Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Dhuguma maddii koronaavayirasii maali, bineensamoo laabraatoorii?
Covid-19 jalqaba erga Chaayinaa magaalaa Wuhaanitti argamee amma gara waggaa tokkoofi walakkaa ta'eera. Ta'us vaayirasichi maalirraa madde kan jedhuu ammayyuu gaaffii akkuma ta'eetti jira.
Torbanoota darban keessa yaadni kana dura ka'aa tureefi jidduutti dhiifane kan vaayirasiin kornaa laabratoorii Chaayinaa keessaa miliqe jedhu dhiyeenyatti dhageetti argachaa jira.
Pirezdaantiin US Joo Baayidan yaada madda vaayirasicha kanaratti irratti qorannoon hatattamaa akka gaggeeffamuuf ajaja kenneera garee qorattootaatiif.
Kanaaf waa'ee falmii maddoota vaayirachaa irratti jiru maal beekna - falmiin kun ammo maaliif barbaachisaa ta'e?
Yaadni laabraatorii keessaa madde jedhu maali?
Kun shaakkii koronaavaayiraiin tarii, tasa ykn beekaa laabratorii Chaayinaa kan magalaa Wuhaan keessa jiru keessa miliqee jedhudha.
Kanneen shakkii ykn yaada kana deeggaran wiirtuun qorannoo baayolojii guddaa magaalicha keessa jiraachuu akka ragaatti dhiyeessu.
Dhabbanni Qoranno Vaayiraii Wuhaan (WIV) waggoota kudhanii oliif koronaavaayirasii sibirroo halkanii keessa jiru qorachaa tureera.
Laabratooriin kun gabaa qurxummii bakka vaayirasichi jalqaba itti argame irraa kiloomeetira muraasa qofa fagaata.
Kanneen yaadicha deeggaran tarii vaayirasichi dhaabbaticha keessaa miliqee gabee kanatti tatamsa’e jedhu.
Namootni hedduun vaayirasichi laabratooritti kan uumame ta'urraa wanta uumaman turerraa kan funaanamedha jechuun falmu.
Yaanni shakkii kun kan jalqabe yeroo weerarichi tatamsa'uu eegalitti yoo ta'u, Pirezdaantiin US yeroo sanaa Doonald Tiraamp shakkii kana deeggaraa ture.
Namootni tokko tokko tarii vaayirasii akka meeshaa waraanaatti fayyadamamuuf uumame ta'uu mala jedhaniiru.
Yeroo sanatti namootni miidiyaafi siyaasaa hedduu yaada kana akka jette jetteetti bira darban, kaan ammo tarii dhugaa ta'uu danda'a jedhani ture. Torbanoota dhiyoota keessatti yaadni kun deebi'ee ka'eera.
Yaadni kun maaliif deebi’ee ka’e?
Yaadni vaayirasichi laaboraatorii keessaa maddee jedhu kunis sababii miidiyaaleen US dhimmicharratti irratti yaadda haara dhiyeessaniif irra deebiin akka qoratamuuf gaafatame.
Saayintistoonni kanaan dura yaadicha mormanii turani amma yaadicha akka simatan agarsiisa.
Gabaasni addaa dhabbata basaasaa US - qorattoonni laabratorii Wuhaan sadii Sadaasa 2019, vaayirasichi jiraattota magaalatti hubuu isaan dura, mana yaalatti wal'aanama turan jedhu, torban kana midiyaalee US irratti hedduu gabaafamu eegale.
Ta'us garuu buclhiinsi Baayidan, qorannoo yaada kanaa ajaja Pirezdaant Tiraampiin dhaabbanni US gaggeessa ture, akka dhaabsise gabaafameera.
Saayintistoonni maal jedhu?
Yaadni kun ammayyuu mormii qaba. Qorannoon Dhaabbata Fayyaa Addunyaa (WHO) deebii akka argatu eegamaa ture, ta’us garuu oggeessonni hedduun deebii caalaa gaaffii dabalataa uume jedhani amanu.
Madda vaayirasicha akka qorataniif gartuun saayintistoota WHO’n ramadaman jalqaba wagga kanaatti gara Wuhaanitti imalanii turani. Turtii guyyaa 12 booda, laabratorichas daawwatanii, yaadi laabratoorii keessa miliqe jedhu “waan dhugaa fakkaatu miti” jedhaniiru.
Ta’us garuu hedduun wa’ee argannoo isaanii kana irratti gaaffii kaasaniiru.
Gartuun saayintoota beekamoo, yaada vaayirasichi laabratoorii keessaa miliqe jedhu seeraan hin ilaalle jechuun WHO qeeqaniiru, sababiin isaas gabaasa fuudha dhibbaan lakka’amaniin ba’e irrati wa’een kana fuula muraasa irratti qofa ibsame.
Oggeessonni hedduus yaadni vaayirasichi laabratoori keessa miliqe jedhu gadi fageenyaan qoratamuu qaba jedhu.
Hogganaan WHO Dr Teedroos Adhanoomis, “yaadni hundi qorannoo dabalataa barbaada,” jechuun qorannoon haaraa akka taasifamuuf gaafataniiru.
Yaada kanaratti Chaayinaan maal jetti?
Chaayinaan yaada vaayirasichi laabratoorii biyyashee keessa jiru keessa madde jedhu balaaleeffachuun, yaada biraa tasii koronaavayirasiin biyyatti kan seene nyaata biyya biraa irra ergameeni jedhu dhiyeessiteetti.
Miidiyaan mootummaa Chaayinaa hamii hin taanee babal’isuun mootummaa US fi miidiyaalee biyyoota lixaa himataniiru.
Yaadni biraa jiru maali?
Madda vaayirasichaa irratti yaadni biraan jiru, “madda uumamaa” kan jedhudha.
Yaadni kun kan eeruu vaayirasichi umamaan, hojii saayintistoota ykn laabraatorii malee, bineensota irraa namatti akka daddarbedha.
Namootni yaada kana deeggaran akka jedhanitti Covid-19 sibira halkanii keessatti maddee karaa bineensa biraan namatti darbe.
Yaadni kun gabaasa WHO tiin ni deeggarama, gabaasichi Covid-19 bineensaan namatti dhufuun isaa “dhugaa jiru fakkaata” jedha.
Jalqaba weerarichaatti yaadni kun bal’inaan simatamee ture, ta’us garuu boodarra saayintistoonni vaayirasichaa sibira halkaniii ykn bineensa biraa keessatti waan hin argamneef yaadicha irratti shakkii kaasera.
Madda isaa baruun maaliif barbaachisa?
Vaayirasichi hanga ammattii addunyaa irratti lubbuu namoota miiliyoona 3.5 waan galafateef, madda isaa baruun weerarichi deebi’ee akka hin uumamne ittisuuf gargaara jedhu saayintistoonni heddu.
Yaadni “bineensota irraa dhufe” jedhu yoo mirkanaa’e, hojii horsiisaa fi bineensota soorachuu irratti dhibbaa uumuu mala. Deenmaark keessatti sodaa vaayirasichi karaa horsiisa bineensa mink jedhamtuun daddarba jedhuun gosi bineensota kanaa miiliyoonaan ajjeefamaniiru.
Yoo yaadi laabratorii keessaa miliqe ykn karaa daldala nyaataan dhufe jedhu yoo mirkanaa’ee garuu qorannoo saayinsii fi daldala idil addunyaa irratti miidhaa ni uuma.
Laabratorii Chaayinaa keessa miliqe yaadni jedhu yoo mirkanaa’ee ammo akkataa itti addunyaan Chaayinaa ilaaltuu irratti miidhaa guddaa uumu mala.