Afrikaa Kibbaatti manni qorichaa Clicks beeksisa rifeensaa 'sanyummaa' qabu hojjete haleelame

Madda suuraa, EFF
Afrikaa Kibbaatti mormitoonni dhaabbatni qorichaa fi oomishaalee bareedinaa gurguruun beekamu, erga beeksisa rifeensaa jibba sanyummaa mul'isu hojjete jedhaniin booda suuqiiwwan hedduu cufsisiisan.
Beeksisa Clicks hojjete kana keessa rifeensa Afrikaanotaa gogaa, nuffisiisaa fi kan miidhame jedhamuun kan ibsame yogguu tahu, fakkeenyi rifeensi warra adii ammoo laafaa fi gaarii jedhamee ibsame.
Paartiin mormituu Economic Freedom Fighters (EFF), beeksisa kanaan ''jibba sanyummaa kan qabuu fi sadarkaa namummaa kan gadi buusuudha,'' jedhe.
Hoogganaan dhaabichaa Juliyas Maalemaa, suuqiiwwan 'Clicks' marti akka cufamu gaafate.
Kaampaanichi dhaaba siyaasaa kana mana murtiittiin geessa kan jedhe yogguu tahu, Aab Maalemaan ammoo deeggartoota isaatiin ''duulaaf qophii tahaa'' jechuun ergaa dhaame. ''Dhaabni keenyas sodaachisaaf hin jilbeenfatu.''
''Kuni ergaan inni qabu, eenyummaan gurraachotaa eenyummaa warra adii gadii akka ilaalamudha. Kun waan nutti agarsiisu, sadarkaa bareedinaa adiitu isa olaanaa tahuun fedhama. Bareedinni gurraachaa ammoo waan miidhaa, shamuufi waan baratamaa hin taane akka bakka bu'utti fudhatama jechuudha,'' paartichi ibsa isaatin.
Miseensonni paartii EFF yeroo hedduu uffata diimaa uffachuun, hojjettootaaf deeggarsa qaban agarsiisuun beekamu.
Deeggartoonni kunniin 2018ttis mormii walfakkaatu dhaaba huccuu gurguru H&M irratti gaggeessanii turan.
Gaafas kaampaaniin kun maxxansa daa'imni gurraachi tokko shurraabii ''qamalee isa bareedaa bosona keessaa'' ("coolest monkey in the jungle") jedhu uffatee kahe booda, mormiin guddaa isa mudate.
EFF Aab Maalemaan ALA 2013tti hundaa'e. Yeroo maras adeemsi paartichaa gara uummataa goruun, dhaaba biyya bulchu African National Congress (ANC), kaayyoo qabsoo ganamaa sana gateera jechuun qeeqa.
Aab Maalemaan ANC'n hawaasa gurraacha harka caalaa harka-qalleeyyii tahe dagateera jedha. Inumaawuu fedhii dhaabbilee daldalaa gurguddoo eegsisa jedha - dhaabbileen kun garri caalu warra adii lakkoofsaan bicuu tahaniin kan to'atamedha.
Afrikaa Kibbaatti sirni appaartaayidii erga dhume waggoonni 29 dabranis, sanyummaan ammllee hawaasicha keessa jira kan jedhu yaada nama hedduuti.
Beeksisi 'Clicks' mormii kanaaf sababa tahe torbee dabre maxxanfame kun, ergasii kaheera yookaan haqameera.
''Suuraaleen miira namaa tuqanii fi nama dallansiisan marsariitii keenya gubbaa maxxanfamuu isaaniitif daran aareera,'' jedhan aanga'aan 'Clicks' Vikesh Ramsunder.
''Hojjettoonni dhibaa'oo'' tahanis hojiirraa dhorkamaniirus jedhan.
Dhiifamni hoogganaa dhaabichaa garuu, deeggartoota EFF waan garaa gahe hin fakkaatu. Guyyaa Wiixataa (kaleessa), suuqiiwwan biyyattii keessatti argaman hedduu haleelaniiru.
Viidiyoo tokkorratti akka mul'atutti girgijjii yookaan baattoo mi'aa suuqii keessaa garagalchaa turan.
Kutaa biyyaa Mpumalangatti ammoo, namoonni gareen tahuun boombii gaazii suuqii Clicks'tti darbataniiru.














