Pirezidaantiin US Joo Baayidan maddi Covid-19 akka qoratamu ajaja kennan

Pirezdaantiin US Joo Baayden qondaaltoonni basaasaa,isa laaboraatoorii Chaayinaa keessaa bahee kan jedhu dabalate, madda vaayirasichaa Covid-19 akka qorataniif ajaja kenne.

Baayidan akka himaniitti gartuuleen basaasaa US maddi vaayirasii kanaa laaboraatorii keessaa yoo jedhan kaan ammoo tuxuqaa ilamaa namaa beeleendoota infekshinii qaban waliin taasiseen kan dhufe jechuun adda qodamaniiru.

Baayidanis gareen qorattootaa kunneen guyyaa 90 keessatti argannoosaanii akka isaaf gabaasaniif gaafateera.

Haata'u malee imbaasiin Chaayina ammoomadda Covid ''dhima siyaasaa' gochuu akeekkachiiseera.

''Madda vaayiraasichaa barbaachuu kan dhimma saayinsii ta'ee siyaasatti fayyadamuun, madda vaayirasichaa argachuuf baayyee kan cimsu qofaa osoo hintaane, 'vaayirasii siyaasaatiif' fuuloo bilisaa kennuun weeraricha irratti walta'insa idil-addunyaa garmalee miidhu mala'' jedha imbaasichi ibsa isaatiin.

Covid-19 erga yeroo jalqabaatiif bara 2019tti Chaayinaa Wuhaan eessatti argameen booda addunyaarratti namoonni miliyoona 168 ittiin qabamuun mirkanaa'ee.

Akkasumas kanneen miliyoona 3.5 dhukkubuma kanaan lubbusaanii dhabaniiru.

Jalqabaratti anga’oonni dhimma Covid gabaa qurxummii Wuhaan keessaa madde jedhanii kan turan yoo ta'u, saayintistoonni ammoo vaayirasichi jalqaba bineensarra namatti darba jedhanii amananii ture.

Dhiyeenya garuu gabaasni miidiyaa US vaayirasichi laabratoorii Chaayinaa keessa maddee kan jedhu irratti ragaan dabalaa akka jiru hima.

Chaayinaan ammoo gabaasa kana balaaleffachuun, tarii sirumaa laabratoorii US keessaa madde ta'u mala jettetti.

Baayidan kana maalii amma raawwataa?

Ibsa Waayit Haawusiin Roobii kaleessaa baase irratti Pireezdaant Baayden, erga aangoo qabateen booda madda Covid-19 irratti “bineensa vaayirasichaan qabame irraa namatti darbee yoo ta’e ykn laabratoorii keessaa kan madde yoo ta’e” gabaasa akka dhiyaatuuf gaafachaa akka ture hima.

Gabaasa ji’a kana argachuun booda ammoo “qorannoon dabalataa” akka gaggeeffamu gaafateera.

“Har’aa eegalee Hawaasni Basaasaa US maddaa lama qorachaa jira garuu deebii murtaa’aa ammatti hiin arganne,” jedha Baaydan.

Kanaafis dhaabileen baraasaa kun qorannoo bal’aa gaggeessuun guyyaa 90 keessatti gabaasa akka dhiyeessaniif ajajeera.

Dabalataanis Kongiresiin US hojii kana irratti “guututti odeeffannoo” akka argataniif gaafateera.

Akkasumas US “waayiloota yaada walfakkaataa qaban waliin hojjachuun, Chaayinaan qorannoo idil -addunyaa gaggeeffamu irratti ifinaan akka hirmaattuu fi raga fi odeeffannoo jiru hunda akka dhiyeessituuf dhibbaa akka uumaan,” himaniiru.

Roobii irratti gaazeexaan Washington Post garuu bulchiinsi Baayidan maallaqa utuu Dhaabbata Fayyaa Addunyaaf utuu kennuu odeeffannoo madda Covid-19 kongirasiin dhiyaate mormeera jechuun qeeqeera.

Dabalataanis gabaasni CNN ajaji Baaydan maddi vaayirasichaa laabratorii irraamoo miti kan jedhu adda baasuuf ajaje, wanta akkanumaan qabeenya qisaasessudha jedheera.