Dhaabbati Chaayinaa osoo shayii eegdan ‘dubartoota barbaaddan argachuu dandeessu’ jedhe ceepha’ame

Dubartii shaayii dhugaa jirtu

Madda suuraa, Getty Images

Chaayinaa keessatti dhaabbati dhugaatii fi waan ho'aa gurguruun beekamu, beeksisa daldalaaf hojjetu keessatti ergaa dubartoota salphisuufi yeellaasisu dabarseera jedhamuun qeeqameera.

Dhaabbatichi qeeqa karaa interneetii itti heddummaate booda ifatti dhiifama gaafateera.

Dhaabbati 'Sexy Tea' jedhamu kun oomishasaa gurgurachuuf maqaa dubartootaatiin daldaleera jedhamuun akkaan qeeqame.

Keessattuu beeksisa isaa keessattuu kan ''Maamiloonni osoo waan ho'aa eeggatanii dubartoota fedhan argachuu danda'u'' jedhu komii guddaa kaase.

Dhaabbati kun kanaan duras baala shaayii barreeffama ''mootii koo sin barbaada'' jedhu ofirraa qabu gurguraa ture jedhamuun qeeqamee ture.

Dhaabbatichi qeeqa irratti heddummaate booda, dubartoota salphisuun gonkumaa kaayyoosaa akka hin taane ibseera.

Kubbaayyaawwan barreeffamoota dubartoota qaanessanii fi kabajasaanii gadi buusan ofirraa qabu jedhamanis gabaa keessaa akka baasuu fi gochi akkanaa baayyee saalfachiisaa ta'uus himeera dhaabbati kun.

Dhaabbati 'Sexy Tea' jedhamu kun tibbana kubbaayyaawwan barreeffama loqoda afaan Chaayinaa,''Changsha' jedhamuun beekamu ofirraa qaban hedduu gabaatti baasee ture.

Loqodi kun bulchiinsa Hunaan keessatti bal'inaan kan dhimma itti ba'amu yoo ta'u, dhaabbatichis bakka kanatti suuqiiwwan 270 ta'an qaba.

Dhaabbati kun jechoota loqodaa kanaa hedduu kubbaayyaawwan irratti chaappesse keessaa 'jian lou zi' kan jedhu keessatti argama.

Hiiki jecha kanaa gatiin rakasaan meeshaa bituu jechuudha.

Kana malees dhaabbati kun beeksisa, ''Shaayii bitachuu deemeen dubartoota babbareedoo hedduu arge. Isinis yoo carraan kun isin quunname hiriyoota keessanitti himaa-gatii rakasaanin argadhe'' jedhu labsee ture.

Haala kana marsariitiin tokko erga saaxilee boodadha kan qeeqi hamaan dhaabbaticharratti ka'e. Isa booda duulli karaa interneetii eegalame.

"Kun adeemsa daldalaa fokkisaadha'' jedhe namni tokko.

"Kan baayyee nama jibbisiisu waan kubbaayyaa irratti barreefame qofa osoo hin taane, hima isaan itti fayyadamaniidha'' jedhe maamilli biraan ammoo.