Ji'a Ramadaanaa keessa muslimoonni talaallii Covid-19 fudhachuu danda'uu?

Dubartii talaallii namaaf kennaa jirtu

Madda suuraa, Getty Images

Beektonni amantii Islaamaa fi ogeeyyiin fayyaa, hawaasni muslimaa sababa sooma Ramadaanaan talaallii Covid-19 osoo hin fudhatin akka hin hafne yaadachiisaa jiru.

Ji'a Ramadaanaa keessa hawaasni muslimaa addunyaa lakkoofsaan biiliyoona lamatti siqu nyaataa fi dhugaatii gosa kamiiyyuu fudhachuun dhorkaadha.

Seerri amantii Islaamaa hordoftoonni amantichaa ji'a Ramadaanaa keessa ''ganama obboroo irraa eegalanii hanga galgalaatti waan bifa soorataan gara qaamaa seenu kamirraayyuu akka of ittisan'' barsiisa.

Magaalaa Liids keessatti imaama kan ta'an Qaarii Asiim, talaalliin kun karaa irree harkaa kan kennamuu fi qabiyyee nyaataa fi dhugaatii homaatuu of keessaa waan hin qabneef yoo fudhtame waan sooma cabsu miti jedhan.

"Barsiisonni amantii Islaamaa hedduun ji'a Ramadaanaa keessa talaallii fudhachuun akka waan sooma cabsuutti hubatu,'' jedhan Dura taa'aan Boordii Gorsitoota Imaamotaa fi Masjiidota Biyyaalessaa Imaam Qaarii Asiim.

Haata'u malee akka ogeessi Fayyaa Landan Bahaa Dr Faarzaanaa Huseen jedhanitti hawaasni muslimaa ji'a kana keessa guyyaas yoo barbaadan ba'anii talaallii fudhachuu danda'u.

"Muslimoonni hedduun ji'a Ramadaanaa kana keessa talaallii Covid-19 fudhachuu dandeenyaa jedhanii akka gaafataa jiran hubanneerra,'' jedhan Dr Faarzaanaa Huseen.

''Hordoftoonni amantii Islaamaa hedduun ji'a Ramadaanaa keessa marfee waraannachuun akka sooma cabsutti fudhatu. Kun garuu dhugaa miti. Sababni isaa talaallii qabiyyee soorataa homaatuu of keessaa hin qabu.''

Masjiidonni UK keessatti argaman tokko tokko muslimoonni ji'a Ramadaanaa kana keessa talaallii fudhachuu danda'u jechuun mooraa isaanii keessatti talaallicha kennuu eegalaniiru.

Lammiileen Biriteen hedduun amantiin isaan talaallii irratti qaban yeroodhaa gara yerootti dabalaa jira.

Ogeettii fayyaa talaallii kennuuf qophaa'aa jirtu

Madda suuraa, Reuters

Gareen ogeeyyii fayyaa muslima ta'anii fi Waldaan muslimoota Biriteen qindaa'uun, talaalliin sooma cabsuu akka hin dandeenye ibsa baasaniiru.

Gareen kun masjiida, bakka hojii fi hawaasa keessatti giddu gala hundeessuun talaallii kennaa jira.

Imaam Leestar kan ta'an Dr Aasar Huseen, hordoftoota amantichaaf wayita gorsa dabarsan, ''talaallii fudhachuun qaama ibaadaa(amantiiti) ,'' jedhan.

''Ibaadaan waan gaarii fi tokkummaa hawaasa muslimaa walitti fiduu fi cimsu hojjechuudha. Talaallii fudhachun ammoo waan kana milkeessa.''

Dr Aasar Huseen

Madda suuraa, BRADFORD GRAND MOSQUE

Dr Shehla Imtiaz-Umar, doktara waliigalaa fi bakka buutuu Waldaa Ogeeyyii Fayyaa Muslimoota Biriteen.

''Talaallii Covid-19 fudhachuurratti harkifachuun hin barbaachisu, hatattamaan fudhachuu feesisa,'' jette Dr Shehla Imtiaz-Umar.

''Akka muslimootaatti nuti lubbuu keenya eeguuf dirqama qabna. Talaallii fudhachuun mala ittiin dhibee ofirraa ittisnuu fi lubbuun akka Covid-19'n hin badne goonuudha.''

Dr Shehla Imtiaz-Umar