Talaallii Covid-19: Jijjiiramni yeroo marsaa laguu talaallii waliin walqabataa?

Wayita talaalii Covid fudhachuuf beellama qabattan miidhaa talaallichaan walqabatee dhufuu malu(side effects) ilaalchisee akeekkachiisi ni kennama. Fakkeenyaaf ho'a qaamaa, mataa bowwuu fi dadhabbiin irree(buusaawwan harkaa) irratti mul'atan isaan muraasa. Yeroon marsaa laguu dubartii jijjiiramuun garuu as keessatti hin tarroofne.

Haata'u malee dubartoonni biyyoota addunyaa garaagaraa keessa jiran, laguun dafee dhufuu, akkaan dhukkubuu fi namatti ulfaachuun miidhaa sababa talaallichaa dhufu ta'ee tarreeffamuutu irra ture jedhaa jiru.

Meedikaal Antirooppoolojistii kan taate Dr Keet Kilaansii erga talaallii gosa Moderna fudhattee booda laguun akka kanaan dura ta'ee hin beekneen itti ulfaachuu twitter isheerratti barreessitee turte.

Isa booda namooni hedduun muuxannoo walfakkaataa qabaachuu ergaa isheef barreessanirraa akka hubattes himti.

Dr Kilaansiin hiriyaashee duraanii Dr Katharine Lee waliin ta'uun, namoota muuxannoo akkanaa qaban sakatta'uun qindeessuu eegalaniiru.

Jijjiiramni kun sababa talaallii ta'uun hanga yoonaa hin beekamne-hin qoratamne waan ta'eef.

Garuu dubartoonni hedduun erga talaallii fudhatanii booda jijjirama walfakkaataa agarsiisaa jiru, keessattuu erga mudannoo namoota kaanii dhagahanii as mudannoosaanii baasuu eegalan.

Landan Impeeriyaal kolleejjii keessatti damee sirna walhormaataa keessa kan hojjetan Dr Viktooriyaa Meel, gamasaaniin dubartoonni hedduun kanneen marsaa laguu isaanii dhaabn wayita talaallii fudhatan dhiiguu eegalu jedhan.

Kanaafuu dhiibbaa talaalliichaa ta'uu wantoonni agarsiisan jiru jedhan.

Kanneen dhiira ta'anii saalasaanii kan dubartiitti geeddaratan(akka dubartiitti of ilaalan) fi dubartoonni marsan laguu isaanii dhaabbate, erga talaallii fudhatanii booda dhiiguun akka itti hammaate dubbataa jiru.

Haalli kun hanga ammaatti saayinsiidhaan mirkanaa'uu baatus, garuu talaalliin kun erga fudhatamee yeroowwan jalqabaa jiran keessatti jijjiiramnii fi dhukkubbii hamaan marsaa laguun walqabatee uumamaa jiraachuun dhugaa jiruudha.

Ulfi garaadhaa ba'uu waliin walqabataa?

Marsaa laguurratti jijjiiramni mul'achuu jechuun talaallichi ulfa garaadhaa baasuu waliin walqabata jechuu miti.

Dr Meel akka jedhanitti dubartoonni talaallicha fudhatan carraan daa'imni garaadhaa ba'uu baayyee xiqqaa ta'uu ragaan qaba jedhan.

Yuuniversitii Oksifoord irraa kan ta'an Dr Alexandra Alvergne, wanti nuti beeknu,Covid dabalatee dhibeen kamuu rakkoo ulfi garaadhaa ba'uu uumuu danda'u, garuu kan talaallii adda baasnee hin beeknu jedhan.

''Laguu dubartii irratti jijjiiramni mul'achuu fi talaallicha gidduutti hariiroon jiraachuu danda'a, kan ulfa garaa jiru waliinii garuu quba hin qabnu,'' jedhan.

Talaalliiwwan Flu fi HPV yeroo gabaaf laguu dubartii irratti dhiibbaa uumuu danda'u, garuu miidhaan yeroo dheeraa jiraachuun adda hin baane.

Garuu walhormaata dhala namaarratti miidhaa tokkollee hin qabu, kanaaf ragaatu jira jedhan Dr Meel.

Odeffannoo dogoggoraa talaalliin walqabatu

Odeeffannoon talaalliin Covid-19 marsaa laguu dubartootaa irratti miidhaa qaba jedhu namoota odeeffannoo sobaa tamsaasaniin miidiyaa hawaasaa walga'ee yaaddoo uumeera.

Gareen faallaa talaallii fi tiyooriin shiraan deeman muuxannoo fi mudannoo dubartootaa kanneen akka Dr Kilaansii kaasuun, talaallichi marsaa laguu miidhaa kan jiruu fi dhala namaa walhormaata dhorkuuf kan dhufeedha jechuun baayyee odeessan.

Odeeffannoon sobaa kan talaalliin ulfa garaadhaa baasa jedhus tibbana bal'inaan miidiyaa hawaasummaa dhunfatee jira.

Odeeffannoon kun saayinsiidhaan waan hin mirkanoofneef, dhugaarraa kan fagaateedha.

Garuu miira namooni talaallicha fudhachuuf qaban akkaan miidheera.