi UKtti argaman kan ofkeessaa qabuufi salphaatti qilleensaan daddarba jedha.

Biyyattiin haga ammaa lakkoofsa namootaa vaayirasichaan qabamanii 7,000 wayita galmeessitu, 47 ammoo lubbuu dhabaniiru. Kanneen keessaa dhiyeenya akka haaraatti erga ka'ee booda kan qabaman walakkaa ol tahu.

Tatamsa'inni magaalaa Ho Chi Minh keessa ka'e ammaa kun, mishinii Kiristaanaa keessa kan kahe oggaa tahu, lakkoofsi 125 galmaa'eera. Kunis lakkoofsa magaalattiitti glmaa'e keessaa gara caaludha jechuudha.

Kanneen dhiyeenya mana amantaa kana jiran kan qorataman oggaa tahu, uggura sochii jalas jiru.

Kana hordofees aanga'oonni uummata magaalattii miiliyoona 13 hunda qorachuuf karoorsaniiru.

Guyyaatti namoota 100,000 kan qoratan oggaa tahu, kunis ji'oota afur kan fudhatu taha.

Qorannoo kana qofa osoo hin taane, guyyaa Wiixataa eegalee tarkaanfiiwwan dhorkaas magaalattiitti guyyoota 15f kaa'amaniiru.

Suuqiiwwaniifi manneen nyaataa cufamaniiru. Iddoowwan amantiis cufamanii turu.

''Guutuu magaalattiitti sagantaan namoota 10 ol hirmaachisu kamuu dhorkameera. Lakkoofsa kanas gara shanitti gadi buusuuf karoorri jira,'' jedhe ibsi mootummaa.

Yeroo jalqabaaf 2020tti vaayirasichi Chaayinaa keessaa babal'achuu wayita eegaletti, biyyi Veetnaam hatattamaan tarkaanfii fudhatte. Lammiilee biyyatti deebi'an alatti. daangaashee guutummaatti cufte.

Kanneen gara biyyaa galan hundas adda baasuun, qoratte. Kana malees namoota tuttuqqaa qabu jedhamanii shakkaman faana dhawuun, qorachuufi adda baasuu eegalte.

Wayita ammaa mootummaan biyyattii vaayirasichi deebi'ee akka hin kaane, sagantaa talaallii bal'inaan akka itti fufuu dhiibbaan irra gahaa jira.

Biyyattiitti haga ammaa namoota miilyoona tokkoo ol tahantu yoo xiqqaate talaallii doozii tokko fudhate - kunis lakkoofsa uummataa biyyattii keessaa %1 jechuudha.